1 Dubbiin Rabbii Allaah akkana jedhee gara Yuunuus ilma Amitaayi dhufe: 2 "Sababii hamminni ishee fuula koo dura dhufeef, gara Nanawwee magaalaa guddittii dhaqiitii isheedhaan mormuudhaan itti lallabi."
3 Yuunuus garuu Rabbii Allaah duraa baqatee Tarshiishitti qajeele. Innis Yoopheetti gad buʼee doonii gara Tarshiish deemu tokko argate. Erga gatii geejjibaa baasee booddee Rabbii Allaahan duraa miliquuf jedhee doonii yaabbatee Tarshiishitti imale.
4 Rabbii Allaahan bubbee jabaa tokko galaanatti erge; dambaliin akka malee jabaan tokko kaanaan dooniin sun gargar caccabuu gaʼe. 5 Warri doonii sana oofan hundinuu akka malee sodaatanii tokkoon tokkoon isaanii waaqeffatamaa isaanii tolfamaatti iyyatan. Isaanis baʼaa xinneessuuf jedhanii doonii irraa feʼiisa galaanatti gad dadarbatan.
Yuunuus garuu garaa doonii seenee ciisee achitti hirribni guddaan isa qabe. 6 Ajajaan doonii sanaa gara isaa dhufee, "Ati akkam akkas rafuu dandeessa? Kaʼii waaqeffatamaa kee tolfamaa waammadhu! Tarii inni nuu dhagaʼee nus duʼa oolla taʼaatii" jedheen.
7 Warri doonii oofanis, "Kottaa nama balaa kana nutti fide beekuuf ixaa buufannaatii" waliin jedhan. Isaan ixaa buufannaan ixaan sun Yuunuus irra buʼe. 8 Kanaafuu isaan, "Mee nutti himi; namni balaa nutti dhufe kana hundaaf itti gaafatamu eenyu? Hojiin kee maali? Ati eessaa dhufte? Biyyi kee eessa? Ati saba kam keessaa dhalatte?" jedhanii isa gaafatan.
9 Innis, "Ani Ibricha Rabbii Allaah, Allaah isa Shamaayʼunii, galaanaa fi lafa uume sana waaqeffatuu dha" jedhee deebise.
10 Wanni kun isaan sodaachisnaan, "Ati maal goote?" jedhanii isa gaafatan. Isaanis sababii inni duraanuu isaanitti himeef akka inni Rabbii Allaah duraa miliquuf baqachuutti jiru beekan.
11 Galaanni sunis ittuma caalchisee raafamaa dhufe. Kanaafuu isaan, "Nu amma galaana kana tasgabbeessuuf maal si gochuu qabna?" jedhanii isa gaafatan.
12 Innis, "Ol na fuudhaatii galaanatti na darbadhaa; ergasii galaanichi gab jedha. Ani akka dhaʼaan galaanaa hamaan kun sababii balleessaa kootiitiif dhufe nan beeka" jedhee deebise.
13 Namoonni sun garuu qooda kanaa doonii sana gara qarqaraatti baasuuf waan dandaʼan hunda yaalan. Isaan garuu galaanni sun ittuma caalchisee raafamaa waan dhufeef baasuu hin dandeenye. 14 Kana irratti isaan, "Rabbii Allaah, ati sababii lubbuu namicha kanaatiif jettee nu hin fixin. Rabbii Allaah ati waan akkuma feete hojjetteef yakka lubbuu nama balleessaa hin qabnee ajjeesuu nutti hin herregin" jedhanii gara Rabbii Allaahatti iyyatan. 15 Akkasiin Yuunuusin fuudhanii doonii irraa gad darbatan; galaanni raafamaa ture sunis gab jedhe. 16 Kana irratti namoonni sun akka malee Rabbii Allaah sodaatanii aarsaa Rabbii Allaahaf dhiʼeessan; wareegas wareeganiif.
17 Rabbii Allaahan garuu akka inni Yuunuusin liqimsuuf qurxummii guddaa tokko qopheesse; Yuunuusis guyyaa sadii fi halkan sadii garaa qurxummii sanaa keessa ture.