Publicidade

Miquéias 4

Tulluu Rabbii Allaah

1 Bara dhumaa keessa

tulluun mana qulqullummaa Rabbii Allaah

tulluuwwan hunda keessaa ol dheeratee dhaabata;

inni gaarran caalaa ol ol jedha;

namoonnis itti yaaʼu.

2 Saboonni baayʼeen dhufanii akkana jedhu;

"Kottaa gara tulluu Rabbii Allaaha,

gara mana Allaah Yaaʼikuub ol baanaa.

Inni akka nu daandii isaa irra deemnuuf

karaa isaa nu barsiisa."

Seerri Xiyoon keessaa,

dubbiin Rabbii Allaah immoo Yerusaalem keessaa dhufa.

3 Inni namoota hedduu gidduutti murtii kennee

saboota jajjaboo gargar fagoo jiranis walitti araarsa.

Isaan goraadee isaanii tumanii maarashaa,

eeboo isaanii illee haamtuu tolfatu.

Sabni tokko saba biraatti goraadee hin luqqifatu

yookaan waraanaaf jedhanii siʼachi nama hin leenjisan.

4 Namni hundi muka wayinii isaatii fi

muka harbuu isaa jala taaʼa;

Rabbii Allaahan Waan Hunda Dandaʼu dubbateeraatii

namni isaan sodaachisu tokko iyyuu hin jiru.

5 Saboonni hundinuu

maqaa waaqeffatamtoota isaaniitiin deddeebiʼu;

nu immoo bara baraa hamma bara baraatti

maqaa Rabbii Allaah keenyaatiin deddeebina.

Karoora Rabbii Allaah

6 Rabbii Allaahan akkana jedha;

"Ani bara sana naafa walittin qaba;

warra boojiʼamanii fi

warra ani gaddisiises walittin qaba.

7 Ani warra naafa hambaa,

warra ariʼame immoo saba jabaa nan godha.

Rabbii Allaahan guyyaa sanaa jalqabee

hamma bara baraatti Tulluu Xiyoon irratti bulchaa isaanii taʼa.

8 Yaa gamoo eegumsa bushaayee,

yaa daʼoo Intala Xiyoon,

ol aantummaan durii siif ni deebifama;

mootummaan Intala Yerusaalem ni dhufa."

9 Ati amma maaliif akkana iyyitee boossa?

Ati mootii hin qabduu?

Wanni ati akka dubartii ciniinsuun qabee miixattuuf

gorsaan kee badeetii?

10 Yaa Intala Xiyoon,

akkuma dubartii ciniinsuun qabeetti aadi;

ati amma bakkee keessa qubachuuf

magaalaa keessaa baʼuu qabdaatii.

Ati Baabilon dhaqxa;

achitti ni baraaramta.

Rabbii Allaahan achitti

harka diina keetii keessaa si fura.

11 Amma garuu saboonni hedduun si marsaniiru.

Isaanis, "Isheen haa xurooftu;

iji keenya xiyyeeffatee

Xiyoonin haa ilaalu!" jedhu.

12 Isaan garuu yaada Rabbii Allaah hin beekan;

isaan karoora isaa kan inni akkuma bissii

oobdiitti walitti qabe sana hin hubatan.

13 "Yaa Intala Xiyoon kaʼiitii midhaan dhaʼi;

ani gaanfa sibiilaa siif nan kennaatii;

ani kottee naasii siif nan kenna;

atis saboota baayʼee caccabsita."

Ati horii isaan karaa hamaadhaan argatan Rabbii Allaahaf kennita;

qabeenya isaaniis Gooftaa lafa hundaatiif kennita.

Veja também

Publicidade
Miquéias
Ver todos os capítulos de Miquéias
Bíblia Online Bíblia Online

Bíblia Online • Versão: 2026-06-16_06-50-08-