Publicidade

Naum 3

Nanawweef Wayyoo

1 Magaalattii dhiigaatiif,

kan sobaan guutamteef,

kan saamichaan guutamteef,

kan warri hammina hojjetan keessaa hin dhabamne sanaaf wayyoo!

2 Iyyi qaccee,

kakaksuun gommaa,

gulufuun fardaa,

didichuun gaarii lolaa ni dhagaʼama!

3 Abbaan fardaa ni gulufa;

goraadeen ni balaqqisa;

eeboon ni calaqqisa!

Balaan hedduun nama irra gaʼeera;

namni baayʼeen duʼeera;

reeffi lakkoobsa hin qabu;

namoonnis reeffa isaaniitti gufatu;

4 kun hundi sababii baayʼina sagaagalummaa sagaagaltuu,

giiftii falfaltootaa,

kan sagaagaltummaa isheetiin saboota,

tolcha isheetiin immoo uummata garboomsite sanaatiin taʼe.

5 Rabbii Allaahan Waan Hunda Dandaʼu akkana jedha:

"Ani sitti kaʼeen jira.

Ani uffata kee fuula keetti ol soqola.

Ani sabootatti qullaa kee,

mootummootatti immoo qaanii kee nan mulʼisa.

6 Ani xuriidhaan sin faala;

akka malee sin tuffadha;

waan kolfaa illee sin godha.

7 Namni si argu hundi sirraa baqatee,

‘Nanawween baduutti jirti; eenyutu booʼaaf?’ siin jedha.

Ani nama si jajjabeessu tokko illee eessaa argadha?"

8 Ati, Nooʼi Amoon

biyya laga Abbayyaa irraa

kan bishaaniin marfamte sana caaltaa?

Lagni daʼoo ishee ti;

bishaanis dallaa ishee ti.

9 Itoophiyaa fi Gibxi jabina ishee kan dhuma hin qabnee dha;

Fuuxii fi Liibiyaan tumsitoota ishee ti.

10 Taʼus isheen boojiʼamtee

biyya ormaatti geeffamte.

Daaʼimman ishee mataa daandii hundaa irratti

miciriqfamanii dhuman.

Namoota ishee ulfaatootti ixaa buufatanii

namoonni ishee gurguddoonni hundinuu foncaadhaan hidhaman.

11 Atis ni machoofta; ni dhokattas;

diina jalaa baʼuufis daʼoo barbaaddatta.

12 Daʼoon kee hundi mukkeen harbuu

kanneen ija jalqabatti bilchaate qaban fakkaata;

yeroo mukkeen sun hurgufamanitti

iji isaanii afaan nama waa nyaatuu keessa buʼa.

13 Mee raayyaawwan kee ilaali;

isaan hundinuu dubartoota!

Karrawwan biyya keetii diinota keetiif

balʼatanii banamanii jiru;

ibiddis danqaraa isaanii gubee fixeera.

14 Utuu hin marfamin bishaan waraabbadhu;

humna hittisaa kee jajjabeeffadhu!

Suphee tolfadhu;

dhoqqee suphee dhiittadhu;

xuubii tolfadhu.

15 Achitti ibiddi si fixa;

goraadeenis si cicciree

akkuma korophisaas si barbadeessa.

Akka korophisaa hori;

akkuma hawwaannisaa baayʼadhu.

16 Ati hamma isaan urjii shamaayʼun caalaa

baayʼatanitti daldaltoota kee baayʼifatteerta;

isaan garuu akkuma hawwaannisaa biyyatii qullaa hambisanii

ergasii barrisanii deemu.

17 Eegdonni kee akkuma hawwaannisaa ti;

qondaaltonni kees akkuma tuuta hawwaannisaa

kan guyyaa qabbanaa dallaa irra qubatuu ti;

yeroo aduun baatu garuu barrisanii badu;

namni tokko iyyuu gara isaan dhaqan hin beeku.

18 Yaa mootii Asoor tiksoonni kee ni mugu;

namoonni kee ulfaatoon boqochuuf gad ciciisaniiru.

Namoonni kee nama walitti isaan qabu dhabanii

tulluuwwan irratti bibittinnaaʼaniiru.

19 Wanni tokko iyyuu madaa kee fayyisuu hin dandaʼu;

miidhamni kees kan duʼaan si gaʼuu dha.

Namni oduu waaʼee keetii dhagaʼu hundinuu

kufaatii keetti harka walitti rurrukuta;

gara jabina kee kan dhuma hin qabne sanaan

eenyutu hin miidhamin?

Veja também

Publicidade
Naum
Ver todos os capítulos de Naum
Bíblia Online Bíblia Online

Bíblia Online • Versão: 2026-06-15_21-32-39-