Publicidade

Obadias 1

1 Mulʼata Obaadiyaa.

Rabbii Allaahan Gooftaan waaʼee Edoom akkana jedha.

Nu ergaa tokko Rabbii Allaah irraa dhageenyeerra:

Malaʼikkaan tokko, "Kaʼaa dhaqnee ishee lollaa;

waraanaafis baʼaa" jechuuf gara sabootaatti ergame.

2 "Kunoo, ani saboota gidduutti sin xinneessa;

atis akka malee tuffatamta.

3 Ati kan baqaqaa kattaa keessa jiraattee

mana kee lafa ol kaʼaa irratti ijaarrattu,

kan, ‘Eenyutu lafatti gad na buusa?’ ofiin jettu,

of tuulummaan garaa keetii si gowwoomseera.

4 Yoo ati akkuma risaa ol fagaattee

urjiiwwan gidduutti manʼee kee ijaarratte iyyuu,

ani achii gad sin buusa"

jedha Rabbii Allaahan.

5 "Hattuun yoo sitti dhuftee

saamtuun halkaniin sitti seente,

balaa akkamiitu si eeggata!

Isaan hammuma barbaadan qofa fudhatanii hin deemanii?

Warri ija wayinii guuran utuu gara kee dhufanii,

silaa qarmii wayii hin dhiisanii?

6 Esaawu garuu akkam saamamee

qabeenyi isaa dhokfamaanis jalaa guurame!

7 Gareen kee hundinuu gara moggaatti si dhiiba;

michoonni kee si gowwoomsanii si moʼatu;

warri buddeena kee nyaatan kiyyoo si dura kaaʼu;

ati garuu waan kana hin hubattu.

8 "Ani bara sana ogeeyyii Edoom,

namoota hubannaa qaban tulluuwwan Esaaw irraa

hin balleessuu?" jedha Rabbii Allaahan.

9 "Yaa Teemaan qabsaaʼonni kee ni rifatu;

namni tulluuwwan Esaawuu irra

jiraatu hundinuus gorraʼamee dhuma.

10 Sababii daba obboleessa kee Yaaʼikuubitti hojjetameetiif

ati qaaniidhaan haguugamta;

bara baraanis ni balleeffamta.

11 Gaafa alagoonni qabeenya isaa

guurratanii namoonni ormaa immoo karra isaa seenanii

Yerusaalemitti ixaa buufatanitti,

atis kophaa dhaabattee

isaan keessaa akka isa tokkoo taate.

12 Gaafa inni milkii dhabetti

ati obboleessa kee tuffachuu hin qabdu turte;

yookaan guyyaa badii isaaniitti

saba Yihuudaatti gammaduu hin qabdu turte;

yookaan bara rakkina isaanii keessa

akka malee of tuuluu hin qabdu turte.

13 Bara balaan isaanitti dhufe keessa

karra saba kootiin ol seenuu hin qabdu turte;

yookaan bara dhaʼichi isaanitti dhufe keessa

rakkina isaanii keessatti isaan tuffachuu hin qabdu turte;

yookaan bara balaan isaanitti dhufe keessa

qabeenya isaanii saamuu hin qabdu turte.

14 Baqattoota isaa fixuuf jettee qaxxaamura karaatti

isaan eeggachuu hin qabdu turte;

yookaan bara rakkina isaa keessa

hambaa isaa dabarsitee kennuu hin qabdu turte.

15 "Guyyaan Rabbii Allaah

saboota hundaaf dhiʼaateera.

Akkuma ati hojjette sittis ni hojjetama;

hojiin kees matuma keetti deebiʼa.

16 Akkuma isin gaara koo qulqulluu irratti dhugdan sana,

saboonni hundinuu ittuma fufanii ni dhugu;

isaan itti deddeebiʼanii dhugu;

akka waan gonkumaa hin dhuginii taʼu.

17 Tulluu Xiyoon irra garuu furamuun ni jiraata;

inni ni qulqullaaʼa;

manni Yaaʼikuubis dhaala isaanii ni dhuunfatu.

18 Manni Yaaʼikuub ibidda,

manni Yuusuf immoo arraba ibiddaa taʼa;

manni Esaaw huura taʼa;

isaanis ibidda itti qabsiisanii gubanii barbadeessu.

Mana Esaaw keessaa

namni tokko iyyuu hin hafu"

jedhee dubbateera Rabbii Allaah.

19 Namoonni Negeeb

tulluuwwan Esaaw ni qabatu;

namoonni gaarran jala jiraatan immoo

biyya Filisxeemotaa qabatu.

Isaan dirree Efreemii fi Samaariyaa ni qabatu;

Biniyaam immoo biyya Giliʼaad qabata.

20 Gareen boojiʼamtoota Israaʼel kan Kanaʼaan jiraatu kun

biyya hamma Saaraptaatti jiru dhaala;

boojiʼamtoonni Yerusaalem kanneen

Sefaaraad jiraatan magaalaawwan Negeeb dhaalu.

21 Bilisa baastonni tulluuwwan Esaaw bulchuudhaaf

Tulluu Xiyoonitti ol baʼu.

Mootummaanis kan Rabbii Allaah taʼa.

Veja também

Publicidade
Obadias
Ver todos os capítulos de Obadias
Bíblia Online Bíblia Online

Bíblia Online • Versão: 2026-06-15_21-32-39-