1 Erga Muusaan garbichi Rabbii Allaah sun duʼee booddee Rabbii Allaahan akkana jedhee Yushuʼaa ilma Nuuni gargaaraa Muusaa sanatti dubbate: 2 "Garbichi koo Muusaan duʼeera. Egaa amma atii fi sabni kun hundinuu gara biyya ani isaaniif, Israaʼelootaaf kennuuf jiruutti galuuf Laga Yordaanos ceʼuuf qophaaʼaa. 3 Anis akkuma Muusaaf waadaa gale sanatti iddoo miilli keessan gaʼe hunda isiniifan kenna. 4 Daangaan keessanis gammoojjiidhaa jalqabdee hamma Libaanoonitti, lagicha guddaa Efraaxiisii jalqabdee biyya Heetotaa hunda keessa baatee karaa dhiʼaatiin hamma Galaana Guddaatti balʼatti. 5 Bara jireenya keetii guutuu namni si dura dhaabachuu dandaʼu tokko iyyuu hin jiru. Ani akkuman Muusaa wajjin ture sana si wajjinis nan taʼa; ani gonkumaa si hin gatu yookaan si hin dhiisu. 6 Ati sababii akka isaan biyya ani abbootii isaaniitiif kennuuf kakadhe sana dhaalaniif saba kana hoogganuuf cimi; ija jabaadhus.
7 "Cimi; ija jabaadhus. Seera garbichi koo Muusaan siif kenne hundumaaf of eeggannaadhaan ajajami; akka gara deemtu hundumatti siif milkaaʼuufis mirgatti yookaan bitaatti hin gorin. 8 Kitaabni Seeraa kun afaan keetii hin buʼin. Waan isa keessatti barreeffame hunda gochuuf akka of eeggattuufis halkanii guyyaa itti yaadi. Akkasiinis ati ni badhaata; ni milkooftas. 9 Ani akkana jedhee si hin ajajnee? Cimi; ija jabaadhus. Waan Rabbii Allaahan kee iddoo ati deemtu hundumatti si wajjin taʼuuf, hin sodaatin; abdiis hin kutatin."
10 Kanaafuu Yushuʼaan akkana jedhee qondaaltota sabaa ajaje: 11 "Qubata keessa dedeemaatii namootaan, ‘Galaa keessan qopheeffadhaa. Isin biyya Rabbii Allaahan keessan isinii kennuuf jiru sana dhaala ofii keessanii gootanii fudhachuuf bultii sadii keessatti Yordaanos ni ceetu.’ "
12 Yushuʼaan garuu gosa Ruubeeniin, gosa Gaadiitii fi walakkaa gosa Minaaseetiin akkana jedhe: 13 "Ajaja garbichi Rabbii Allaahan Muusaan isinii kenne sana yaadadhaa; ‘Rabbii Allaahan keessan boqonnaa isinii kenna; biyya kanas isinii kenneera.’ 14 Niitonni keessan, ijoolleen keessanii fi horiin keessan biyya Muusaan gama baʼa Yordaanos isinii kenne keessa haa turan; garuu namoonni keessan warri lolaaf qophaaʼan hundi obboloota keessan dura gamatti haa ceʼan. Isin obboloota keessan gargaaruu qabdu; 15 hamma Rabbii Allaahan akkuma isinii godhe sana isaaniifis boqonnaa kennee isaanis biyya Rabbii Allaahan keessan isaanii kennu dhaalanitti isaan gargaaruu qabdu. Ergasii deebitanii biyya keessan kan Muusaan garbichi Rabbii Allaah sun gama baʼa Yordaanositti karaa baʼa biiftuu isinii kenne sana ni dhaaltu."
16 Isaanis akkana jedhanii Yushuʼaaf deebii kennan; "Nu waan ati nu ajajje kam iyyuu ni hojjenna; gara ati nu ergitu kam iyyuus ni deemna. 17 Nu akkuma Muusaadhaaf guutumaan guutuutti ajajamne sana siifis akkasuma ni ajajamna. Rabbii Allaahan kee garuu akkuma Muusaa wajjin ture sana si wajjinis haa taʼu. 18 Namni ajaja keetti finciluu fi dubbii ati karaa kamiin iyyuu isa ajajjeef hin ajajamne hundi haa ajjeefamu. Ati qofti cimi; ija jabaadhus!"