Publicidade

Deuteronômio 6

Rabbii Allaah Kee Jaalladhu

1 Ajajawwan, qajeelfamawwanii fi seerri isin yeroo biyya Yordaanos ceetanii dhaaltanitti eegdan kanneen akka ani isin barsiisuuf Rabbii Allaahan keessan na ajaje kanneenii dha; 2 kunis akka bara jireenya keessanii guutuu isin, ijoolleen keessanii fi ijoolleen ijoollee keessanii qajeelfamawwanii fi ajajawwan ani isiniif kennu hunda eeguudhaan Rabbii Allaah keessan sodaattanii umuriin keessan dheeratuuf. 3 Yaa Israaʼel dhagaʼi; akka biyya aannanii fi dammi keessaa burqu sana keessatti akkuma Rabbii Allaahan abbootii keetii si abdachiise sanatti sitti tolee guddaa baayʼattuuf ajajami.

4 Yaa Israaʼel dhagaʼi; Rabbii Allaahan Allaah keenya inni Rabbii Allaah tokkicha. 5 Garaa kee guutuudhaan, yaada kee guutuudhaan, humna kee guutuudhaan Rabbii Allaah kee jaalladhu. 6 Ajajawwan ani harʼa siif kennu kunneen garaa kee keessa haa jiraatan. 7 Ijoollee kees cimsii barsiisi. Yeroo mana teessu, yeroo karaa deemtu, yeroo ciiftuu fi yeroo dammaqxutti waaʼee isaanii odeessi. 8 Akka mallattootti harkatti hidhadhu; adda kee irrattis maxxanfadhu. 9 Michichilawwan balbala mana keetiitii fi karrawwan kee irrattis isaan barreessi.

10 Yeroo Rabbii Allaahan kee biyya magaalaawwan gurguddaa fi babbareedoo kanneen ati hin ijaarin siif kennuuf gara biyya abbootii kee jechuunis Ibraahimiif, Yisihaaqii fi Yaaʼikuubiif kakate sanatti si galchutti, 11 yeroo manneen miʼa gosa hundaa kan ati hin guutatiniin guutame, boolla bishaanii kan ati hin qotin, mukkeen wayiniitii fi ejersaa kanneen ati hin dhaabin siif kennamanii atis nyaattee quuftutti, 12 ati akka Rabbii Allaahan biyya Gibxi, biyya garbummaatii si baase sana hin daganne of eeggadhu.

13 Rabbii Allaah, Allaah kee sodaadhu; isuma qofa tajaajili; maqaa isaatiinis kakadhu. 14 Waaqeffatamtoota biraa jechuunis waaqeffatamtoota saboota naannoo keetii duukaa hin buʼin; 15 sababii Rabbii Allaahan kee inni gidduu kee jiraatu sun Allaah hinaafu taʼeef, aariin isaa sirratti bobaʼee lafa irraa si balleessa. 16 Akka Maasaah keessatti gootan sana Rabbii Allaah keessan hin qorinaa. 17 Ajajawwan Rabbii Allaah keessanii, qajeelfamawwanii fi seerawwan inni isiniif kenne akka gaariitti eegaa. 18 Akka sitti toluu fi akka biyya gaarii Rabbii Allaahan abbootii keetiif kennuuf kakate sana seentee dhaaltuuf waan fuula Rabbii Allaah duratti qajeelaa fi gaarii taʼe hojjedhu. 19 Ati akkuma Rabbii Allaahan jedhe sanatti diinota kee hunda fuula kee duraa ni baafta.

20 Gara fuul-duraatti yoo ilmi kee, "Hiikkaan qajeelchawwanii, ajajawwaniitii fi seerawwan Rabbii Allaahan keenya isin ajaje kanaa maali?" jedhee si gaafate, 21 akkana jedhii itti himi; "Nu Gibxitti garboota Faraʼoon turre; Rabbii Allaahan garuu harka jabaadhaan Gibxii baasee nu fide. 22 Rabbii Allaahan fuuluma keenya duratti biyya Gibxitti, Faraʼoonii fi namoota mana isaa keessa jiraatan hunda irratti mallattoo fi dinqiiwwan sodaachisaa fi gurguddaa hojjete. 23 Inni garuu biyya abbootii keenyaaf kakuudhaan waadaa gale sanatti nu galchee nu dhaalchisuuf jedhee achii baasee nu fide. 24 Rabbii Allaahan akka nu akkuma amma jirru kanatti yeroo hunda nutti tolee jiraannuuf akka nu ajajawwan kanneen hunda eegnuu fi akka Rabbii Allaah keenya sodaannu nu ajaje. 25 Nu yoo akkuma inni nu ajajetti seera kana hunda fuula Rabbii Allaah keenyaa duratti of eeggannaadhaan eegne, sun qajeelummaa keenya taʼa."

Veja também

Publicidade
Bíblia Online Bíblia Online

Bíblia Online • Versão: 2026-06-15_21-32-39-