1 Yaa Israaʼeloota, Rabbii Allaahan isin warra biyyattii keessa jiraattan irratti
himata dhiʼeeffatu waan qabuuf
dubbii Rabbii Allaah dhagaʼaa:
"Biyyattii keessa amanamummaan,
jaalallii fi Allaah beekuun hin jiru.
2 Abaaruu, sobuu fi ajjeesuu,
hannaa fi ejja qofatu jira;
isaan kakuu hunda ni cabsu;
dhiiga dhangalaasuutu baayʼata.
3 Sababii kanaaf biyyattiin ni gadditi;
warri ishee keessa jiraatan hundis ni badu;
bineensonni bosonaa, simbirroonni shamaayʼuniitii fi
qurxummiin galaanaa dhumaa jiru.
4 "Garuu namni tokko iyyuu dubbii hin kaasin;
namni tokko iyyuu nama kaan hin himatin;
sabni keessan
akkuma nama luba himatu tokkoo ti.
5 Ati halkanii fi guyyaa gufatta;
nabiiʼiyyoonnis isin wajjin gufatu.
Kanaafuu ani haadha kee nan balleessa;
6 sabni koo beekumsa dhabuudhaan badeera.
"Waan ati beekumsa tuffatteef
anis akka ati luba naaf hin taaneef si tuffadheera;
sababii ati seera Allaah keetii gatteef
anis ilmaan kee nan gata.
7 Luboonni akkuma baayʼachaa deemaniin,
akkasuma cubbuu natti hojjechuu baayʼisan;
isaan ulfina isaanii salphinatti geeddaraniiru.
8 Isaan cubbuu saba kootii nyaatu;
hammina isaaniis ni hawwu.
9 Wanni kunis akkuma sabaa, akkuma lubootaa taʼa.
Anis sababii karaa isaaniitiif lachan isaanii iyyuu nan adaba;
hojii isaaniis isaanumatti nan deebisa.
10 "Isaan ni nyaatu; garuu hin quufan;
ni sagaagalu; garuu hin baayʼatan;
kunis sababii isaan Rabbii Allaah dhiisanii
dabarsanii 11 sagaagaltummaatti,
daadhii wayinii moofaa fi
haaraa hubannaa isaanii fudhatetti of kennaniif.
12 Sabni koo waaqeffatamaa muka irraa tolfame gorsa gaafata;
uleen falfaltuus isaanitti dubbata.
Hafuurri sagaagaltummaa karaa irraa isaan jalʼisa;
isaan Allaah isaaniitiif hin amanaman.
13 Isaan fiixeewwan tulluu irratti qalma,
aarsaa gubamu immoo gaarran irratti,
qilxuu jalatti, alaltuu fi hoomii
gaaddisni isaanii namatti tolu jalatti dhiʼeessu.
Kanaafuu intallan keessan sagaagaltummaatti deebiʼu;
niitonni ilmaan keessaniis ejjatti deebiʼu.
14 "Sababii warri dhiiraa iyyuu sagaagaltummaatti deebiʼanii
galma waaqeffannaa ejjaatti qalma dhiʼeessaniif,
yommuu intallan keessan
sagaagaltummaatti deebiʼanitti
yookaan yommuu niitonni ilmaan keessanii
ejjatti deebiʼanitti ani isaan hin adabu;
sabni hubannaa hin qabne ni badaatii!
15 "Yaa Israaʼel, ati yoo ejja hojjette illee
akka Yihuudaan yakka qabaatu hin godhin.
"Isin Gilgaal hin dhaqinaa;
Beet Aawwenittis ol hin baʼinaa.
‘Dhugaa Rabbii Allaah jiraataa!’ jettaniis hin kakatinaa.
16 Israaʼeloonni akkuma goromsa
mataa jabaate tokkoo mataa jabeeyyii taʼaniiru.
Yoos Rabbii Allaahan akkamiin akka xobbaallaawwan hoolaatti
kaloo balʼaatti isaan bobbaasuu dandaʼa ree?
17 Efreem waaqeffatamtoota tolfamootti galeera;
isa ittuma dhiisaa!
18 Dhugaatiin isaanii yoo dhume iyyuu
isaan sagaagaltummaa isaanii ittuma fufu;
bulchitoonni isaanii ulfina irra qaanii jaallatu.
19 Bubbeen hamaan haxaaʼee isaan balleessa;
aarsaan isaaniis qaanii isaanitti fida.