1 Eebbi Muusaan namni Allaaha sun utuu hin duʼin dura ittiin Israaʼeloota eebbise kana; 2 innis akkana jedhe:
"Rabbii Allaahan tulluu Siinaa irraa dhufe;
isaan irrattis Seeʼiir irraa akka aduu ganamaatti baʼe;
Tulluu Phaaraan irraa isaan eebbise.
Inni qulqulloota isaa kumaatama wajjin dhufe;
karaa harka isaa mirgaatiin ibidda bobaʼutu baʼe.
3 Dhugumaan situ saba jaallata;
qulqulloonni hundinuu harka kee keessa jiru.
Hundi isaanii miilla kee jalatti kufu;
qajeelfamas sirraa argatu;
4 Muusaan seera nuu kenneera;
kunis dhaala waldaa Yaaʼikuub.
5 Yeroo hooggantoonni sabaa
gosoota Israaʼel wajjin walitti qabamanitti
inni Yishuruun irratti mootii ture.
6 "Ruubeen haa jiraatu malee hin duʼin;
yookaan baayʼinni namoota isaa hin xinnaatin."
7 Waaʼee Yihuudaas akkana jedhe:
"Rabbii Allaah, iyya Yihuudaa dhagaʼi;
gara saba isaattis isa fidi.
Inni harka ofii isaatiin of haa eegu.
Yommuu inni diinota isaatiin wal lolutti gargaaraa isaa taʼi!"
8 Inni waaʼee Lewwiis akkana jedhe:
"Tumiimii fi Uriimiin kee
tajaajilaa kee amanamaadhaaf haa taʼu.
Ati lafa Maasaah jedhamutti isa qorte;
bishaan Mariibaa irratti isa lolte.
9 Waaʼee abbaa fi haadha isaas,
‘Ani isa hin argine’ jedhe.
Inni obboloota isaa addaan hin baafanne;
ijoollee isaas hin beekne;
isaan dubbii keetiif ajajamanii
kakuu kee eeganiiruutii.
10 Inni ajaja kee Yaaʼikuubin,
seera kee immoo Israaʼelin ni barsiisa.
Fuula kee duratti ixaana,
iddoo aarsaa keetii irratti illee aarsaa gubamu guutuu ni dhiʼeessa.
11 Rabbii Allaah, ogummaa isaa hunda eebbisiif;
waan harki isaa hojjetuttis gammadi.
Moʼoo warra isatti kaʼanii cabsi;
akka isaan lammata hin kaane godhiitii diinota isaa dhaʼi."
12 Waaʼee Biniyaam akkana jedhe:
"Namni Rabbii Allaahan isa jaallatu eegumsa isaatiin nagaan haa jiraatu;
inni guyyaa guutuu isa eegaatii;
namni Rabbii Allaahan isa jaallatu gatiittii isaa gidduu boqota."
13 Waaʼee Yuusuf akkana jedhe:
"Rabbii Allaahan biyya isaa haa eebbisu;
fixeensa filatamaa shamaayʼuniidhaa buusuudhaan
bishaan boolla gad fagoo keessaatiin,
14 midhaan filatamaa aduun biqilchituun,
waan akka malee gaarii kan jiʼi kennuun,
15 kennaawwan filatamoo tulluuwwan duriitiin,
badhaadhummaa gaarran bara baraatiin,
16 kennaa filatamaa lafaatii fi guutummaa isaatiin,
surraa isa daggala bobaʼu keessa ture sanaatiin haa eebbisu.
Isaan kunneen hundi mataa Yuusuf
kan obboloota isaa gidduutti bulchaa taʼe sanaa irra haa buʼan.
17 Inni ulfinaan korma hangafa fakkaata;
gaanfawwan isaa akka gaanfawwan gafarsaa ti.
Isaaniinis hamma daarii lafaatti
saboota ni waraana.
Isaanis kuma kurnan Efreem,
akkasumas kumaatama Minaasee ti."
18 Waaʼee Zebuuloonis akkana jedhe:
"Zebuuloon ati gad baʼuu keetiin,
Yisaakor atis dunkaanota kee keessatti gammadi.
19 Isaan saboota gara tulluutti ni waamu;
achittis aarsaa qajeelummaa ni dhiʼeessu;
isaan sooroma irra dhangalaʼaa galaana keessaatiin,
qabeenya cirracha keessa dhokfameenis ni gammadu."
20 Waaʼee Gaad immoo akkana jedhe:
"Namni bulchiinsa Gaad balʼisu eebbifamaa dha!
Gaad irree fi mataa caccabsaa
akka leencaatti achi jiraata.
21 Inni ofii isaatiif lafa gabbataa filate;
qoodni hooggantootaa isaaf turfame.
Yommuu hooggantoonni sabaa walitti qabamanitti,
inni fedhii qajeelumma Rabbii Allaahatii fi
murtii Israaʼelitti mure sana fiixaan baase."
22 Waaʼee Daanis inni akkana jedhe:
"Daan akka ilmoolee leencaa
kan Baashaan keessaa utaalee baʼuu ti."
23 Waaʼee Niftaalemis akkana jedhe:
"Niftaalem surraa gonfateera;
eebba Rabbii Allaahatiinis guutameera;
inni biyya karaa lixaatii fi kibbaatiin jiru ni dhaala."
24 Waaʼee Aasheer immoo akkana jedhe:
"Aasheer ilmaan hunda caalaa eebbifamaa dha;
inni obboloota isaa duratti fudhatama haa argatu;
miilla isaas zayitii keessa haa cuuphatu.
25 Danqaraan balbala keetii sibiilaa fi naasii taʼa;
jabinni kees akkuma baroota jireenya keetii ni taʼa.
26 "Allaahan akka Allaah Yishuruun,
kan si gargaaruuf jedhee shamaayʼuniiwwan irra,
surraa isaatiinis duumessoota irra gulufu tokko illee hin jiru.
27 Allaahan bara baraa iddoo jireenyaa keetii ti;
irreen bara baraas si jalaan jira.
Inni, ‘Isaan balleessi!’ jedhee
diinota kee fuula kee duraa ni ariʼa.
28 Kanaafuu Israaʼel kophaa isaa nagaadhaan jiraata;
lafa fixeensi shamaayʼunii itti coccophutti,
biyya midhaanii fi wayinii haaraatti
namni burqaa Yaaʼikuub tuqu hin jiru.
29 Yaa Israaʼel, ati eebbifamaa dha!
Sabni Rabbii Allaahan isa fayyise,
kan akka keetii eenyu?
Inni gaachana keetii fi gargaaraa kee ti;
goraadee ulfina keetiitis.
Diinonni kee sodaadhaan fuula kee duraa duubatti deebiʼu;
ati immoo iddoowwan waaqeffannaa isaanii irra ejjetta."