Publicidade

Josué 12

Maqaa Mootota Moʼatamanii

1 Warri Kunneen mootota Israaʼeloonni moʼatanii biyyoota isaanii jechuunis gama baʼa Arabbaa hunda dabalatee, baʼa Yordaanos, Sulula Arnooniitii hamma Tulluu Hermoonitti irraa fudhatanii dha:

2 Sihoon mootiin Amoorotaa,

Heshboon keessa taaʼee Aroʼeer ishee qarqara sulula Arnoonitti argamtu sanaa jalqabee hamma Laga Yaaboq kana daarii Amoonotaatti bulchaa ture; kunis walakkaa Giliʼaad dabalata.

3 Akkasumas baʼa Arabbaa Galaana Kinereetiitii jalqabee hamma Galaana Arabbaa yookaan Galaana Soogiddaatti, hamma Beet Yashiimootitti, achii immoo karaa Kibbaatiin hamma tabba Phisgaatti bulchaa ture.

4 Oogi mootichi Baashaan kan sanyii Refaayim keessaa isa dhumaa taʼe sun Ashtaarotii fi Edreyii bulchaa ture.

5 Innis Tulluu Hermoon, Salkaa, guutummaa Baashaan hamma Geshuurotaattii fi Maʼakaataatti, walakkaa Giliʼaad immoo hamma daangaa Sihoon mooticha Heshboonitti bulchaa ture.

6 Muusaan garbichi Rabbii Allaahatii fi Israaʼeloonni isaan moʼatan. Muusaan garbichi Rabbii Allaah biyya isaanii Ruubeenotaaf, gosa Gaadiitii fi walakkaa gosa Minaaseetiif dhaala godhee kenne.

7 Mootonni biyya Yushuʼaa fi Israaʼeloonni Yordaanosiin gama lixa biiftuutti moʼatanii kanneenii dha: biyyi isaaniis Baʼaal Gaad Sulula Libaanoon keessa jirtu sanaa jalqabee hamma Tulluu Halaaq kan gara Seeʼiir lafa Yushuʼaan akkuma gosa gosa isaaniitti dhaala godhee Israaʼelootaaf kenne sanaatti ol kaʼuu dha. 8 Biyyoonni kunneenis biyya gaaraa, biyya karaa lixaa, Arabbaa, tabba tulluu, lafa alootii fi Negeebi jechuunis biyyoota Heetotaa, Amoorotaa, Kanaʼaanotaa, Feerzotaa, Hiiwotaatii fi Yebuusotaa ti.

Mootonnis kanneenii dha:

9 Mootii Yerikoo, tokko

mootii Aayi kan Beetʼeel biraa, tokko

10 mootii Yerusaalem, tokko

mootii Kebroon, tokko

11 mootii Yarmuut, tokko

mootii Laakkiish, tokko

12 mootii Egloon, tokko

mootii Geezir, tokko

13 mooticha Debiir, tokko

mootii Gaadeer, tokko

14 mootii Hormaa, tokko

mootii Aaraad, tokko

15 mootii Libnaa, tokko

mootii Adulaam, tokko

16 mootii Maqeedaa, tokko

mootii Beetʼeel, tokko

17 mootii Tafuuʼaa, tokko

mootii Heefer, tokko

18 mootii Afeeq, tokko

mooticha Lashaaroon, tokko

19 mootii Maadoon, tokko

mootii Haazoor, tokko

20 mootii Shimroon Meroon, tokko

mootii Akshaaf, tokko

21 mootii Taʼanaak, tokko

mootii Megidoo, tokko

22 mootii Qaadesh, tokko

mootii Yoqeniʼaam kan Qarmeloos jiraatu, tokko

23 mootii Door kan tabba Door irra jiraatu, tokko

mootii Gooyim kan Gilgaal keessaa jiraatu, tokko

24 mootii Tiirzaa, tokko.

Isaanis walumatti mootota soddomii tokko turan.

Veja também

Publicidade
Bíblia Online Bíblia Online

Bíblia Online • Versão: 2026-06-16_06-50-08-