Publicidade

Miquéias 2

Karoora Namaatii fi Karoora Allaah

1 Warra daba karoorfatan

kanneen siree isaanii irra ciisanii hammina yaadaniif wayyoo!

Sababii waan kana hojjechuun humna isaanii jala jiruuf

isaan ifa bariitiin kaʼanii waan sana hojjetu.

2 Isaan lafa qotiisaa kajeelanii qabatu;

manneenis akkasuma kajeelanii fudhatu.

Isaan gowwoomsaadhaan mana namaa,

dhaala isaas ni fudhatu.

3 Kanaafuu Rabbii Allaahan akkana jedha;

"Kunoo ani balaa isin jalaa baʼuu hin dandeenye tokko

saba kanatti fiduuf karoorfadheen jira.

Isin siʼachi of tuulummaadhaan jiraachuu hin dandeessan;

yeroon kun yeroo rakkinaa taʼaatii.

4 Bara sana keessa namoonni isinitti gaʼisu;

akkana jedhaniis faaruu booʼichaa kanaan isinitti qoosu;

‘Nu guutumaan guutuutti barbadoofneerra;

qabeenyi saba kootiis gargar qooddatameera.

Inni narraa fudhata!

Lafa qotiisaa keenya warra nu moʼataniif kenna.’ "

5 Kanaafuu ati nama ixaadhaan lafa qoodu tokko illee

waldaa Rabbii Allaah keessaa hin qabaattu.

Nabiiʼiyyoota Sobaa

6 Nabiiʼiyyoonni isaanii, "Isin raajii hin dubbatinaa;

waaʼee waan kanaa raajii hin dubbatinaa;

salphinni nutti hin dhufu" jedhu.

7 Yaa mana Yaaʼikuub, "Wanni kun akkana jedhamuu qabaa?

Hafuurri Rabbii Allaah obsa hin qabuu?

Inni waan akkasii ni hojjetaa?"

"Nama karaan isaa qajeelaa taʼeef

dubbiin koo waan gaarii hin hojjetuu?

8 Sabni koo akka diinatti kaʼeera.

Isin namoota yaaddoo malee achiin darban

kanneen duulaa galaa jiran irraa uffata baafattu.

9 Isin dubartoota saba kootii

manneen isaanii babbareedoo keessaa ariitu.

Eebba koos bara baraan

ijoollee isaanii irraa fudhattu.

10 Kaʼaatii asii deemaa!

Iddoon kun lafa boqonnaa keessanii miti;

isheen xurooftee diigamtee baddeerti.

11 Namni sobaa fi gowwoomsaan tokko yoo dhufee,

‘Ani waaʼee daadhii wayiniitii fi

dhugaatii cimaa raajii siif nan dubbadha’ jedhe;

inni nabiiʼiyyii saba kanaa taʼa!

Furamni Waadaa Galame

12 "Yaa Yaaʼikuub, ani dhugumaan

isin hunda walitti nan qaba;

ani hambaa Israaʼel walitti nan fida.

Ani akkuma hoolota gola keessaatti,

akkuma bushaayee lafa dheedaa jiraniitti walitti isaan nan fida;

lafti sunis tuuta namaatiin guutamti.

13 Inni cabsee karaa baasu fuula isaanii dura deema;

isaan cabsanii karraan baʼu.

Mootiin isaanii isaan dura baʼa;

Rabbii Allaahan fuula isaanii dura deema."

Veja também

Publicidade
Miquéias
Ver todos os capítulos de Miquéias
Bíblia Online Bíblia Online

Bíblia Online • Versão: 2026-06-16_18-40-07-