Publicidade

Oséias 8

Israaʼel Bubbee Hamaa Haammata

1 "Malakata afaan keetti kaaʼadhu!

Sababii namoonni kakuu koo cabsanii

seera kootti fincilaniif

risaan tokko mana Rabbii Allaahatiin ol jira.

2 Israaʼel, ‘Yaa Allaah keenya nu si beekna!’ jedhee

gara kootti iyyate.

3 Taʼu iyyuu Israaʼel waan gaarii dideera;

kanaafuu diinni isa ariʼa.

4 Isaan walii galtee koo malee mootota moosifatan;

utuu ani hin fudhatiniif ilmaan moototaa filatan.

Isaan meetii fi warqee isaaniitiin

badiisa isaaniitiif

waaqeffatamtoota tolfamoo ofii isaaniitiif tolfatan.

5 Yaa Samaariyaa, waaqeffatamaa kee tolfamaa bifa jabbii sana baasii gati!

Dheekkamsi koo isaanitti bobaʼa.

Isaan hamma yoomiitti qulqullaaʼuu dadhabu?

6 Isaan warra Israaʼel!

Jabbii kana ogeessa hojii harkaatu tolche;

inni Allaah miti.

Jabbiin Samaariyaa ni hurraaʼa.

7 "Isaan bubbee facaafatanii

bubbee hamaa haammatu.

Mukni isaa mataa hin qabu;

daraaraas hin baasu.

Utuu inni midhaan naqatee

silaa namoonni ormaa ni nyaatu ture.

8 Israaʼel liqimfameera;

isaan amma saboota gidduutti

akka waan faayidaa hin qabne tokkoo ti.

9 Isaan akkuma harree diidaa kan asii fi

achi kophaa jooruu gara Asooriitti ol baʼaniiruutii;

Efreemis michootatti of gurgureera.

10 Isaan saboota gidduutti yoo of gurguran iyyuu

ani amma walitti isaan nan qaba.

Isaan hacuuccaa mooticha jabaa jalatti

ni sukkuumamu.

11 "Efreem aarsaa cubbuutiif iddoo aarsaa hedduu yoo hojjete iyyuu,

lafti sun iddoo aarsaa itti cubbuu hojjechuuf qopheessan taʼeera.

12 Ani waaʼee seera koo waan baayʼee isaaniif barreesseera;

isaan garuu akkuma waan alaa dhufe tokkootti ilaalu.

13 Isaan aarsaa naaf kenname dhiʼeessu;

foon sanas ni nyaatu;

Rabbii Allaahan garuu isaanitti hin gammanne.

Inni amma hammina isaanii yaadatee

cubbuu isaanii adaba:

Isaan gara Gibxitti deebiʼu.

14 Israaʼel Uumaa isaa irraanfatee

masaraawwan mootummaa ijaare;

Yihuudaan magaalaawwan hedduutti dallaa ijaare.

Ani garuu ibidda daʼannoowwan isaanii

barbadeessu magaalaawwan isaaniitti nan erga."

Veja também

Publicidade
Oséias
Ver todos os capítulos de Oséias
Bíblia Online Bíblia Online

Bíblia Online • Versão: 2026-06-15_21-32-39-