Publicidade

Naum 1

1 Raajii waaʼee Nanawwee dubbatame. Kitaaba mulʼata Naahoom Elqooshicha.

Dheekkamsa Rabbii Allaah Nanawweetti Dheekkame

2 Rabbii Allaah hinaafuu fi Allaah haaloo baʼuu dha;

Rabbii Allaahan haaloo ni baʼa; dheekkamsaanis guutameera.

Rabbii Allaahan diinota isaa haaloo ni baʼa;

dheekkamsa isaas amajaajota isaatiif ni kuusa.

3 Rabbii Allaahan dheekkamuuf hin jarjaru; humni isaa immoo guddaa dha;

Rabbii Allaahan nama balleessaa qabu utuu hin adabin hin dhiisu.

Bubbee hamaa fi dhaʼaa galaanaa keessaas karaa qaba;

duumessi immoo awwaara miilla isaa ti.

4 Inni galaanatti dheekkamee gogsa;

akka lagni hundinuu gogu godha.

Baashaanii fi Qarmeloos ni coollagu;

daraaraa Libaanoonis ni harcaʼa.

5 Fuula isaa duratti tulluuwwan ni kirkiru;

gaarranis baqanii badu.

Iddoo inni jirutti lafti ni hollatti;

addunyaa fi wanni addunyaa irra jiraatu hundi ni hollatu.

6 Eenyutu dheekkamsa isaa dura dhaabachuu dandaʼa?

Eenyutu dheekkamsa isaa sodaachisaa sana obsuu dandaʼa?

Dheekkamsi isaa akkuma ibiddaa dhangalaʼa;

fuula isaa duratti kattaawwan ni burkutaaʼu.

7 Rabbii Allaahan gaarii dha;

yeroo rakkinaattis daʼoo dha.

Inni warra isa amanatan ni beeka;

8 Garuu inni lolaa jabaadhaan

Nanawwee ni balleessa;

amajaajota isaas ariʼee dukkanatti galcha.

9 Wanni isin Rabbii Allaahatti yaaddan maali?

inni guutumaan guutuutti ni balleessa;

rakkoonis lammata hin dhufu.

10 Isaan qoraattii keessatti xaxamanii

daadhii wayinii isaaniitiin machaaʼu;

akkuma cidii gogeetti gubatanii dhumu.

11 Yaa Nanawwee,

namni Rabbii Allaahatti hammina malatee

waan hamaa karoorfatu si keessaa argameera.

12 Rabbii Allaahan akkana jedha:

"Isaan jabinaa fi baayʼina yoo qabaatan iyyuu

isaan ni barbadeeffamu; ni badus.

Yaa Yihuudaa, ani yoon duraan si miidhee

jiraadhe iyyuu, siʼachi si hin miidhu.

13 Ani amma waanjoo isaanii gurmuu keessan irraa nan cabsa;

hudhaa kees sirraa nan kuta."

14 Yaa Nanawwee, Rabbii Allaahan akkana jedhee waaʼee kee ajaja kennee jira:

"Ati sanyii maqaan kee ittiin waamamu hin qabaattu.

Ani fakkiiwwan soofamanii fi waaqeffatamtoota tolfamoo baqfamanii tolfaman

kanneen galmawwan waaqeffatamtoota keetii keessa jiran nan barbadeessa.

Waan ati akka malee balfamaa taateef

ani qabrii siif nan qopheessa."

15 Kunoo, miilli nama oduu gaarii fidu,

kan nagaa labsu tokkoo tulluuwwan irra jira!

Yaa Yihuudaa, ayyaanota kee ayyaaneffadhu;

wareega kees baafadhu.

Siʼachi hamaan si hin weeraru;

inni guutumaan guutuutti ni barbadeeffama.

Veja também

Publicidade
Naum
Ver todos os capítulos de Naum
Bíblia Online Bíblia Online

Bíblia Online • Versão: 2026-06-15_21-32-39-