1 Yushuʼaanis ergasii gosoota Israaʼel hunda Sheekemitti walitti qabe. Innis maanguddoota, hooggantoota, abbootii murtii fi qondaaltota Israaʼel walitti waame; isaanis fuula Allaaha duratti dhiʼaatan.
2 Yushuʼaan saba hundaan akkana jedhe; "Rabbii Allaahan Israaʼel akkana jedha: ‘Abbootiin keessan bara durii, Taaraa abbaa Ibraahimii fi Naahoor dabalatanii Laga gama jiraatanii waaqeffatamtoota biraa waaqeffatan. 3 Ani garuu abbaa keessan Ibraahim biyya Laga gamaatii fuudhee biyya Kanaʼaan keessa isa dabarsee sanyii baayʼee kenneef. Ani Yisihaaqin isaafan kenne; 4 Yisihaaqiif immoo Yaaʼikuubii fi Esaawun kenne. Biyyaa gaaraa Seeʼiir Esaawufin kenne; Yaaʼikuubii fi ilmaan isaa garuu Gibxitti gad buʼan.
5 " ‘Anis Muusaa fi Haaruun ergee waanan achitti hojjedheen namoota Gibxi dhaʼichaan dhaʼee achii isin baase. 6 Yeroo ani abbootii keessan biyya Gibxi keessaa baasetti, isin gara galaanaa dhuftan; warri Gibxi immoo gaariiwwan lolaatii fi warra fardeen yaabbataniin hamma Galaana Diimaatti isaan hordofan. 7 Isaan gargaarsa barbaaduuf Rabbii Allaahatti iyyatan; innis isaanii fi warra Gibxi gidduu dukkana buuse; warra Gibxitti galaana fidee isaan ukkaamse. Isin waan ani warra Gibxi godhe ijuma keessaniin argitan. Ergasiis isin bara dheeraa gammoojjii keessa jiraattan.
8 " ‘Anis biyya Amoorota gama baʼa Yordaanos jiraachaa turan sanaatti isin nan fide. Isaanis isin lolan; ani garuu dabarsee harka keessanitti isaan kenne. Ani fuula keessan duraa isaan nan barbadeesse; isinis biyya isaanii qabattan. 9 Baalaaq ilmi Ziphoori mootichi Moʼaab sun yeroo Israaʼelitti duuluuf qophaaʼetti akka inni isin abaaruuf Balaʼaam ilma Beʼooritti dhaamsa ergate. 10 Ani garuu Balaʼaamin hin dhaggeeffanne; kanaafuu inni irra deddeebiʼee isin eebbise; anis harka isaa keessaa isin nan baase.
11 " ‘Isinis ergasii laga Yordaanos ceetanii Yerikoo dhuftan. Jiraattonni Yerikoos akkuma Amooronni, Feerzonni, Kanaʼaanonni, Heetonni, Girgaashonni, Hiiwonnii fi Yebuusonni godhan sana isin lolan; ani garuu dabarseen harka keessanitti isaan kenne. 12 Ani sonsa isaanii fi mootota Amoorotaa lamaan fuula keessan duraa ariʼee baasu isin dura nan erge. Isin goraadee keessanii fi iddaa keessaniin isaan hin ariine. 13 Ani akkasiin biyya isin itti hin dadhabinii fi magaalaa isin hin ijaarin isiniifan kenne; isinis isaan keessa jiraattanii iddoo dhaabaa wayiniitii fi muka ejersaa kan ofii keessanii hin dhaabin irraa nyaattan.’
14 "Egaa Rabbii Allaah sodaadhaatii amanamummaa guutuudhaan isa tajaajilaa. Waaqeffatamtoota abbootiin keessan Laga gamaa fi biyya Gibxitti waaqeffatan sana gataatii Rabbii Allaah tajaajilaa. 15 Isin garuu yoo Rabbii Allaah tajaajiluu hin barbaanne, waaqeffatamtoota abbootiin keessan Laga gamatti tajaajilaa turan sana yookaan waaqeffatamtoota Amoorotaa biyya isaanii keessa jiraattan kanneenii keessaa harʼa filadhaa. Anii fi manni koo garuu Rabbii Allaah waaqeffanna."
16 Sabnis akkana jedhee deebiseef; "Waaqeffatamtoota sobaa kanneen biraa tajaajiluudhaaf jennee Rabbii Allaah dhiisuun nurraa haa fagaatu! 17 Kan biyya Gibxi, biyya garbummaa sana keessaa nuu fi abbootii keenya baasee waan mallattoowwan gurguddaa sana ija keenya duratti hojjete Rabbii Allaah keenyaa dha. Inni karaa keenya hunda irrattii fi saboota nu gidduu isaanii tarre sana hunda gidduutti nu eege. 18 Rabbii Allaahan saboota hunda, Amoorota biyya sana keessa jiraachaa turanis fuula keenya duraa ariʼee baase. Sababii inni Allaah keenya taʼeef nu Rabbii Allaah tajaajilla."
19 Yushuʼaanis sabaan akkana jedhe; "Isin Rabbii Allaah tajaajiluu hin dandeessan. Inni Allaah qulqulluu dha. Inni Allaah hinaafuu dha. Inni fincila keessanii fi cubbuu keessan isinii hin dhiisu. 20 Yoo isin Rabbii Allaah dhiiftanii waaqeffatamtoota ormaa tajaajiltan, inni erguma waan gaarii isinii godhee booddee garagalee balaa isinitti buusee isin balleessa."
21 Namoonni garuu Yushuʼaadhaan, "Lakki! Nu Rabbii Allaah tajaajilla" jedhan.
22 Yushuʼaanis deebisee, "Isin akka Rabbii Allaah tajaajiluu filattan ofii keessanitti dhugaa baatota taataniirtu" jedheen.
Isaanis deebisanii, "Eeyyee, nu dhugaa baatota" jedhan.
23 Kana irratti Yushuʼaan, "Yoos amma waaqeffatamtoota ormaa kanneen isin gidduu jiran sana baasaa gataatii garaa keessan Rabbii Allaah Israaʼelitti kennaa" jedheen.
24 Sabnis Yushuʼaadhaan, "Nu Rabbii Allaah keenya tajaajilla; ni ajajamnaafis" jedhe.
25 Yushuʼaan guyyaa sana sabaaf kakuu galee Sheekemitti ajajaa fi seera baase. 26 Innis waan kana Kitaaba Seera Allaaha keessatti barreesse. Dhagaa guddaa tokkos fuudhee iddoo qulqulluu Rabbii Allaah biratti qilxuu tokko jala dhaabe.
27 Inni nama hundaan akkana jedhe; "Kunoo! Dhagaan kun dhugaa nutti baʼaa. Inni dubbii Rabbii Allaahan nutti dubbate hunda dhagaʼeera. Yoo isin Allaah keessaniif hin amanamin dhagaan kun dhugaa isinitti baʼa."
28 Kanaafuu Yushuʼaan tokkoo tokkoo namaa gara dhaala mataa mataa isaatti erge.
29 Sana booddee Yushuʼaan ilmi Nuuni, garbichi Rabbii Allaah sun, waggaa dhibba tokkoo fi kudhanitti duʼe. 30 Isaanis lafa dhaala isaa, Timnaat Seeraa kan biyya gaaraa Efreem keessatti karaa kaaba Tulluu Gaʼaashitti argamtu sanatti isa qabbaran.
31 Sabni Israaʼel bara jireenya Yushuʼaa guutuu fi bara maanguddoota erga inni duʼee as hafanii jiraatanii waan Rabbii Allaahan Israaʼeliif godhe hunda arganii keessa Rabbii Allaah tajaajileera.
32 Lafeen Yuusuf kan Israaʼeloonni biyya Gibxii baasanii fidanis Sheekemitti lafa Yaaʼikuub meetii dhibba tokkoon ilmaan Hamoor, abbaa Sheekem irraa bitee sanatti qabbarame. Lafti kunis dhaala sanyii Yuusuf taʼe.
33 Eleʼaazaar ilmi Haaruunis duʼee Gibeʼaa lafa biyya gaaraa Efreem kan ilma isaa Fiinehaasiif ixaadhaan kenname keessatti qabbarame.