Publicidade

Miquéias 5

Bulchaa Beetlihemii Dhufu

1 Yaa magaalaa raayyaa waraanaa, raayyaa kee hiriirsi;

nu marfamneerraatii.

Isaan uleedhaan

maddii bulchaa Israaʼel dhaʼu.

2 "Garuu yaa Beetlihem Efraataa,

ati yoo balbala Yihuudaa keessaa xinnoo taate iyyuu,

kan bulchaa Israaʼel taʼu,

kan jiraachuun isaa durumaa,

kan bara duriitii jalqabee ture tokko

si keessaa baʼee naaf dhufa."

3 Kanaafuu Israaʼel

hamma isheen ciniinsifachaa jirtu deessee

obboloonni isaa warri hafan

Israaʼelootatti makamuuf deebiʼanitti kophaa hafti.

4 Inni jabina Rabbii Allaahatiin

surraa maqaa Rabbii Allaah, Allaah isaatiin

dhaabatee bushaayee isaa tikfata.

Yeroo sanatti surraan isaa

waan daarii lafaa gaʼuuf isaan nagaadhaan jiraatu.

5 Inni nagaa keenya taʼa;

yeroo warri Asoor biyya keenya weeraranii

daʼannoo keenya keessa baʼanitti

nu tiksoota torbaa fi

ajajjuuwwan saddeet itti kakaasna.

6 Isaan biyya Asoor goraadeedhaan

biyya Naamruudis goraadee luqqifameen bulchu.

Yeroo warri Asoor biyya keenya weeraranii

daarii keenya keessa baʼanitti,

inni warra Asoor sana jalaa nu baasa.

7 Hambaan Yaaʼikuub

namoota hedduu gidduutti

akkuma fixeensa Rabbii Allaah biraa dhufuu,

akkuma tiifuu marga irraa

kan nama hin eegnee

yookaan ilmaan namaa hin eeggannee taʼa.

8 Hambaan Yaaʼikuub saboota gidduutti,

uummata hedduu gidduuttis,

akkuma leenca bineensota bosonaa gidduu jiruu,

akkuma leenca saafela bushaayee gidduu jiru

kan irra ejjetee isaan cicciruutii fi

kan namni tokko iyyuu harkaa buusuu hin dandeenyee taʼa.

9 Harki kee moʼannaadhaan diinota keetti kaʼa;

amajaajonni kee hundinuu ni barbadeeffamu.

10 Rabbii Allaahan akkana jedha;

"Gaafas ani fardeen keessan gidduu keessanii nan balleessa;

gaariiwwan keessan kan waraanaas nan barbadeessa.

11 Ani magaalaawwan biyya keessanii nan barbadeessa;

daʼannoowwan keessan hundas nan diiga.

12 Ani falfaltoota keessan nan balleessa;

isinis deebitanii hin mortan.

13 Ani fakkiiwwan kee soofamoo fi utubaawwan waaqeffannaa keetii

gidduu keetii nan balleessa;

ati siʼachi gad jettee

hojii harka keetiitiif hin sagaddu.

14 Ani siidaa Aasheeraa gidduu keetii buqqisee

magaalaawwan kees nan barbadeessa.

15 Ani saboota naaf hin ajajamin irratti

aarii fi dheekkamsaan haaloo nan baʼa."

Veja também

Publicidade
Miquéias
Ver todos os capítulos de Miquéias
Bíblia Online Bíblia Online

Bíblia Online • Versão: 2026-06-15_21-32-39-