Publicidade

Jonas 2

Duʼaa Yuunuus

1 Yuunuus garaa qurxummii keessaa Rabbii Allaah, Allaah isaa duratti duʼaa godhate. 2 Innis akkana jedhe:

"Ani rakkina koo keessatti Rabbii Allaah waammadhe;

innis deebii naaf kenne.

Ani gargaarsa barbaacha garaa siiʼool keessaa nan iyye;

atis iyya koo naaf dhageesse.

3 Ati tuujubatti,

garaa galaanaatti gad na darbatte;

lolaanis na marse;

dambalii fi dhaʼaan kee

hundinuu narra garagalan.

4 Anis, ‘Kunoo ani fuula kee duraa balleeffameera;

taʼus ani deebiʼee gara mana qulqullummaa keetii

qulqulluu sanaan ilaala’ nan jedhe.

5 Bishaanonni na haguugan;

tuujubni immoo na marse;

aramaan galaanaas mataatti na marame.

6 Ani gara hundee tulluuwwaniittin gad liqimfame;

balballi lafa jalaas bara baraan natti cufame.

Yaa Rabbii Allaah ko,

ati garuu lubbuu koo boolla keessaa ol baafte.

7 "Rabbii Allaah, yeroo lubbuun koo dadhabdetti

ani sin yaadadhe;

duʼaan koos gara kee

gara mana qulqullummaa kee qulqullichaatti ol baʼe.

8 "Warri waaqeffatamtoota tolfamoo faayidaa hin qabnetti cichan

araara Allaaha irraa garagalu.

9 Ani garuu zabuurii galataatiin

aarsaa siif nan dhiʼeessa.

Ani wareegan wareege sanas nan baasa.

Anis, ‘Fayyinni Rabbii Allaah biraa dhufa’ " nan jedha.

10 Rabbii Allaahanis qurxummii sana ajaje; qurxummiin sunis lafa gogaa irratti Yuunuusin tufe.

Veja também

Publicidade
Jonas
Ver todos os capítulos de Jonas
Bíblia Online Bíblia Online

Bíblia Online • Versão: 2026-06-15_21-32-39-