Publicidade

Josué 23

Haasaa Yushuʼaa Isa Dhumaa

1 Erga barri dheeraan darbee Rabbii Allaahanis diinota isaan marsan hunda irraa Israaʼeloota boqochiisee booddee Yushuʼaan bara dheeraa jiraatee dulloome; 2 innis Israaʼeloota hunda jechuunis maanguddoota isaanii, hooggantoota isaanii, abbootii murtii isaaniitii fi qondaaltota isaanii ofitti waamee akkana jedheen: "Kunoo ani bara dheeraa jiraadhee dulloomeera. 3 Isin mataan keessanuu waan Rabbii Allaahan keessan isiniif jedhee saboota kana godhe hundumaa argitaniirtu; Rabbii Allaah keessantu isiniif lole. 4 Akka ani itti biyya saboota hafanii jechuunis biyya saboota ani Yordaanosii jalqabee hamma lixa Galaana Guddichaatti moʼadhe sanaa hunda gosoota keessaniif dhaala godhee kenne mee yaadadhaa. 5 Rabbii Allaahan keessan mataan isaa iyyuu fuula keessan duraa ariʼee isaan baasa. Inni fuula keessan duraa dhiibee isaan baasa; isin immoo akkuma Rabbii Allaahan keessan isin abdachiise sanatti biyya isaanii qabattu.

6 "Jabaadhaa dhaabadhaa; akka waan Kitaaba Seera Muusaa keessatti barreeffame hunda, utuu gara mirgaatti yookaan bitaatti hin jalʼatin jabeessaa eegaa. 7 Saboota gidduu keessanitti hafan kanneenitti hin makaminaa; maqaa waaqeffatamtoota isaanii hin dhaʼinaa yookaan ittiin hin kakatinaa. Waaqeffatamtoota sana hin tajaajilinaa yookaan isaaniif hin sagadinaa. 8 Garuu akkuma hamma harʼaatti gochaa turtan sana jabaadhaa Rabbii Allaah keessanitti maxxanaa.

9 "Rabbii Allaahan saboota gurguddaa fi humna qabeeyyii fuula keessan duraa ariʼee baaseera; hamma ammaatti namni tokko iyyuu isin dura dhaabachuu hin dandeenye. 10 Sababii Rabbii Allaahan keessan akkuma waadaa gale sana isinii loluuf namni keessan tokkichi nama kuma tokko ariʼa. 11 Kanaafuu Rabbii Allaah keessan cimsaa jaalladhaa.

12 "Garuu yoo isin karaa irraa jalʼattanii hambaa saboota gidduu keessan jiraatan kanneeniitti maxxantan, yoo isin isaaniin walfuutanii isaanitti makamtan, 13 akka Rabbii Allaahan keessan siʼachi saboota kanneen isin duraa ariʼee hin baafne beekkadhaa. Qooda kanaa isaan hamma isin biyya gaarii Rabbii Allaahan keessan isiniif kenne kana keessaa dhumtanitti iddaa fi kiyyoo isinitti taʼu; dugda keessanitti qaccee, ija keessanittis qoraattii taʼu.

14 "Kunoo ani karaa lafa hundaa deemuufin jira. Akka waadaa gaarii Rabbii Allaahan keessan isiniif gale hunda keessaa tokko iyyuu utuu hin guutamin hafee hin jirre isin garaa keessan guutuu fi lubbuu keessan guutuudhaan ni beektu. Waadaan hundi guutameera; tokko iyyuu hin hirʼanne. 15 Garuu akkuma waadaan gaariin Rabbii Allaah keessanii hundi guutame sana, Rabbii Allaahan akkasuma waan hamaa ittiin isin sodaachise sana hunda hamma biyya gaarii isinii kenne kana irraa isin fixutti isinitti fida. 16 Yoo isin kakuu Rabbii Allaahan keessan isin ajaje cabsitanii dhaqxanii waaqeffatamtoota biraa tajaajiltanii fi isaaniif sagaddan dheekkamsi Rabbii Allaah isinitti bobaʼa; isinis biyya gaarii inni isinii kenne sana irraa daftanii ni baddu."

Veja também

Publicidade
Bíblia Online Bíblia Online

Bíblia Online • Versão: 2026-06-15_21-32-39-