Publicidade

1 Samuel 23

Daawud Qeyiilaa Baraaruu Isaa

1 Daawud yommuu, "Kunoo, Filisxeemonni Qeyiilaatti waraana bananii oobdii saamaa jiru" jedhanii itti himanitti, 2 "Ani dhaqee Filisxeemota kanneen waraanuu?" jedhee Rabbii Allaah gaafate.

Rabbii Allaahanis, "Dhaqii Filisxeemota waraaniitii Qeyiilaa baraar" jedhee deebiseef.

3 Namoonni Daawud garuu, "Nu as Yihuudaa keessatti iyyuu sodaachaa jirra. Yoo loltoota Filisxeemotaa waraanuuf Qeyiilaa dhaqne immoo hammam haa sodaannu!" jedhaniin.

4 Daawud ammas deebiʼee Rabbii Allaah gaafate; Rabbii Allaahanis, "Qeyiilaatti gad buʼi; ani Filisxeemota dabarsee harka keetti nan kennaatii" jedhee deebiseef. 5 Kanaafuu Daawudii fi namoonni isaa Qeyiilaa dhaqanii Filisxeemota waraananii horii isaanii boojiʼan. Daawudis miidhaa guddaa Filisxeemotatti fidee akkasiin saba Qeyiilaa baraare. 6 Abiyaataar ilmi Ahiimelek sunis yeroo gara Qeyiilaa gara Daawuditti baqatetti dirata fudhatee dhufe.

Saaʼol Daawudin Ariʼe

7 Akka Daawud Qeyiilaa dhaqe Saaʼolitti himan; innis, "Waan Daawud magaalaa karraa fi danqaraa qabdu keessa seenuudhaan ofitti cufeef Allaahan isa dabarsee natti kenneera" jedhe. 8 Saaʼolis akka isaan Qeyiilaatti gad buʼanii Daawudii fi namoota isaa marsaniif jedhee loltoota isaa hunda duulaaf walitti waammate.

9 Daawudis yeroo akka Saaʼol hammina isatti yaade beeketti Abiyaataar lubichaan, "Dirata sana as fidi" jedhe. 10 Ergasiis Daawud akkana jedhe; "Rabbii Allaah, Allaah Israaʼel akka Saaʼol gara Qeyiilaa dhufee sababii kootiif jedhee magaalattii barbadeessuuf karoorfate garbichi kee dhugumaan dhagaʼeera. 11 Jiraattonni Qeyiilaa isatti dabarsanii na kennuu? Akkuma garbichi kee dhagaʼe sana Saaʼol ni dhufaa? Yaa Rabbii Allaah Israaʼel mee garbicha keetti himi."

Rabbii Allaahanis, "Eeyyee inni ni dhufa" jedhe.

12 Daawud ammas, "Jiraattonni Qeyiilaa anaa fi namoota koo dabarsanii Saaʼolitti ni kennuu?" jedhee gaafate.

Rabbii Allaahanis, "Eeyyee isin kennu" jedhe.

13 Kanaafuu Daawudii fi namoonni isaa kanneen gara dhibba jaʼa taʼan Qeyiilaadhaa kaʼanii gara dhaquu dandaʼan hunda dhaqan. Saaʼolis yommuu akka Daawud Qeyiilaa keessaa baqate dhagaʼetti achi hin dhaqne.

14 Daawudis daʼannoowwan gammoojjii keessaatii fi gaarran Gammoojjii Ziif keessa ture. Saaʼolis guyyuma guyyaan isa barbaadaa ture; Allaahan garuu dabarsee harka isaatti Daawudin hin kennine.

15 Daawud utuu Gammoojjii Ziif keessa iddoo Hooreshaa jedhamu tokko jiruu akka Saaʼol isa ajjeesuuf dhufe beeke. 16 Yoonaataan ilmi Saaʼolis Daawud bira Hooreshaa dhaqe; maqaa Allaahatiinis isa jajjabeesse. 17 Innis, "Hin sodaatin; abbaan koo Saaʼol harkumaanuu si hin tuqu. Ati mootii Israaʼel taata; ani immoo itti aanaa kee nan taʼa. Abbaan koo Saaʼol iyyuu waan kana ni beeka" jedheen. 18 Isaan lamaanuu fuula Rabbii Allaah duratti kakuu walii galan. Ergasii Yoonaataan mana ofii isaatti gale; Daawud immoo Hooreshaatti hafe.

19 Namoonni Ziif gara Gibeʼaa gara Saaʼol dhaqanii akkana jedhan; "Daawud kibba Yasemooniin gaara Hakiilaa irra daʼannoowwan Hooreshaa keessa dhokatee gidduu keenya jira mitii? 20 Yaa mootii, ati gaafa dhufuu feete kottu; nu isa dabarsinee sitti ni kennina."

21 Saaʼolis deebisee akkana jedhe; "Waan isin naa yaaddaniif Rabbii Allaahan isin haa eebbisu. 22 Dhaqaatii ittuma fufaa qophaaʼaa. Iddoo Daawud yeroo baayʼee dhaquu fi nama achitti isa argu illee hubadhaa. Akka inni nama daba hojjetu taʼe natti himaniiru. 23 Iddoo inni itti dhokatu hundumaa barbaadaatii oduu mirkanaaʼaa fidaa kottaa. Ergasii ani isin wajjin nan deema; yoo inni naannoo sana jiraate ani kumaatama Yihuudaa hunda keessaa barbaadee isa nan arga."

24 Kanaafuu isaan kaʼanii Saaʼol dursanii Ziif dhaqan. Daawudii fi namoonni isaa gama kibba Yasemooniin Gammoojjii Maaʼoon kan Arabbaatti argamtu keessa turan. 25 Saaʼolii fi namoonni isaa Daawudin barbaaduu jalqaban; Daawudis yommuu waan kana itti himanitti gara kattaatti gad buʼee Gammoojjii Maaʼoon keessa ture. Saaʼolis yeroo waan kana dhagaʼetti Daawudin ariʼuuf Gammoojjii Maaʼoon seene.

26 Saaʼol gaara gubbaa karaa tokkoon deemaa ture; Daawudii fi namoonni isaa immoo Saaʼol duraa baqachuuf jedhanii ariifachaa tulluu sana irra karaa kaaniin deeman. Yeroo Saaʼolii fi namoonni isaa itti dhiʼaatanii Daawudii fi namoota isaa qabachuu gaʼanitti, 27 malaʼikkaan tokko gara Saaʼol dhufee, "Dafiitii kottu! Filisxeemonni biyyattii weeraranii jiruutii" jedhe. 28 Saaʼolis Daawudin ariʼuu dhiisee Filisxeemotatti gara gale. Kanaafuu iddoon sun, "Kattaa gargar baʼumsaa" jedhame. 29 Daawudis achii deemee daʼannoowwan Een Gaadii keessa jiraate.

Veja também

Publicidade
Bíblia Online Bíblia Online

Bíblia Online • Versão: 2026-06-18_14-04-22-