Publicidade

Josué 6

1 Yeroo sanatti Yerikoon sababii Israaʼelootaatiif jabeeffamtee cufamtee turte. Namni tokko iyyuu gad hin baʼu; namni tokko iyyuus ol hin seenu ture.

2 Rabbii Allaahanis Yushuʼaadhaan akkana jedhe; "Kunoo ani mootii isheetii fi loltoota ishee wajjin Yerikoo dabarsee harka keetti kenneera. 3 Hidhattoota hunda wajjin yeroo tokko magaalattii irra naannaʼaa; kanas bultii jaʼa hojjedhaa. 4 Luboonni torbas malakata torba kanneen gaanfa hoolaa irraa hojjetaman qabatanii taabota dura haa deeman. Isinis guyyaa torbaffaatti yeroo torba magaalattii irra nanaannaʼaa; luboonnis malakata haa afuufan. 5 Yommuu isaan sagalee malakataa dheeraa isaa dhageessisanitti namni hundinuu sagalee guddaadhaan haa iyyu; dallaan magaalaa sanaa yommusuma jiga; namoonnis ol baʼu; namni hundinuus qajeelee itti seena."

6 Kanaafuu Yushuʼaan ilmi Nuuni luboota ofitti waamee, "Taabota kakuu Rabbii Allaah fuudhaatii luboonni torba malakata baatanii isa dura haa deeman" jedheen. 7 Namootaanis, "Fuula duratti deemaatii magaalaa sana irra naannaʼaa; loltoonni hidhatanis taabota Rabbii Allaah dura haa deeman" jedhe.

8 Erga Yushuʼaan namootatti dubbatee booddee, luboonni torban fuula Rabbii Allaah duratti malakata torba baatan sun malakata isaanii afuufaa dura darban; taabonni kakuu Rabbii Allaahas isaan duukaa buʼe. 9 Loltoonni miʼa lolaa hidhatanis luboota malakata afuufaa turan dura deeman; loltoonni dugda duubaa immoo taaboticha duukaa buʼan. Yeroo kana hundas malakanni afuufamaa ture. 10 Yushuʼaan garuu namootaan, "Iyya lolaa hin iyyinaa; sagalee keessan ol hin fudhatinaa; hamma guyyaa ani iyyaa isiniin jedhuutti dubbii tokko illee hin dubbatinaa. Gaafas iyyaa!" jedhe. 11 Kanaafuu inni akka taabonni Rabbii Allaah baatamee magaalaa sana irra yeroo tokko naannaʼu godhe. Ergasiis namoonni gara qubataatti deebiʼanii achi bulan.

12 Yushuʼaan guyyaa itti aanu ganama barii kaʼe; luboonnis taabota Rabbii Allaah ol fuudhan. 13 Luboonni torban malakata torba baatanis taabota Rabbii Allaah dura deemaa malakatas afuufaa fuula duratti qajeelan. Loltoonni miʼa lolaa hidhatan isaan dura buʼan; loltoonni dugda duubaa immoo taabota Rabbii Allaah duukaa buʼan; malakannis ittuma fufee afuufamaa ture. 14 Kanaafuu guyyaa lammaffaatti yeroo tokko magaalattii irra naannaʼanii gara qubataatti deebiʼan. Kanas bultii jaʼa hojjetan.

15 Guyyaa torbaffaatti ganama barii kaʼanii haaluma duraa sanaan yeroo torba magaalattii irra naannaʼan; isaan gaafuma sana qofa yeroo torba magaalattii irra naannaʼan. 16 Marsaa torbaffaatti yommuu luboonni malakata afuufanitti Yushuʼaan akkana jedhee namoota ajaje; "Iyyaa! Rabbii Allaahan magaalattii isinii kenneeraatii! 17 Magaalattii fi wanni ishee keessa jiru hundinuu Rabbii Allaahaf addaan haa baafaman. Sababii isheen basaastota nu erganne sana dhoksiteef, Rahaab sagaagaltittiin qofti warra mana ishee keessa jiran hunda wajjin haa baraaramtu. 18 Isin garuu akka isaan keessaa tokko illee fudhattanii akkasiin badiisa ofitti hin fidneef waan laguu taʼe irraa fagaadhaa. Yoo kanaa achii isin qubata Israaʼeliitti iyyuu badiisa fiddanii rakkina irraan geessu. 19 Meetii fi warqeen hundi, miʼi naasiitii fi sibiilaa hundi sababii Rabbii Allaahaf qulqulleeffamaniif mankuusa isaatti galuu qabu."

20 Yommuu malakanni afuufametti namoonni ni iyyan; yommuu sagaleen malakata sanaa dhagaʼamee namoonnis sagalee guddaadhaan iyyanitti dallaan magaalaa sanaa ni kufe. Kanaafuu namni hundi fuul duratti girrisee seenuudhaan magaalaa sana qabate. 21 Isaanis waan magaalaa sana Rabbii Allaahaf addaan baasaniif waan isa keessa jiru hunda jechuunis dhiiraa dubartii, xinnaa guddaa, loon, hoolotaa fi harroota goraadeedhaan fixan.

22 Yushuʼaanis namoota lamaan biyya sana basaasanii turaniin, "Mana sagaagaltuu sanaa ol seenaatii akkuma isin isheef kakattanitti ishee fi warra kan ishee taʼan hunda gad baasaa fidaa" jedhe. 23 Kanaafuu dargaggoonni basaasuu dhaqanii turan sun ol seenanii Rahaab, abbaa isheetii fi haadha ishee, obboloota isheetii fi waan kan ishee taʼe hundumaa gad baasan. Maatii ishee hundas alatti baasanii qubata Israaʼeliitiin ala isaan tursan.

24 Ergasii guutummaa magaalaa sanaatii fi waan ishee keessa jiru hunda guban; garuu meetii fi warqee, miʼa naasiitii fi sibiilaa mankuusa mana Rabbii Allaahatti galchan. 25 Yushuʼaan garuu sababii isheen namoota inni akka basaasaniif gara Yerikootti ergee ture sana dhoksiteef Rahaab sagaagaltuu sana maatii isheetii fi waan kan ishee taʼe hunda wajjin ni baraare; isheenis hamma ammaatti Israaʼeloota gidduu jiraatti.

26 Yushuʼaanis yeroo sanatti akkana jedhee kakate; "Namni magaalaa Yerikoo kana deebisee ijaaru fuula Rabbii Allaah duratti abaaramaa haa taʼu:

"Inni hundee ishee buusnaan,

ilmi isaa hangafti haa duʼu;

karra ishee ijaaruu jalqabnaan,

ilmi isaa quxisuun haa duʼu."

27 Kanaafuu Rabbii Allaahan Yushuʼaa wajjin ture; maqaan isaas guutummaa biyyatii keessatti beekame.

Veja também

Publicidade
Bíblia Online Bíblia Online

Bíblia Online • Versão: 2026-06-16_06-50-08-