Publicidade

Oséias 6

Israaʼel Qalbii Jijjiirrachuu Didde

1 "Kottaa gara Rabbii Allaahatti deebinaa.

Inni nu ciccireera;

garuu nu fayyisa;

inni nu madeesseera;

garuu madaa keenya ni waldhaana.

2 Akka nu fuula isaa dura jiraannuuf,

guyyaa lama booddee nu bayyanachiisa;

guyyaa sadaffaatti immoo deebisee nu dhaaba.

3 Kottaa Rabbii Allaah haa beeknu;

isa beekuufis haa tattaaffannu.

Akkuma aduun dhugumaan baatu sana

inni dhugumaan ni dhufa;

inni akkuma bokkaa gannaa,

akkuma bokkaa birraa kan lafa quubsu sanaatti gara keenya ni dhufa.

4 "Yaa Efreem, ani maalan si godha?

Yaa Yihuudaa, ani maalan si godha?

Jaalalli keessan akkuma hurrii ganamaa,

akkuma fixeensa barii baduu ti.

5 Kanaafuu ani nabiiʼiyyoota kootiin isin cicciree

dubbii afaan kootiin isin fixe;

murtiin koos akkuma aduu ni baʼa.

6 Ani araaran fedha malee aarsaa hin fedhuutii;

aarsaa gubamu caalaa Allaah beekuu nan fedha.

7 Isaan akkuma Aadam kakuu cabsaniiru;

achittis anaaf hin amanamne.

8 Giliʼaad magaalaa hamootaa

kan dhiigaan faalamtee dha.

9 Akkuma saamtuun riphxee nama eeggattu sana,

gareen lubootaas akkasuma godhu;

isaan yakka qaanessaa hojjechuudhaan

karaa Sheekem irratti nama ajjeesu.

10 Ani mana Israaʼel keessatti

waan suukaneessaa tokko argeera.

Achitti Efreem ni sagaagale;

Israaʼelis ni xuraaʼe.

11 "Yaa Yihuudaa sittis

haamamuun murteeffameera.

"Yeroo ani boojuu saba koo deebisutti,

Veja também

Publicidade
Oséias
Ver todos os capítulos de Oséias
Bíblia Online Bíblia Online

Bíblia Online • Versão: 2026-06-15_21-32-39-