Publicidade

Habacuque 1

1 Raajii Anbaaqoom nabiiʼiyyichi arge.

Guungummii Anbaaqoom

2 Rabbii Allaah, ani hamma yoomiittin gargaarsaaf sitti iyyadha?

Ati garuu na hin dhaggeeffattu;

yookaan ani hamma yoomiitti, "Goolii!"

jedhee sitti booʼee ati garuu na hin oolchitu?

3 Ati maaliif akka ani murtii dabe argu na goota?

Ati maaliif balleessaa namaa obsita?

Badiisnii fi gooliin fuula koo dura jiru;

lollii fi waldhabiinsi baayʼateera.

4 Kanaafuu seerri laamshaʼeera;

murtiin qajeelaan dabsameera.

Akka murtiin qajeelaan jalʼifamuuf;

namoonni hamoon qajeelota marsu.

Deebii Rabbii Allaah

5 "Saboota hubadhaa ilaalaa;

akka malees dinqisiifadhaa.

Ani bara keessan keessa

waan isin yoo isinitti himame illee

hin amanne tokko nan hojjedha.

6 Ani warra Baabilon,

uummata gara jabeessaa fi ariifataa,

kan iddoo jireenya isaa hin taʼin qabachuuf

guutummaa lafaa keessa yaaʼu sana nan kaasa.

7 Isaan saba sodaatamuu fi naasisuu dha;

isaan ofii isaaniitiifuu seera;

ulfina isaaniis ni guddifatu.

8 Fardeen isaanii qeerransa caalaa saffisu;

yeeyyii galgalaa caalaa sodaachisu.

Namoonni isaanii kanneen farda yaabbatan ariitiidhaan gulufu;

abbootiin farda isaaniis fagoodhaa dhufu.

Isaan akkuma risaa waa nyaachuuf ariifatuu barrisu;

9 isaan hundinuu jeequmsaaf dhufu.

Tuunni isaanii akkuma bubbee gammoojjii gara fuula duraatti qajeela;

namoota hidhamanis akkuma cirrachaa walitti qaba.

10 Isaan mootota tuffatanii

bulchitootatti qoosu.

Daʼannoo hundatti ni kolfu;

biyyoos tuulanii isa qabatu.

11 Ergasii namoonni yakka hojjetan kanneen humna isaanii waaqeffatamaa tolfamaa godhatan, isaanii

akka bubbee lafa haxaaʼanii karaa isaanii itti fufu."

Gungummii Anbaaqoom isa Lammaffaa

12 Rabbii Allaah, ati bara baraa jalqabdee jirta mitii?

Yaa Allaah ko, yaa Qulqullicha ko, ati gonkumaa hin duutu.

Rabbii Allaah, ati akka isaan murtii kennaniif isaan muuddeerta;

yaa Kattaa ko, ati akka isaan nama adabaniif isaan ramaddeerta.

13 Iji kee akka waan hamaa hin ilaalleef akka malee qulqulluu dha;

ati daba argitee obsaan dhiisuu hin dandeessu.

Yoos ati maaliif obsaan namoota hamoo ilaalta?

Ati maaliif yeroo namoonni hamoon

warra isaan caalaa qajeeloo taʼan liqimsanitti calʼistaa?

14 Ati namoota akka qurxummii galaana keessaa,

akka uumamawwan galaanaa kanneen bulchaa hin qabnee gooteerta.

15 Diinni hokkoodhaan isaan hunda ol baasa;

kiyyoo isaatiinis isaan harkisa;

kiyyoo isaa keessatti walitti isaan qabata;

kanaafuu inni ni gammada; ni ililchas.

16 Inni sababii kiyyoo isaatiin bashannanee

nyaata isaa filatamaatti gammaduuf

kiyyoo isaatiif aarsaa dhiʼeessa;

kiyyoo isaatiif illee ixaana aarsa.

17 Inni kiyyoo isaa keessaa garagalchuudhaan,

gara laafina malee ittuma fufee saboota balleessuu qabaa?

Veja também

Publicidade
Habacuque
Ver todos os capítulos de Habacuque
Bíblia Online Bíblia Online

Bíblia Online • Versão: 2026-06-15_21-32-39-