Publicidade

Oséias 10

1 Israaʼel muka wayinii dagaage ture;

inni matuma isaatiif ija naqata.

Akkuma iji isaa baayʼateen

inni iddoo aarsaa hedduu ijaarrate;

akkuma lafti isaa gabbatteen

utubaawwan waaqeffannaa isaa miidhagfate.

2 Garaan isaanii gowwoomsaadhaan guutameera;

isaan amma yakka isaanii baadhachuu qabu.

Rabbii Allaahan iddoo aarsaa isaanii ni diiga;

utubaawwan waaqeffannaa isaaniis ni barbadeessa.

3 Ergasii isaan akkana jedhu;

"Nu sababii Rabbii Allaah sodaachuu didneef mootii hin qabnu.

Garuu utuu mootii qabaanne iyyuu

inni silaa maal nuuf godha?"

4 Isaan waan hedduu waadaa galu;

kakuu sobaas seenanii

walii galtee uummatu;

kanaafuu seera dhabeeyyiin

akkuma aramaa summii qabu kan lafa qotiisaa keessaatti latu.

5 Namoonni Samaariyaa keessa jiraatan

sababii waaqeffatamaa tolfamaa fakkii jabbii kan Beet Aawwen keessaa sanaatiif sodaatu.

Sabni ishee isheedhaaf booʼa.

Luboonni ishee ejjitoonni

warri ulfina isheetiin gammadan sunis

sababii isheen isaan irraa boojiʼamteef ni booʼu.

6 Jabbichis akka harka fuudhaatti

Yaariim mootichaaf Asooritti geeffama.

Efreem ni salphifama;

Israaʼel waaqeffatamtoota ishee kanneen muka irraa tolfamaniif ni qaanofti.

7 Samaariyaa fi mootiin ishee

akkuma hoomacha bishaan irraatti fudhatamanii badu.

8 Iddoowwan sagadaa kanneen Awween ni barbadeeffamu;

kunis cubbuu Israaʼel.

Qoraattii fi sokorruun irratti biqilee

iddoo aarsaa isaanii haguuga.

Yeroo sana namoonni tulluuwwaniin, "Nurratti jigaa!"

gaarraniin immoo, "Nu dhoksaa!" jedhu.

9 "Yaa Israaʼel isin bara Gibeʼaatii jalqabdanii cubbuu hojjettaniirtu;

ammas achumatti haftaniirtu.

Gibeʼaa keessatti waraanni kaaʼee

jalʼoota hin fixuu?

10 Ani yoon fedhe isaan nan adaba;

sababii cubbuu isaanii dachaa sanaatiif

hidhaa keessa isaan buusuuf saboonni naannoo isaaniitti walitti qabamu.

11 Efreem goromsa leenjifame

kan midhaan siribsiisuu jaallatuu dha;

kanaafuu ani morma ishee irra

waanjoo nan kaaʼa.

Ani Efreemin nan oofa;

Yihuudaan lafa qotiisaa qotuu qaba;

Yaaʼikuubis biyyoo bulleessuu qaba.

12 Ofii keessaniif qajeelummaa facaafadhaatii

ija jaalalaa kan hin dhumne haammadhaa;

lafa keessan kan hin qotamin illee baqaqsaa;

yeroon kun yeroo hamma inni dhufee

qajeelummaa isinitti roobsutti

Rabbii Allaah barbaaddataniitii.

13 Isin garuu hammina facaafattanii

jalʼina haammattan;

isin ija sobaa nyaattaniirtu.

Sababii ati jabina keetii fi

loltoota kee baayʼee sana abdatteef,

14 akkuma Shalmaan gaafa lolaatti Beet Arbeelin balleessee

haadhota ijoollee isaanii wajjin biyyootti makaman sana,

daʼannoowwan kee hundi ni barbadaaʼu;

huursaan waraanaas saba keetti ni kaʼa.

15 Yaa Beetʼeel, sababii hamminni kee akka malee guddaa taʼeef,

wanni akkasii sittis ni dhufti.

Gaafa guyyaan sun bariʼutti

mootiin Israaʼel guutumaan guutuutti ni barbadeeffama.

Veja também

Publicidade
Oséias
Ver todos os capítulos de Oséias
Bíblia Online Bíblia Online

Bíblia Online • Versão: 2026-06-16_18-40-07-