1 Waan Rabbii Allaahan jedhu dhaggeeffadhaa:
"Ol kakkaʼaatii fuula tulluuwwanii duratti dubbii keessan dhiʼeeffadhaa;
gaarranis waan isin jettan haa dhagaʼan.
2 "Yaa tulluuwwan himata Rabbii Allaah dhagaʼaa;
hundeewwan lafaa kanneen bara baraa isinis dhaggeeffadhaa.
Rabbii Allaahan saba isaa irraa dubbii qabaatii;
inni Israaʼel wajjin falmii qaba.
3 "Yaa saba ko, ani maalan si godhe?
Ani maaliinan si dadhabsiise? Mee deebii naaf kenni.
4 Ani biyya Gibxii sin baasee
biyya garbummaa keessaa sin fure.
Ani akka inni si qajeelchuuf Muusaa,
akkasumas Haaruunii fi Miiriyaamin siifan erge.
5 Yaa saba ko, mee gorsa Baalaaq mootiin Moʼaab gaafatee fi
deebii Balaʼaam ilmi Beʼoor kenneef yaadadhu.
Ati akka hojii qajeelummaa Rabbii Allaah beektuuf
karaa ati Shixiimii hamma Gilgaalitti deemte sana yaadadhu."
6 Ani maaliinan fuula Rabbii Allaah dura dhufee
fuula Allaah ol gubbaa jiruu duratti sagada?
Ani aarsaa gubamuun,
jabbii waggaa tokkootiin fuula isaa duratti dhiʼaadhuu?
7 Rabbii Allaahan korbeeyyii hoolaa kuma hedduutti,
zayitii laga kuma kudhaniitti ni gammadaa?
Ani ilma koo hangafa, sababii yakka kootiitiif,
sababii cubbuu lubbuu kootiitiifis dhala garaa koo aarsaa dhiʼeessuu?
8 Yaa nama, inni waan gaarii si argisiiseera.
Rabbii Allaahan maal sirraa barbaada?
Murtii qajeelaa kennuu fi araara jaallachuu,
akka ati gad of qabdee Allaah kee wajjin deemtu sirraa barbaada mitii?
9 Isin dhaggeeffadhaa! Rabbii Allaahan akkana jedhee magaalattii waama:
Maqaa kee sodaachuun ogummaa dha;
"Ulee fi Isa ulee sana filate qalbeeffadhaa.
10 Yaa mana hamaa, ani qabeenya isin dabaan argattanii fi
madaalii sobaa abaaramaa sana irraanfadhaa?
11 Ani nama madaallii sobaatiin hojjetuu fi
kan madaalii sobaa korojootti baatu akkasumatti dhiisaa?
12 Sooreyyiin ishee jalʼoota;
uummanni ishee sobdoota;
arrabni isaaniis gowwoomsaa dubbata.
13 Kanaafuu ani sababii cubbuu keessaniitiif isin diigee,
isin balleessuu jalqabeera.
14 Ati inuma nyaatta; garuu hin quuftu;
garaan kee amma illee duwwaa dha.
Ati ni kaaʼatta; garuu homaa siif hin kuufamu;
waan ati kuufattu sana ani goraadeetti kennaatii.
15 Ati ni facaafatta; garuu hin haammattu;
ejersa ni cuunfatta; garuu zayitii isaa hin dibattu;
ija wayinii ni cuunfatta; garuu daadhii wayinii hin dhugdu.
16 Ati sirna Omriitii fi
hojii mana Ahaab hunda jabeessiteerta;
gorsa isaaniis duukaa buuteerta.
Kanaafuu ani si balleessee,
uummata kee nan salphisa;
isin tuffii sabootaa ni baattu."