Publicidade

Naum 2

Kufaatii Nanawwee

1 Yaa Nanawwee, namni si lolu sitti dhufeera.

Daʼoo eeggadhu;

karaa ilaalladhu.

Mudhii kee hidhadhu;

humna kee hunda walitti qabadhu!

2 Yoo balleessitoonni isaan onsanii

mukkeen wayinii isaanii barbadeessan iyyuu,

Rabbii Allaahan akkuma ulfina Israaʼel deebise sana

ulfina Yaaʼikuubis iddootti ni deebisa.

3 Gaachanawwan loltoota isaa diddiimoo dha;

gootonnis uffata bildiimaa uffataniiru.

Guyyaa isaan itti qopheeffaman sana,

sibiilli gaarii lolaa irra jiru ni calaqqisa;

eeboon gaattiraa isaaniis ni mirmirfama.

4 Gaariiwwan lolaa karaa irra dadarbatamu;

oobdiiwwan keessas asii fi achi gulufu.

Isaan guca bobaʼu fakkaatu;

akkuma bakakkaas ni darbatamu.

5 Inni gootota isaa ni yaadata;

isaan garuu karaatti gufatu.

Isaan gara dallaa magaalattiitti ariifatu;

daʼoonis qopheeffameefii jira.

6 Balballi lageenii banamaa dha;

masaraan mootummaas ni jiga.

7 Magaalattiin qullaatti hambaa

akka boojiʼamtu murteeffameera.

Xomboreewwan ishee

qoma isaanii rurrukutanii akka gugee booʼu.

8 Nanawween akkuma haroo ti;

bishaan ishees keessaa yaaʼee dhuma.

Isaanis, "Dhaabadhaa! Dhaabadhaa!" jedhanii iyyu;

garuu namni tokko iyyuu dugda duubatti hin deebiʼu.

9 Meetii saamaa!

Warqee saamaa!

Maddi ishee, badhaadhummaan

kuusaa qabeenya ishee hundaas dhuma hin qabu!

10 Isheen duwwaa, qullaa fi ona taateerti!

Lapheen baqeera; jilbi laafeera;

dhagni hollateera; fuulli hundis gurraachaʼeera.

11 Holqi leencotaa,

iddoon isaan itti ilmaan isaanii sooran,

iddoon leenci kormaa fi dhalaan keessa yaaʼan,

saafelli isaanis sodaa malee nagaadhaan jiraatan eessa?

12 Leenci waan ilmaan isaatiif gaʼu ajjeefate;

leenca dhalaa isaatiifis waa hudhee ajjeese;

boolla isaa waan adamseen,

holqa isaa immoo gumaa fooniitiin guuttate.

13 Rabbii Allaahan Waan Hunda Dandaʼu akkana jedha;

"Ani sitti kaʼeera;

ani gaariiwwan kee kanneen waraanaa gubee daaraa nan godha;

goraadeen leenca kee saafela ni fixa.

Ani waan ati adamsattu tokko illee

lafa irratti siif hin hambisu.

Sagaleen ergamoota keetii

lammata hin dhagaʼamu."

Veja também

Publicidade
Naum
Ver todos os capítulos de Naum
Bíblia Online Bíblia Online

Bíblia Online • Versão: 2026-06-15_21-32-39-