Publicidade

Miquéias 7

Dhiphachuu Israaʼel

1 Anaaf wayyoo!

Ani akkuma nama yeroo qarmii bonaa funaananitti

wayinii walitti qabu tokkoo taʼeera;

hurbuun wayinii kan nyaatamu tokko iyyuu hin jiru;

iji harbuu jalqabaa kan ani dharraʼu tokko iyyuu hin jiru.

2 Namni gaariin lafa irraa badeera;

namni qajeelaan tokko iyyuu hin hafne.

Namoonni hundinuu dhiiga dhangalaasuuf riphanii eeggatu;

tokkoon tokkoon namaa kiyyoodhaan obboleessa isaa eeggata.

3 Harki lachuu waan hamaa hojjechuu barateera;

bulchaan kennaa barbaada;

abbaan murtiis mattaʼaa fudhata;

namni humna qabu waanuma fedhe dubbata;

hundi isaanii walii wajjin malatu.

4 Kan isaan hunda caalaa gaarii taʼe akka sokorruu ti;

inni akka malee qajeelaan immoo dallaa qoraattii caala.

Guyyaan eegdota keetii,

guyyaan itti Allaahan si ilaalu dhufeera.

Amma yeroo itti isaan joonjaʼanii dha.

5 Ollaa hin amanatin;

michuus hin abdatin.

Ishee hammattee ciiftu biratti iyyuu

arraba kee eeggadhu.

6 Ilmi abbaa isaa tuffata;

intalli haadha isheetti,

niitiin ilmaas amaatii isheetti kaati;

diinonni namaa miseensotuma mana isaa taʼuutii.

7 Ani garuu abdiidhaan Rabbii Allaah nan eeggadha;

fayyisaa koo Allaah nan eeggadha;

Allaahan koo na dhagaʼa.

Israaʼel ni Kaati

8 Yaa diina koo natti hin gammadin!

Ani yoon kufe iyyuu nan kaʼa.

Ani dukkana keessa taaʼu iyyuu

Rabbii Allaahan ifa naaf taʼa.

9 Ani sababiin cubbuu isatti hojjedheef,

hamma inni dubbii koo ilaalee naaf murteessutti

dheekkamsa Allaah nan baadha.

Inni ifatti na baasa;

anis qajeelummaa isaa nan arga.

10 Ergasii diinni koo isheen,

"Rabbii Allaahan kee eessa jira?" naan jette sun

waan kana argitee qaaniin haguugamti.

Iji koo kufaatii ishee ni arga;

Isheen amma iyyuu miilla jalatti

akkuma dhoqqee daandii irraatti dhidhiitamti.

11 Guyyaan itti dallaan kee ijaaramu,

guyyaan itti daangaan kee balʼifamu tokko ni dhufa.

12 Gaafas namoonni

Asoorii fi magaalaawwan Gibxi,

Gibxii hamma Efraaxiisitti iyyuu,

galaanaa hamma galaanaatti,

tulluudhaa hamma tulluutti jiraatan gara kee ni dhufu.

13 Sababii jiraattota isheetii fi

sababii waan isaan hojjetaniitiif lafti ni onti.

Duʼaa fi Galata

14 Uummata kee, bushaayee dhaala keetii

kanneen ofumaan bosona keessa,

lafa dheedaa gabbataa irra jiraatan

ulee keetiin tikfadhu.

Isaan akkuma bara duriitti

Baashaanii fi Giliʼaad keessa haa bobbaʼan.

15 "Ani akkuma yeroo ati Gibxii baatee dhufte sanaa

dinqii koo isaan nan argisiisa."

16 Saboonni arganii ni qaanaʼu;

humna ofii hunda iyyuu ni dhabu.

Isaan afaan isaanii qabatu;

gurri isaaniis ni duuda.

17 Isaan akkuma bofaa,

akkuma uumamawwan lafa irra looʼanii biyyoo arraabu.

Isaan hollachaa holqa keessaa baʼanii dhufu;

Isaan Rabbii Allaah keenya sodaachuudhaan

deebiʼanii fuula kee dura sodaadhaan dhaabatu.

18 Allaahan akka keetii kan cubbuu namaa bira darbee

balleessaa hambaa dhaala isaa dhiisuuf eenyu?

Ati araara gochuutti gammadda malee

bara baraan hin dheekkamtu.

19 Ati deebitee garaa nuu laafta;

cubbuu keenya miilla kee jalatti dhidhiittee

balleessaa keenya hundas tuujuba galaanaatti gad darbatta.

20 Ati akkuma bara durii

abbootii keenyaaf kakatte sana

Yaaʼikuubiif amanamaa taata;

Ibraahimittis jaalala ni argisiifta.

Veja também

Publicidade
Miquéias
Ver todos os capítulos de Miquéias
Bíblia Online Bíblia Online

Bíblia Online • Versão: 2026-06-15_21-32-39-