Publicidade

Josué 22

Gosoonni Gara Baʼa Biiftuu Biyyatti Deebiʼan

1 Ergasii Yushuʼaan gosa Ruubeen, gosa Gaadii fi walakkaa gosa Minaasee walitti waamee 2 akkana jedheen; "Isin waan Muusaan garbichi Rabbii Allaah ajaje hundumaa hojjettaniirtu; waan ani isin ajaje hundas naa ajajamtaniirtu. 3 Isin bara dheeraaf, hamma harʼaatti illee obboloota keessan hin daganne; ajaja Rabbii Allaahan keessan isinii kennes eegdaniirtu. 4 Rabbii Allaahan keessan akkuma waadaa gale sanatti obboloota keessan boqochiiseera; isin biyya Muusaan garbichi Rabbii Allaah Yordaanos gamaa isinii kenne sanatti gara mana keessaniitti deebiʼaa. 5 Garuu akka Rabbii Allaah keessan jaallattaniif, akka karaa isaa hunda irra deemtaniif, akka ajajawwan isaa eegdaniif, akka isatti maxxantanii fi akka garaa keessan guutuu fi lubbuu keessan guutuudhaan isa tajaajiltaniif ajajaa fi seera Muusaan garbichi Rabbii Allaah isinii kenne sana jabeessaa eegaa."

6 Ergasiis Yushuʼaan eebbisee gad isaan dhiise; isaanis gara mana isaaniitti deebiʼan. 7 Muusaan walakkaa gosa Minaaseetiif Baashaan keessaa lafa kennee ture; Yushuʼaan immoo walakkaa kaaniif Yordaanosiin gama lixaatti obboloota isaanii cinatti lafa kenne. Yushuʼaan yommuu gara mana isaaniitti isaan ergetti isaan eebbise; 8 akkanas jedheen; "Qabeenya keessan guddaa jechuunis horii baayʼee, meetii, warqee, naasii fi sibiila akkasumas uffata baayʼee fudhadhaa galaatii boojuu diinota keessan irraa boojitan sana obboloota keessan wajjin qooddadhaa."

9 Kanaafuu gosti Ruubeen, gosti Gaadii fi walakkaan gosa Minaasee gara biyya ofii isaanii gara Giliʼaad ishee akkuma Rabbii Allaahan karaa Muusaatiin ajajetti argatan sanaatti deebiʼuuf jedhanii Shiiloo ishee Kanaʼaan keessaa sanatti Israaʼeloota dhiisanii deeman.

10 Gosti Ruubeen, gostii Gaadii fi walakkaan gosa Minaasee yommuu Galiilooti biyya Kanaʼaan keessaa kan Yordaanos biraa sana gaʼanitti, iddoo aarsaa guddaa isaa Yordaanos biratti tolchan. 11 Israaʼeloonni yommuu akka isaan gama Israaʼelootaatiin daarii Kanaʼaan irratti Galiilooti ishee Yordaanos cinaa sanatti iddoo aarsaa tolchan dhagaʼanitti, 12 guutummaan waldaa Israaʼel isaanitti duuluuf Shiilootti walitti qabaman.

13 Kanaafuu Israaʼeloonni Fiinehaas ilma Eleʼaazaar lubichaa sana gara gosa Ruubeen, gosa Gaadii fi gara walakkaa gosa Minaasee warra Giliʼaad keessa jiraatanitti ergan. 14 Isa wajjinis hangafoota kudhan, tokkoo tokkoo gosa Israaʼeliif nama tokko ergan; tokkoon tokkoon isaaniis hangafa balbala maatii Israaʼel.

15 Isaanis Giliʼaaditti gosa Ruubeen, gosa Gaadii fi walakkaa gosa Minaasee bira dhufanii akkana isaaniin jedhan: 16 "Guutummaan waldaa Rabbii Allaah akkana jedha: ‘Isin akkamitti akkanaan amanamummaa Allaah Israaʼel wajjin qabdan sana cabsitu? Isin akkamitti Rabbii Allaah irraa garagaltanii isatti finciluudhaan ofii keessaniif iddoo aarsaa tolfattu? 17 Cubbuun Pheʼoor keessatti hojjetame sun nu hin gaʼuu? Dhaʼichi saba Rabbii Allaah irra buʼu iyyuu, nu hamma harʼaatti cubbuu sana irraa of hin qulqulleessine. 18 Isin ammas Rabbii Allaah irraa garagaluu keessanii?

" ‘Yoo isin harʼa Rabbii Allaahatti finciltan inni immoo bori hawaasa Israaʼel hundatti ni dheekkama. 19 Yoo lafti isin qabattan sun xuroofte, gara lafa Rabbii Allaahan iddoo dunkaanni Rabbii Allaah dhaabatuu kottaatii nu wajjin lafa qoodadhaa. Garuu iddoo aarsaa Rabbii Allaah keenyaa malee iddoo aarsaa biraa ofii keessanii tolfattanii Rabbii Allaahatti yookaan nutti hin fincilinaa. 20 Yeroo Aakaan ilmi Zaaraa waan dhowwamaa taʼe fudhachuudhaan cubbuu hojjetetti waldaa Israaʼel hundatti dheekkamsi hin dhufnee? Namni sababii cubbuu isaatiin duʼe isa qofa miti.’ "

21 Kana irratti gosti Ruubeen, gosti Gaadii fi walakkaan gosa Minaasee akkana jedhanii hangafoota maatiiwwan Israaʼeliif deebisan; 22 "Rabbii Allaahan waaqeffatamtootaa, Rabbii Allaahan waaqeffatamtootaa ni beeka! Israaʼelis haa beeku! Yoo wanni kun Rabbii Allaahatti finciluuf yookaan isaa ajajamuu diduuf taʼe harʼa nu hin hambisin. 23 Yoo nu Rabbii Allaah irraa deebiʼuuf jennee, aarsaa gubamuu fi kennaa midhaanii, yookaan aarsaa nagaa achi irratti dhiʼeessuuf iddoo aarsaa ofii keenyaa tolfannee jiraanne, Rabbii Allaahan mataan isaa itti nu haa gaafatu.

24 "Sababiin nu waan kana gooneef ijoolleen keessan gara fuula duraatti ijoollee keenyaan akkana jedhu taʼa jennee sodaannee ti; ‘Isin Rabbii Allaah Israaʼel irraa maali qabdu? 25 Rabbii Allaahan nuu fi isin jechuunis isin gosa Ruubeenii fi gosa Gaad gidduu Yordaanos daarii godhee dhaabeera! Isin Rabbii Allaah irraa qooda tokko illee hin qabdan.’ Kanaafuu ijoolleen keessan akka ijoolleen keenya Rabbii Allaah sodaachuu dhiisan godhu taʼa.

26 "Sababiin nu, ‘Kottaa qophoofnee iddoo aarsaa tokko tolfannaa; garuu iddoon aarsaa kun kan aarsaan gubamu yookaan qalmi irratti dhiʼeeffamuu miti’ jenneefis kanuma. 27 Karaa biraa immoo akka iddoon aarsaa kun akka nu aarsaa keenya kan gubamu, qalma keenyaa fi aarsaa nagaatiin iddoo qulqulluu isaatti Rabbii Allaah waaqeffannuuf nu, isinii fi dhaloota dhufu gidduutti dhugaa baatuu taʼuuf. Kana booddee ijoolleen keessan ijoollee keenyaan, ‘Isin Rabbii Allaah irraa qooda tokko illee hin qabdan’ jechuu hin dandaʼan.

28 "Nus akkana jenne; ‘Yoo isaan baroota dhufuuf jiran keessa nuun yookaan dhaloota keenyaan akkas jedhan, mee fakkii iddoo aarsaa Rabbii Allaah kan abbootiin keenya aarsaa gubamu yookaan qalma irratti dhiʼeessuuf utuu hin taʼin akka inni nuu fi isin gidduutti dhuga baatuu taʼuuf tolchan kana ilaalaa jennaan.’

29 "Iddoo aarsaa Rabbii Allaah keenyaa kan dunkaana isaa qulqulluu dura dhaabatu sana malee harʼa iddoo aarsaa kan aarsaan gubamu, kennaan midhaaniitii fi qalmi irratti dhiʼeeffamu kan biraa tolchuudhaan Rabbii Allaahatti fincillee isa irraa garagaluun nurraa haa fagaatu."

30 Fiinehaas lubichi, qajeelchitoonni sabaatii fi hangafoonni maatiiwwan Israaʼel yommuu waan gosti Ruubeen, gosti Gaadii fi gosti Minaasee jedhan dhagaʼanitti ni gammadan. 31 Fiinehaas ilmi Eleʼaazaar lubichaas ijoollee Ruubeeniin, ijoollee Gaadii fi ilmaan Minaaseetiin, "Nu harʼa sababii isin waan kana keessatti Rabbii Allaahaf amanamummaa hin dhiisiniif akka Rabbii Allaahan nu wajjin jiru beekneerra. Isin amma Israaʼeloota harka Rabbii Allaah jalaa baaftaniirtu" jedhe.

32 Ergasiis Fiinehaas ilmi Eleʼaazaar lubichaa fi qajeelchitoonni sun ijoollee Ruubeenii fi ijoollee Gaad wajjin Giliʼaaditti wal gaʼii godhatanii gara Kanaʼaanitti deebiʼanii oduu achii fidan Israaʼelootatti himan. 33 Isaanis oduu kana dhagaʼanii gammadanii Allaah galateeffatan. Lammatas itti deebiʼanii waaʼee isaanitti duuluu fi biyya gosti Ruubeenii fi gosti Gaad keessa jiraatu sana balleessuu hin dubbanne.

34 Gosti Ruubeenii fi gosti Gaadis maqaa kanaan iddoo aarsaa sana moggaasan: Iddoon Aarsaa kun akka Rabbii Allaah taʼe Nu Gidduutti Dhugaa Baatuu dha.

Veja também

Publicidade
Bíblia Online Bíblia Online

Bíblia Online • Versão: 2026-06-15_21-32-39-