1 Dubbiin kakuu kan Rabbii Allaahan kakuu Kooreebitti isaan wajjin gale sana irratti dabalee akka inni Moʼaab keessatti Israaʼeloota wajjin galuuf Muusaa ajaje kanaa dha.
2 Muusaan Israaʼeloota hunda walitti waamee akkana jedheen:
Waan Rabbii Allaahan Gibxi keessatti Faraʼoon irratti, qondaaltota isaa hundaa fi guutummaa biyya isaa irratti hojjete hunda iji keessan argeera. 3 Isin qorumsawwan gurguddaa sana, mallattoowwanii fi dinqiiwwan gurguddaa sana ijuma keessaniin argitaniirtu. 4 Rabbii Allaahan garuu hamma harʼaatti qalbii hubatu yookaan ija argitu yookaan gurra dhagaʼu isinii hin kennine. 5 Yeroo waggoota afurtamman ani gammoojjii keessa isin geggeesse sanatti uffanni keessan isin irratti hin dhumne yookaan kopheen miilla keessan irratti hin ciccinne. 6 Isin buddeena hin nyaanne; daadhii wayinii yookaan dhugaatii nama macheessu hin dhugne. Ani akka isin akka ani Rabbii Allaah keessan taʼe beektaniifan waan kana godhe.
7 Yommuu isin as geessanitti Sihoon mootiin Heshboonii fi Oogi mootiin Baashaan nu loluuf nutti baʼan; nu garuu isaan moʼanne. 8 Biyya isaaniis fudhannee gosa Ruubeeniif, gosa Gaadii fi walakkaa gosa Minaaseetiif dhaala goonee kennine.
9 Isin akka waan hojjettan hundaan milkooftaniif dubbiiwwan kakuu kanaa of eeggannaadhaan duukaa buʼaa. 10 Hundi keessan jechuunis qajeelchitoonnii fi hooggantoonni keessan, maanguddoonnii fi qondaaltonni keessan akkasumas namoonni Israaʼel kanneen biraa hundinuu harʼa fuula Rabbii Allaah keessanii dura dhaabattaniirtu; 11 ijoolleen keessanii fi niitonni keessan akkasumas alagoonni muka kee ciraa, bishaan kees waraabaa qubata kee keessa jiraatan si wajjin dhaabataniiru. 12 Atis kakuu Rabbii Allaahan harʼa si wajjin galee kakaadhaan siif mirkaneessu kana Rabbii Allaah kee wajjin galuuf as dhaabatteerta; 13 innis akkuma si abdachiisee abbootii kee Ibraahimiif, Yisihaaqii fi Yaaʼikuubiif waadaa gale sanatti akka ati saba isaa taatee innis Allaah kee taʼuuf jabeessee si dhaabuuf waan kana godhe. 14 Anis kakuu kakaadhaan mirkanaaʼe kana isin qofa wajjin utuu hin taʼin, 15 warra nu wajjin as fuula Rabbii Allaah keenyaa dura dhaabatan warra harʼa as hin jirre wajjinis nan gala.
16 Akka nu itti Gibxi keessa jiraannee fi yommuu as dhufnus akka nu itti biyyoota keessa dabarre isin mataan keessanuu ni beektu. 17 Isinis gidduu isaaniitti fakkiiwwan isaanii jibbisiisoo, waaqeffatamtoota isaanii tolfamoo kanneen muka, dhagaa, meetii fi warqee irraa hojjetaman argitaniirtu. 18 Akka dhiirri yookaan dubartiin balballi yookaan gosti garaan isaa Rabbii Allaah keenya irraa garagalee waaqeffatamtoota saboota sanaa faana buʼe isin gidduu hin jiraanne mirkaneeffadhaa; akka hiddi summii hadhaaʼaa akkasii baasu tokko iyyuu isin gidduu hin jiraanne qulqulleeffadhaa.
19 Namni akkasii yommuu dubbii kakuu kanaa dhagaʼutti, garaa isaatti of eebbisee, "Ani yoon akka fedhii kootti deeme illee nagaa qaba" jedhee yaada. Kun immoo lafa jiidhaa irrattis taʼu lafa goggogaa irratti badiisa fida. 20 Rabbii Allaahan nama sanaaf gonkumaa dhiifama hin godhu; dheekkamsi isaatii fi hinaaffaan isaa namicha sana irratti bobaʼa. Abaarsi kitaaba kana keessatti barreeffame hundi isa qaqqaba; Rabbii Allaahanis shamaayʼun jalaa maqaa isaa ni dhabamsiisa. 21 Akkuma kakuu abaarsa Kitaaba Seeraa kana keessatti barreeffame hundaatti, Rabbii Allaahan gosoota Israaʼel hunda keessaa badiisaaf kophaatti isa baasa.
22 Dhaloonni itti aanu jechuunis ijoolleen keessan warri isiniin duuba dhufan akkasumas keessummoonni biyyoota fagootii dhufan dhaʼicha guddaa biyyattii irra gaʼee fi dhukkuba Rabbii Allaahan ittiin ishee dhaʼe ni argu. 23 Guutummaan biyyattii gammoojjii gubduu kan soogiddaa fi dinyiin guutamte kan wanni tokko iyyuu irra hin dhaabamne, kan wanni tokko iyyuu irratti hin biqille, kan biqiltuun tokko iyyuu irratti hin guddanne taati. Badiisni ishee irra gaʼus akka badiisa Sodoomiitii fi Gomoraa, Adimaatii fi Zebooʼiim kanneen Rabbii Allaahan dheekkamsa guddaadhaan isaan barbadeesse sanaa ni taʼa. 24 Sabni hundinuu, "Rabbii Allaahan maaliif waan akkasii biyya kanatti fide? Dheekkamsi sodaachisaan bobaʼu kunis maaliif dhufe?" jedhanii gaafatu.
25 Deebiin isaas kana taʼa; "Kun sababii sabni kun kakuu Rabbii Allaahan abbootii isaanii yeroo Gibxii isaan baasetti isaan wajjin gale sana dhiisaniif. 26 Isaanis dhaqanii waaqeffatamtoota biraa, kanneen hin beekiniif waaqeffatamtoota inni isaaniif hin kennin waaqeffatan; gad jedhaniis sagadaniif. 27 Kanaafuu dheekkamsi Rabbii Allaah biyya kanatti bobaʼee akka inni abaarsa kitaaba kana keessatti barreeffame hunda itti fidu godhe. 28 Rabbii Allaahanis aarii sodaachisaa fi dheekkamsa guddaadhaan biyya isaaniitii isaan buqqise; akkuma amma jiru kanattis biyya biraatti isaan darbate."
29 Wanti dhoksaan kan Rabbii Allaah keenyaa ti; kan mulʼifame garuu akka nu dubbii seera kanaa hunda eegnuuf bara baraan kan keenyaa fi kan ijoollee keenyaa ti.