1 Muusaanis dirree Moʼaabii kaʼee fuullee fiixee Phisgaa kan Yerikootti argamutti, gaara Nebootti ol baʼe. Achittis Rabbii Allaahan guutummaa biyyattii isatti argisiise; kunis Giliʼaadii hamma Daanitti, 2 guutummaa Niftaalem, biyya Efreemiitii fi Minaasee, guutummaa biyya Yihuudaa kan hamma galaana lixaatti balʼatee jiru, 3 Negeebii fi Magaalaa Meexxii kan sulula Yerikootii jalqabee hamma Zoʼaariitti argamuu dha. 4 Ergasii Rabbii Allaahan, "Kun biyya ani yeroo, ‘Sanyii keetiif nan kenna’ jedhetti kakuudhaan Ibraahimiif, Yisihaaqii fi Yaaʼikuubiif waadaa galee dha. Ani akka ati ija keetiin argitu godheera; ati garuu achi hin ceetu" jedheen.
5 Muusaan garbichi Rabbii Allaahas akkuma Rabbii Allaahan isaan jedhetti achuma Moʼaab keessatti duʼe. 6 Innis biyya Moʼaabitti sulula fuullee Beet Pheʼooritti argamu keessatti isa qabbare; garuu hamma harʼaatti qabriin isaa eessa akka jiru namni tokko iyyuu hin beeku. 7 Muusaan yeroo duʼetti nama waggaa dhibba tokkoo fi digdama ture; taʼus iji isaa hin dadhabne; humni isaas hin laafne. 8 Israaʼeloonni hamma yeroon gaddaa raawwatutti dirree Moʼaab irratti bultii soddoma Muusaadhaaf booʼan.
9 Waan Muusaan harka isaa isa irra kaaʼee tureef Yushuʼaan ilmi Nuuni hafuura ogummaatiin guutame. Kanaafuu Israaʼeloonni isa dhagaʼanii waan Rabbii Allaahan Muusaa ajaje godhan.
10 Ergasii nabiiʼiyyiin akka Muusaa kan ifaan ifatti Rabbii Allaah beeku tokko iyyuu Israaʼel keessatti hin kaane; 11 kan Rabbii Allaahan akka inni Faraʼoon irratti, qondaaltota isaatii fi guutuu biyya isaa irratti mallattoowwanii fi dinqiiwwan sana hojjetuuf Gibxitti ergee waan sana hojjete tokko iyyuu hin jiru. 12 Namni tokko iyyuu takkumaa humna guddaa yookaan hojii akka malee sodaachisaa Muusaan fuula Israaʼeloota hundaa duratti argisiise sana hin argisiifneetii.