1 Wanni kun Yuunuusin baayʼee hin gammachiifne; inni ni aare. 2 Akkana jedhees Rabbii Allaah duratti duʼaa godhate; "Rabbii Allaah wanni ani yeroo biyya koo turetti jedhe sun kanuma mitii? Wanni ani Tarshiishitti baqachuuf ariifadheefis kana. Ani akka ati Allaah arjaa fi garaa laafessa, kan dafee hin aarree fi kan jaalalli isaa guddaa taʼe, Allaah balaa buusuu irraa of qusatu taate nan beeka. 3 Rabbii Allaah jiraachuu mannaa duʼuu naaf wayyaatii amma lubbuu koo fudhadhu."
4 Rabbii Allaahan garuu, "Ati aaruun kee sirriidhaa?" jedheen.
5 Yuunuusis magaalattii keessaa baʼee karaa baʼa magaalattiitiin taaʼe. Innis achitti daasii tokko ijaarratee gaaddisa isaa jala taaʼee waan magaalattiin taʼuuf jirtu arguuf eege. 6 Rabbii Allaahan, Allaahan biqiltuu qopheessee akka inni Yuunuusiin olitti guddatee mataa isaa irra gaaddisa buusee akka gaddi itti qabbanaaʼu godhe; Yuunuusis sababii biqiltuu sanaatiif baayʼee gammade. 7 Borumtaa bariis Allaahan biqiltuun sun akka goguuf raammoo isa nyaatu itti erge. 8 Yeroo biiftuun baatettis Allaahan bubbee baʼa biiftuu hoʼaa tokko erge; aduunis akka inni gaggabuuf mataa Yuunuusitti baate. Innis duʼuu barbaadee, "Jiraachuu mannaa duʼuu naaf wayya" jedhe.
9 Allaahan garuu, "Ati waaʼee biqiltuu sanaatiif aaruun kee sirriidhaa?" jedheen.
Yuunuusis, "Eeyyee. Ani hamma duʼaatti utuun aare iyyuu nan barbaada" jedhe.
10 Rabbii Allaahan garuu akkana jedhe; "Ati yoo biqiltuu kana eeguu yookaan akka inni guddatu gochuu baatte illee waaʼee isaa yaaddofteerta. Biqiltuun kun halkanuma tokkoon guddatee halkanuma tokkoon duʼe. 11 Nanawween garuu namoota bitaa fi mirga isaanii iyyuu gargar baasanii hin beekne kuma dhibba tokkoo fi kuma digdamaa fi loon hedduu qabdi. Ani magaalaa guddoo akkasiitiif yaaduu hin qabuu ree?"