Publicidade

Jonas 3

Yuunuus Nanawwee Dhaqe

1 Ergasii dubbiin Rabbii Allaah akkana jedhee yeroo lammaffaa gara Yuunuus dhufe: 2 "Gara Nanawwee magaalaa guddittii sanaa dhaqiitii ergaa ani sitti himu kana itti lallabi."

3 Yuunuusis dubbii Rabbii Allaahatiif ajajamee Nanawwee dhaqe. Yeroo sanatti Nanawween magaalaa akka malee guddoo turte; keessa baʼanii darbuufis guyyaa sadii fudhata ture. 4 Yuunuus imala guyyaa tokkoo deemuudhaan magaalattiitti gale. Akkana jedhees lallabe: "Nanawween guyyaa afurtama keessatti ni garagalfamti." 5 Warri Nanawwees Allaahatti amanan. Soomas labsanii hundi isaanii xinnaa fi guddaan uffata gaddaa uffatan.

6 Yommuu oduun kun mooticha Nanawwee gaʼetti inni teessoo isaa irraa kaʼee uffata mootii of irraa baase; wayyaa gaddaas uffatee daaraa keessa taaʼe. 7 Ergasii akkana jedhee Nanawwee keessatti labsii labse:

"Ajajni mootichaatii fi qondaaltota isaa kanaa dha:

Akka namni yookaan horiin tokko iyyuu, karri loonii yookaan bushaayeen waan tokko iyyuu afaaniin qabu hin eeyyaminaa; akka isaan waa nyaatan yookaan dhugan hin eeyyaminaa. 8 Garuu namnis, horiinis wayyaa gaddaa haa uffatan. Namni hundinuu dafee Allaah isaa haa waammatu. Isaan karaa isaanii hamaa sanaa fi yakka harki isaanii hojjetu irraa haa deebiʼan. 9 Maaltu beeka? Tarii Allaahan gaabbee garaa nuu laafee dheekkamsa isaa sodaachisaa sana nurraa deebisee, nuus badii oolla taʼaatii."

10 Allaahanis akka isaan waan hamaa irraa deebiʼan hojii isaanii arge; Allaahanis garaa laafeefii balaa isaanitti erguuf yaade sana isaanitti fiduu dhiise.

Veja também

Publicidade
Jonas
Ver todos os capítulos de Jonas
Bíblia Online Bíblia Online

Bíblia Online • Versão: 2026-06-15_21-32-39-