1 Ani iddoo koo dhaabadhee
dallaa eegumsaa irra nan tura;
mee waan inni naan jedhu arguuf
deebii ani guungummii kanaaf kennuu malu beekuuf nan ilaala.
2 Ergasii Rabbii Allaahan akkana jedhee deebii kenne:
"Akka namni dubbisu tokko qabatee fiiguuf,
mulʼata sana ifa godhii
gabatee irratti barreessi.
3 Mulʼanni kun yeroo murtaaʼe tokko eeggataatii;
inni waaʼee dhuma isaa dubbata malee hin sobu.
Yoo tures isa eegi;
inni dhugumaan ni dhufa; hin turus.
4 "Kunoo inni of bokokseera;
hawwiin isaas sirrii miti;
namni qajeelaan garuu amantii isaatiin jiraata;
5 dhugumaan inni daadhii wayiniitiin ni gowwoomfama;
of tuula; boqonnaas hin qabu.
Inni akkuma siiʼool sassata;
akka duʼaas kan hin quufnee dha.
Inni saboota hunda walitti qabata;
uummata hundas boojiʼee fudhata.
6 "Isaan hundi isa tuffatanii itti kolfaa,
" ‘Nama miʼa hatame tuullatee
saamichaan of sooromsuuf wayyoo!
Wanni kun hamma yoomiitti itti fufa’ jedhanii itti hin qoosanii?
7 Warri liqii sirraa qaban akkuma tasaa sitti hin kaʼanii?
Isaan kaʼanii si hin hollachiisanii?
Ergasii ati harka isaanii jala galta.
8 Sababii ati saba hedduu saamteef
namoonni hafan si saamu.
Ati dhiiga namaa dhangalaafteertaatii;
ati biyyoota, magaalaawwanii fi namoota isaan keessa jiraatan hunda balleessiteerta.
9 "Nama buʼaa hin malleen mana ijaarratu
kan badiisa jalaa baʼuuf jedhee
lafa ol kaʼaa irratti iddoo jireenyaa tolfatuuf wayyoo!
10 Ati lubbuu nama baayʼee galaafachuudhaaf,
waan nama qaanessu mana keetti malattee lubbuu keetti badiisa fidde.
11 Dhagaawwan keenyan keessaa iyyu;
demdemoon mukaas jalaa qaba.
12 "Nama dhiiga dhangalaasuudhaan magaalaa ijaaruuf,
kan yakkaan magaalaa hundeessuuf wayyoo!
13 Akka dadhabbiin namaa akkuma qoraan ibiddaa taʼe,
akka saboonnis akkasumaan of dadhabsiisan
Rabbii Allaahan Waan Hunda Dandaʼu murteesseera mitii?
14 Akkuma bishaan galaana guutu sana
lafti ulfina Rabbii Allaah beekuudhaan guutamtiitii.
15 "Nama qullaa dhagna ollaa isaa ilaaluuf jedhee
hamma inni machaaʼutti
qalqalloo keessaa daadhii wayinii isaaf buusuuf wayyoo.
16 Ati qooda ulfinaa qaaniidhaan guutamta.
Amma dabareen kan kee ti! Akka qullaan kee mulʼatuuf dhugi.
Xoofoon mirga Rabbii Allaah sitti garagala;
salphinnis ulfina kee haguuga.
17 Fincilli ati Libaanoonitti hojjete si liqimsa;
horii fixuun kee si rifachiisa.
Ati dhiiga namaa dhangalaafteertaatii;
ati biyyoota, magaalaawwanii fi namoota isaan keessa jiraatan hunda balleessiteerta.
18 "Allaahan tolfamaan ogeessa harkaatiin soofamu
yookaan fakkiin soba barsiisu faayidaa maalii qaba?
Namni isa tolchu tokko hojiidhuma harka isaa amanataatii;
inni waaqeffatamtoota tolfamoo dubbachuu hin dandeenye tolcha.
19 Nama mukaan, ‘Dammaqi!’
yookaan dhagaa lubbuu hin qabneen, ‘Kaʼi!’ jedhuuf wayyoo.
Inni barsiisuu ni dandaʼaa?
Kunoo inni warqee fi meetii dibameera;
hafuurri tokko iyyuu isa keessa hin jiru."
20 Rabbii Allaahan garuu mana qulqullummaa isaa qulqulluu sana keessa jira;
lafti hundi fuula isaa duratti haa calʼistu.