Publicidade

Miquéias 1

1 Bara Yootaam, Aahaazii fi Hisqiyaas mootota Yihuudaa turan keessa dubbiin Rabbii Allaah gara Miikiyaas namicha Mooresheet dhufe; kunis mulʼata inni waaʼee Samaariyaatii fi waaʼee Yerusaalem argee dha.

2 Yaa namoota, isin hundinuu dhagaʼaa;

lafaa fi wantoonni ishee irra jiraattan hundinuu dhaggeeffadhaa;

Rabbii Allaahan Gooftichi,

Gooftaan mana qulqullummaa isaa qulqulluu sana keessaa dhugaa isinitti baʼa.

Murtii Samaariyaa fi Yerusaalemin Eeggatu

3 Kunoo! Rabbii Allaahan iddoo jireenya isaatii dhufaa jira;

inni gad dhufee iddoo ol kaʼaa lafaa irra ni ejjeta.

4 Akkuma gagaa fuula ibiddaa dura jiruu,

akkuma bishaan tabba irraa gad yaaʼuu

tulluuwwan isa jalatti ni baqu;

sululawwanis gargar baqaqu.

5 Wanni kun hundi sababii dogoggora Yaaʼikuubiif,

sababii cubbuu mana Israaʼeliif taʼe.

Dogoggorri Yaaʼikuub maali?

Samaariyaa mitii?

Iddoon sagadaa Yihuudaa maali?

Yerusaalem mitii?

6 "Kanaafuu ani Samaariyaa tuullaa diigamaa,

lafa wayinii itti dhaabbatan nan godha.

Ani dhagaawwan ishee sululatti naqee,

hundee ishee qullaa nan hambisa.

7 Waaqeffatamtoonni ishee tolfamoon hundinuu ni hurreeffamu;

kennaawwan mana qulqullummaa ishee hundinuu ibiddaan gubamu;

ani fakkii ishee hunda nan barbadeessa.

Isheen gatii sagaagaltootaa irraa kennaa ishee walitti waan qabatteef,

kennaan sun ammas gatii sagaagaltootaa taʼee ni deebiʼa."

Booʼuu fi Gadduu

8 Sababii waan kanaatiif ani booʼee nan wawwaadha;

ani miilla duwwaa fi qullaa nan deema.

Ani akkuma waangoo iyyee,

akkuma urunguu nan aada.

9 Madaan ishee waan hin fayyineef,

Yihuudaattis darbeera.

Karra saba koo dura gaʼeera;

Yerusaalemittis dhufeera.

10 Isin waan kana Gaati keessatti hin dubbatinaa;

gonkumaa hin booʼinaa.

Beet Leʼafraatti,

awwaara keessa gangaladhaa.

11 Isin warri Shaafiir keessa jiraattan,

qullaa fi qaaniidhaan darbaa.

Warri Zanaan keessa jiraatan,

gad hin baʼan.

Beet Eezel booʼicha irra jirti;

eegumsi ishee isin irraa fuudhameera.

12 Sababii balaan Rabbii Allaah biraa dhufee

karra Yerusaalem iyyuu gaʼeef,

warri Maaroot keessa jiraatan

gargaarsa argachuuf wixxirfatu.

13 Ati Laakkiish keessa kan jiraattu,

fardeen gaariitti hidhadhu.

Ati Intala Xiyooniif

jalqaba cubbuu ti;

dogoggorri Israaʼel

siʼi keessatti argamaatii.

14 Kanaafuu ati Mooresheet Gaatiif

kennaa kennita.

Manneen Akziib mootota Israaʼeliif

gowwoomsitoota taʼu.

15 Ani warra Maareeshaa keessa jiraattanitti

moʼataa tokko nan fida.

Inni ulfina Israaʼel taʼe

gara Adulaam ni dhufa.

16 Sababii gadda ijoollee itti gammadduutiif jedhii

mataa kee haaddadhu;

akkuma goggocoroo mataa kee moleeffadhu;

isaan boojuudhaan sirraa fudhatamuutii.

Veja também

Publicidade
Miquéias
Ver todos os capítulos de Miquéias
Bíblia Online Bíblia Online

Bíblia Online • Versão: 2026-06-16_18-40-07-