Publicidade

Josué 3

Yordaanosiin Ceʼuu

1 Yushuʼaa fi Israaʼeloonni hundinuu ganama barii Shixiim keessaa baʼanii gara Laga Yordaanos dhufan. Utuu gamatti hin ceʼin duras achi qubatan. 2 Bultii sadii booddee ajajjoonni loltootaa qubata keessa dedeemanii, 3 akkana jedhanii namoota ajajan: "Isin yommuu taabota kakuu Rabbii Allaah keessaniitii fi Lewwota luboota taʼan isaanii taaboticha baatan argitanitti iddoo keessanii kaatanii taaboticha faana buʼuu qabdu. 4 Isin sababii duraan karaa kanaan hin darbiniif, karaa deemuun isinii malu ni beektu. Garuu isinii fi taaboticha gidduutti gargari fageenya gara dhundhuma kuma lama hambisaa; ittis hin dhiʼaatinaa."

5 Yushuʼaanis uummataan, "Of qulqulleessaa; Rabbii Allaahan bor gidduu keessanitti wantoota dinqisiisaa ni hojjetaatii" jedhe.

6 Yushuʼaanis lubootaan, "Taabota kakuu fuudhaatii uummata dura darbaa" jedhe. Kanaafuu isaan taaboticha fuudhanii uummata dura darban.

7 Rabbii Allaahanis Yushuʼaadhaan akkana jedhe; "Akka isaan akka ani akkuman Muusaa wajjin ture sana si wajjin jiru beekaniif, ani harʼa fuula Israaʼeloota hundaa duratti nama guddaa si gochuu nan jalqaba. 8 Atis luboota taabota kakuu baataniin, ‘Isin yommuu qarqara bishaan Yordaanos geessanitti, dhaqaatii laga keessa dhadhaabadhaa’ jedhi."

9 Yushuʼaanis Israaʼelootaan akkana jedhe; "As kottaatii dubbii Rabbii Allaah keessanii dhagaʼaa. 10 Akki isin itti akka Allaahan jiraataan gidduu keessan jiruu fi akka inni dhugumaan Kanaʼaanota, Heetota, Hiiwota, Feerzota, Girgaashota, Amoorotaa fi Yebuusota fuula keessan duraa ariʼee baasu beektan kanaa dha. 11 Kunoo, taabonni kakuu Gooftaa lafa hundumaa isin duraan Yordaanos ni seena. 12 Kanaafuu amma gosoota Israaʼel keessaa nama kudha lama jechuunis tokkoo tokkoo gosaa keessaa nama tokko tokko filadhaa. 13 Akkuma luboonni taabota Rabbii Allaah Gooftaa lafa hundaa baatan miilla isaanii Yordaanos keessa seensisaniin, bishaan isaa kan gubbaadhaa gad yaaʼu ni cita; tuulamees ol dhaabata."

14 Kanaaf yommuu namoonni laga Yordaanos ceʼuuf qubata isaanii keessaa baʼanitti, luboonni taabota kakuu baatanii isaan dura darbanii deeman. 15 Yeroo midhaan galfamu hunda lagni Yordaanos guutee irra dhangalaʼa. Taʼus akkuma luboonni taaboticha baatan Yordaanos gaʼanii miilli isaanii qarqara bishaanii tuqeen, 16 bishaan burqaa oliitii dhufu yaaʼuu dhiise. Iddoo magaalaa Aadam jedhamu kan Zaaretaan biraa sana irraa fagaatee tuulamee dhaabate; bishaan gara Galaana Arabbaatti yookaan Galaana soogiddaatti gad yaaʼus guutumaan guutuutti cite. Kanaafuu namoonni fuullee Yerikootiin gara gamaatti ceʼan. 17 Yeroo Israaʼeloonni hundi darbaa turanitti luboonni taabota kakuu Rabbii Allaah baatan sun hamma sabni guutumaan guutuutti lafa goggogaa irra ceʼutti walakkaa Yordaanos keessa qajeelanii lafa goggogaa irra dhaabatan.

Veja também

Publicidade
Bíblia Online Bíblia Online

Bíblia Online • Versão: 2026-06-15_21-32-39-