1 Ergasiis Rabbii Allaahan Yushuʼaadhaan akkana jedhe; "Hin sodaatin yookaan abdii hin kutatin. Loltoota hunda fudhadhuutii ol baʼii magaalaa Aayi loli. Ani kunoo mootii Aayi, nama isaa, magaalaa isaatii fi biyya isaa harka keetti dabarsee kenneeraatii. 2 Akkuma Yerikoo fi mootii ishee goote sana, Aayii fi mootii ishee illee goota; yeroo kana garuu boojuu fi horii ishee ofii keessanii fudhachuu dandeessu. Nama riphee magaalattii eegu karaa duubaatiin kaaʼi."
3 Yushuʼaa fi loltoonni hundinuus kaʼanii Aayin loluuf baʼan. Innis loltoota isaa warra jajjaboo keessaa nama kuma soddoma filatee halkaniin erge; 4 akkanas jedhee isaan ajaje: "Mee qalbiidhaan na dhagaʼaa. Isin boroo magaalaatti riphxu. Guddiftanii irraa hin fagaatinaa. Hundi keessan qophaaʼaa. 5 Anii fi warri na wajjin jiran hundi magaalaa sanatti dhiʼaanna; yommuu namoonni akkuma duraa sana fuula duraan nutti dhufan nu isaan duraa baqanna. 6 Isaanis sababii, ‘Jarri kun akkuma duraa sana nu baqachaa jiru’ nuun jedhaniif, hamma nu magaalaa sana irraa isaan fageessinutti nu duukaa buʼu. Kanaafuu yommuu nu isaan baqannutti, 7 isin immoo iddoo itti riphxanii kaatanii magaalaa sana qabattu. Rabbii Allaahan keessanis magaalaa sana harka keessanitti dabarsee ni kenna. 8 Isin yommuu magaalaa sana qabattanitti ibidda itti qabsiisaa. Waan kanas akkuma Rabbii Allaahan ajajetti hojjedhaa. Kunoo ani isin ajajeera."
9 Ergasii Yushuʼaan isaan erge; isaanis gara iddoo itti riphan kan gama baʼa Aayitiin Beetʼeelii fi Aayi gidduu jiru sanaa dhaqan; Yushuʼaan garuu halkan sana uummata wajjin bule.
10 Guyyaa itti aanu ganama barii Yushuʼaan namoota ofii isaa walitti qabatee innii fi maanguddoonni Israaʼel namoota dura Aayitti ol qajeelan. 11 Loltoonni isa wajjin turan hundinuu ol baʼanii fuula duraan magaalattiitti dhiʼaatanii karaa kaaba Aayitiin qubatan. Sululli tokkos isaanii fi magaalattii gidduutti argama ture. 12 Yushuʼaan nama gara kuma shan fudhatee gama lixa magaalattiitiin Beetʼeelii fi Aayi gidduutti riphsiise. 13 Isaanis namoota, jechuunis loltoota gama kaaba magaalattiitiin turan hundaa fi warra dugda duubaan gama lixaatiin riphanii turan iddoo iddoo isaanii qabsiisan. Yushuʼaan garuu gara sululaatti gad buʼee halkan sana achi bule.
14 Mootiin Aayi yommuu waan kana argetti, innii fi namoonni magaalaa sanaa hundinuu iddoo Arabbaan olii tokkotti Israaʼelootaan wal waraanuuf ganama bariin ariifatanii baʼan. Inni garuu akka waraanni riphee dugda magaalaa sanaa duubaan isa eeggatu hin beekne. 15 Yushuʼaa fi Israaʼeloonni hundi waan ariʼaman of fakkeessanii dugda duubatti deebiʼanii fuula isaanii dura gara gammoojjiitti baqatan. 16 Namoonni Aayi hundinuus akka Israaʼeloota ariʼaniif walitti waamaman; isaanis Yushuʼaa faana buʼanii akkasiin magaalattii irraa fageeffaman. 17 Namni Israaʼeloota faana buʼee ariʼuuf hin baʼin tokko iyyuu Aayi yookaan Beetʼeel keessatti hin hafne. Magaalattiis eegumsa malee hambisanii Israaʼeloota ariʼuuf baʼan.
18 Rabbii Allaahanis Yushuʼaadhaan, "Sababii ani magaalattii harka keetti dabarsee kennuuf, eeboo harkaa qabdu gara Aayitti deebifadhu" jedhe. Kanaafuu Yushuʼaan eeboo isaa gara Aayitti deebifate. 19 Akkuma inni waan kana godheen warri riphanii eeggachaa turan sun dafanii iddoo isaaniitii kaʼanii fuul duratti fiigan. Isaanis magaalattii seenanii qabatan; dafaniis ibidda itti qabsiisan.
20 Namoonni Aayi yommuu garagalanii of duuba ilaalanitti aara magaalattii kan shamaayʼuniitti ol kaʼu argan; garuu sababii Israaʼeloonni duraan gara gammoojjiitti baqatan sun amma warra isaan ariʼaa jiranitti garagalaniif, jarri eessumattuu baqachuuf carraa tokko illee hin arganne. 21 Yushuʼaa fi Israaʼeloonni hundinuu yommuu akka warri riphee eeggachaa ture sun magaalattii qabatee fi akka aarri magaalattii irraa kaʼu arganitti of irra garagalanii namoota Aayi dhaʼan. 22 Namoonni riphanii turanis magaalaadhaa baʼanii isaanitti dhufan; kanaafuu Israaʼeloonni gamanaa gamasiin isaan marsanii jarri Israaʼeloota gidduutti qabaman. Israaʼeloonnis akka namni tokko iyyuu hin hafneef yookaan baqatee hin miliqneef isaan fixan. 23 Mootii Aayi garuu lubbuudhumaan qabanii Yushuʼaatti fidan.
24 Israaʼeloonni yommuu dhiirota Aayi hunda dirree fi gammoojjii jarri itti Israaʼeloota ariʼan sanatti qalanii isaan fixanitti, Israaʼeloonni hundinuu gara Aayitti dachaʼanii warra achitti hafes goraadeedhaan barbadeessan. 25 Namoonni Aayi kanneen gaafasi dhuman dhiiraa dubartiin kuma kudha lama turan. 26 Yushuʼaan hamma namoota Aayi keessa jiraatan hunda fixutti harka isaa kan diriirfatee ittiin eeboo qabate sana hin dachaafanne tureetii. 27 Israaʼel garuu akkuma Rabbii Allaahan Yushuʼaa ajajetti horii fi boojuu magaalattii qofa fudhate.
28 Akkasitti Yushuʼaan Aayin gubee tuulaa daaraa godhe hambise; hamma harʼaattis isheen akkuma barbadooftetti jirti. 29 Innis mootii Aayi muka irratti fannisee hamma biiftuun lixxutti achumatti isa dhiise. Yushuʼaan yommuu aduun dhiitetti akka isaan reeffa isaa muka irraa gad buusanii karra magaalattii duratti darbatan isaan ajaje. Isaanis tuulaa dhagaa guddaa hamma harʼaattis jiru reeffa sana irratti tuulan.
30 Ergasii Yushuʼaan Tulluu Eebaal irratti Rabbii Allaah Israaʼeliif iddoo aarsaa ijaare. 31 Iddoo aarsaa kanas akkuma Muusaan garbichi Rabbii Allaah Israaʼeloota ajaje sanatti hojjete. Innis akkuma Kitaaba Seera Muusaa keessatti barreeffametti dhagaa hin soofamin kan sibiilli hin tuqiniin hojjete; isa irrattis aarsaa gubamu dhiʼeessanii aarsaa nagaas Rabbii Allaahaf qalan. 32 Yushuʼaanis achumatti fuula Israaʼelootaa duratti, seera Muusaan barreessee ture sana dhagaa irratti garagalche. 33 Israaʼeloonni hundinuu, alagaa fi dhalataan biyyaa, maanguddoota isaanii wajjin, ajajjoota loltootaatii fi abbootii seeraa wajjin, Lewwota luboota taʼan kanneen taabota kakuu Rabbii Allaah baatan sanatti fuula deebifatanii bitaa mirgaan dhadhaabatan. Akkuma Muusaan garbichi Rabbii Allaah akka isaan saba Israaʼel eebbisaniif jalqabatti isaan ajaje sanatti walakkaan isaanii Tulluu Gerziim dura dhadhaabatanii walakkaan isaanii immoo Tulluu Eebaal dura dhadhaabatan.
34 Ergasiis Yushuʼaan akkuma Kitaaba Seeraa keessatti barreeffametti dubbii seeraa hunda kan eebbaatii fi kan abaarsaa ni dubbise. 35 Dubbii Muusaan isa ajaje hunda keessaa wanni Yushuʼaan waldaa Israaʼel hundaaf akkasumas dubartootaaf, daaʼimmanii fi alagoota gidduu isaanii jiraataniif utuu hin dubbisin bira darbe tokko iyyuu hin turre.