1 Lafti Israaʼeloonni biyya Kanaʼaan keessatti akka dhaalaatti argatan kan Eleʼaazaar lubichi, Yushuʼaan ilmi Nuunitii fi hangafoonni balbala gosoota Israaʼel isaaniif qoodan kanaa dha. 2 Dhaalli isaanii kunis akkuma Rabbii Allaahan Muusaa ajajetti ixaadhaan gosa sagalii fi walakkaa gosa tokkootiif kenname. 3 Muusaan karaa baʼa Yordaanosiin gosoota lamaanii fi walakkaaf dhaala godhee kennee ture; gosa Lewwiitiif garuu warra kaan gidduutti dhaala tokko illee hin kennine; 4 ilmaan Yuusuf gosa lama taʼanii turaniitii; isaanis Minaasee fi Efreem. Lewwonni garuu magaalaawwan keessa jiraatan, bushaayee fi loon isaanii bobbaafatan malee qooda lafaa tokko illee hin arganne. 5 Kanaafuu Israaʼeloonni akkuma Rabbii Allaahan Muusaa ajajetti biyya sana hiratan.
6 Ergasiis namoonni Yihuudaa Gilgaalitti gara Yushuʼaa dhufan; Kilaab ilmi Yefunee namichi gosa Qeneez sun akkana jedheen; "Ati waan Rabbii Allaahan Qaadesh Barnee keessatti waaʼee keetii fi waaʼee koo Muusaa nama Allaaha sanatti dubbate ni beekta. 7 Yeroo Muusaan garbichi Rabbii Allaah sun akka ani biyyattii basaasuuf Qaadesh Barneetii na erge umuriin koo waggaa afurtama ture. Anis gabaasa waan mirkaneeffadhe sanaa nan fideef; 8 obboloonni koo warri na wajjin achi dhaqan garuu akka onneen sabaa sodaadhaan baqxu godhan. Taʼus ani garaa koo guutuudhaan Rabbii Allaah koo duukaa buʼe. 9 Kanaafuu Muusaan gaafas akkana jedhee naa kakate; ‘Sababii ati garaa kee guutuudhaan Rabbii Allaah koo duukaa buuteef, lafti miilli kee tuqe sun hamma bara baraatti dhaala keetii fi dhaala ilmaan keetii taʼa.’
10 "Egaa Rabbii Allaahan akkuma waadaa gale sanatti, gaafa Muusaadhaan akkas jedhe kan yeroo Israaʼel gammoojjii keessa asii fi achi jooraa turee jalqabee waggaa afurtamii shan na jiraachiseera. Kanaafuu ani harʼa kunoo waggaa saddeettamii shan guuteera! 11 Ani harʼas akkuma gaafa Muusaan na erge sanaa jabaa dha; ani akkuman dur ture sana amma iyyuu duula dhaquuf jabaa dha. 12 Egaa amma biyya gaaraa kan Rabbii Allaahan gaafa sana waadaa naa gale kana naa kenni. Ati mataan kee iyyuu akka Anaaqonni achi keessa jiraatan, akka magaalaawwan isaanii gurguddaa taʼanii fi dallaa jabaan marfaman gaafas dhageesseerta; yoo Rabbii Allaahan na gargaare garuu ani akkuma Allaahan jedhe sanatti ariʼee isaan baasa."
13 Yushuʼaanis Kilaab ilma Yefunee eebbisee Kebroonin dhaala godhee kenneef. 14 Kanaafuu sababii inni garaa isaa guutuudhaan Rabbii Allaah Israaʼel duukaa buʼeef Kebroon hamma harʼaatti iyyuu dhaala Kilaab ilma Yefunee namicha gosa Qeneez sanaa taatee hafte. 15 Kebroon duraan maqaa namicha Arbaaq jedhamu kan Anaaqota hunda keessaa nama guddaa ture tokkootiin Kiriyaati Arbaaq jedhamtee waamamaa turte.
Ergasiis biyyattiin waraana irraa boqotte.