1 Ergasii ani akkanan jedhe;
"Isin hooggantoonni Yaaʼikuub,
bulchitoonni mana Israaʼel mee dhaggeeffadhaa.
Isin murtii qajeelaa beekuu hin qabdanii?
2 Isin warri waan gaarii jibbitanii waan hamaa jaallattan,
warri saba koo irraa gogaa,
lafee isaanii irraa immoo foon baaftan,
3 warri foon saba koo nyaattan,
kanneen gogaa isaanii irraa qunciftanii lafee isaanii caccabsitan,
isin warri akka foon eeleetti waadamuutii fi
okkoteetti affeelamuu isaan ciccirtan
murtii qajeelaa beekuu hin qabdanii?"
4 Ergasii isaan Rabbii Allaahatti iyyatu;
inni garuu deebii hin kennuuf.
Yeroo sanatti inni sababii cubbuu
isaan hojjetaniitiif fuula isaa isaan duraa ni dhokfata.
5 Rabbii Allaahan akkana jedha:
"Waaʼee nabiiʼiyyoota
saba koo karaa irraa jalʼisanii,
yoo namni tokko nyaata kenneef
isaan ‘Nagaa’ labsu;
yoo inni akkas gochuu baate immoo
lola isatti kaasuuf qophaaʼu.
6 Kanaafuu utuu isin mulʼata hin argin halkan,
utuu isin hooda hin dubbatin immoo dukkanni isinitti dhufa.
Aduun nabiiʼiyyootatti dhiiti;
guyyaanis isaanitti dukkanaaʼa.
7 Ilaaltonni ni qaanaʼu;
warri hooda dubbatanis ni salphifamu.
Sababii deebiin tokko iyyuu Allaah biraa hin dhufneef
isaan hundi fuula haguuggatu."
8 Ani garuu Yaaʼikuubitti balleessaa isaa,
Israaʼelittis cubbuu isaa himuuf
humnaan guutameera;
Hafuura Rabbii Allaahatiin
murtii qajeelaa fi jabinaan guutameera.
9 Isin hooggantoonni mana Yaaʼikuub
bulchitoonni mana Israaʼel
warri murtii qajeelaa tuffattanii
waan sirrii taʼe hunda jalʼiftan waan kana dhagaʼaa;
10 warri dhiiga dhangalaasuudhaan Xiyoonin,
hamminaan immoo Yerusaalemin ijaartan waan kana dhagaʼaa.
11 Hooggantoonni ishee mattaʼaa fudhatanii murtii kennu;
luboonni ishee gatiidhaan barsiisu;
nabiiʼiyyoonni ishees maallaqa fudhatanii hooda dubbatu.
Taʼus isaan Rabbii Allaahatti irkatanii,
"Rabbii Allaahan gidduu keenya jira mitii?
Balaan tokko iyyuu nutti hin dhufu" jedhu.
12 Kanaafuu sababii keessaniif,
Xiyoon akkuma lafa qotiisaatti qotamti;
Yerusaalemis tuullaa waan diigamee taati;
gaarri mana qulqullummaas tabba daggalaan liqimfame taʼa.