Publicidade

Oséias 2

1 "Obboloota keessaniin, ‘Saba koo’ obboleettota keessaniin immoo, ‘Jaallatamtuu koo’ jedhaa.

Adabamuu fi Haaromfamuu Israaʼel

2 "Haadha keessanitti dheekkamaa; isheetti dheekkamaa;

isheen niitii koo mitiitii;

anis dhirsa ishee miti.

Isheen fuula ishee irraa ilaalcha ejjummaa haa balleessitu;

amanamummaa dhabuus harma ishee gidduudhaa haa balleessitu.

3 Yoo kanaa achii ani wayyaa ishee irraa baasee

akkuma guyyaa isheen dhalatte sanaa qullaa ishee nan hambisaa;

akkuma gammoojjii ishee nan godha;

lafa goggogaatti ishee nan geeddara;

dheebuudhaanis ishee nan ajjeesa.

4 Isaan ijoollee ejjummaa waan taʼaniif,

ani ijoollee isheetiif garaa hin laafu.

5 Haati isaanii amanamummaa dhabdee

karaa salphinaatiin isaan ulfoofte.

Isheen, ‘Ani warra na jaallatu,

warra nyaata koo fi bishaan koo,

warra suufii koo fi wayyaa quncee talbaa irraa hojjetame,

warra dibataa fi dhugaatii koo naaf kennan

duukaa nan buʼa’ jette.

6 Kanaafuu ani haafa qoraattiitiin daandii ishee nan cufa;

akka isheen karaa ittiin baatu hin arganneef dallaa itti nan ijaara.

7 Isheen michoota ishee duukaa buuti; garuu isaan hin qaqqabdu;

isaan barbaaddi; garuu hin argitu.

Ergasii isheen, ‘Ani akkuma duraa

gara dhirsa kootti nan deebiʼa;

amma caalaa yeroo sana wayya tureetii’ jetti.

8 Isheen akka ani midhaan,

daadhii wayinii haaraa fi zayitii isheedhaaf kenne,

meetii fi warqee isaan Baʼaaliif dhiʼeessanis

kan ishee irratti dhangalaase anuma akka taʼe hin beekne.

9 "Kanaafuu ani yeroo inni bilchaatutti midhaan koo,

daadhii wayinii koo haaraa illee yeroo inni qophaaʼutti irraa nan fudhadha.

Ani suufii koo fi wayyaa koo kan quncee talbaa irraa hojjetame

kanan qullaa ishee dhoksuudhaaf kenneefis amma ishee irraa nan fudhadha.

10 Ani amma ijuma michoota ishee duratti

addaggummaa ishee nan saaxila;

namni tokko iyyuu harka koo keessaa ishee hin baasu.

11 Ani ayyaana ishee hunda jechuunis,

ayyaana ishee kan waggaa, ayyaana ishee kan gaafa baatii haaraa,

ayyaana ishee kan Sanbataatii fi

ayyaanota ishee kanneen murtaaʼan hunda nan hambisa.

12 Ani muka wayinii isheetii fi muka harbuu ishee

kan isheen michoota kootu naaf kenne jettu sana nan barbadeessa.

Ani daggala isaan nan godha;

bineensi bosonaa isaan dheeda.

13 Ani guyyoota isheen itti

Baʼaalii fi ixaana aarsite sanaaf ishee nan adaba;

isheen qubeelaa fi faaya garaa garaatiin

of miidhagsitee michoota ishee duukaa butee na irraanfatte"

jedha Rabbii Allaahan.

14 "Kanaafuu ani amma ishee nan sossoba;

gara lafa gammoojjiitti ishee geessee

jaalalaan itti nan dubbadha.

15 Ani iddoo dhaabaa wayinii ishee deebisee nan kennaaf;

Sulula Aakooris balbala abdii nan godha.

Isheen achitti akkuma gaafa shamarrummaa isheetti,

akkuma gaafa biyya Gibxii baateetti sirbiti.

16 "Ati gaafa sana" jedha Rabbii Allaahan;

" ‘Dhirsa koo’ jettee na waamta;

ati lammata deebitee, ‘Gooftaa koo’ naan hin jettu.

17 Ani maqaawwan Baʼaal afaan isheetii nan balleessa;

maqaan isaanii lammata hin dhaʼamu.

18 Ani gaafas bineensa bosonaatii fi simbirroota shamaayʼun wajjin,

uumamawwan lafa irra munyuuqan wajjin

isaaniif kakuu nan gala.

Ani akka isin nagaadhaan bultaniif

xiyya, goraadee fi waraana

lafa irraa nan balleessa.

19 Ani bara baraan ofii kootiif sin kaadhimadha;

ani qajeelummaa fi dhugaadhaan

jaalalaa fi gara laafinaan sin kaadhimadha.

20 Ani amanamummaadhaan sin kaadhimadha;

atis Rabbii Allaah ni beekta."

21 Rabbii Allaahan akkana jedha;

"Ani gaafas deebii siif nan kenna;

ani shamaayʼuniif deebii nan kenna;

shamaayʼuniinis lafaaf deebii ni kenna;

22 laftis midhaaniif, daadhii wayinii haaraa fi

zayitiif deebii kenniti;

isaanis Yizriʼeeliif deebii kennu.

23 Ani ofii kootiif lafa irra ishee nan dhaabbadha;

ani kanan, ‘Ati jaalallee koo miti’ jedheen sana nan jaalladha.

Ani warra, ‘Isin saba koo miti’ jedhaman sanaan, ‘Isin saba koo ti’ nan jedha;

isaanis, ‘Ati Allaah koo ti’ naan jedhu."

Veja também

Publicidade
Oséias
Ver todos os capítulos de Oséias
Bíblia Online Bíblia Online

Bíblia Online • Versão: 2026-06-15_21-32-39-