1 Sirnawwanii fi seerawwan isin bara lafa irra jiraattan guutuu biyya Rabbii Allaahan abbootii keessanii akka isin dhaaltaniif isiniif kenne keessatti of eeggannaadhaan eegdan kanneenii dha. 2 Iddoowwan saboonni isin irraa fudhattan waaqeffatamtoota isaanii itti waaqeffatan kanneen tulluuwwan ol dhedheeroo fi gaarran irraa, akkasumas kanneen muka lalisaa kam iyyuu jalaa hunda guutumaan guutuutti balleessaa; 3 iddoowwan aarsaa isaanii diigaa; utubaawwan isaanii kanneen sagadaa caccabsaa; Aasheeraa isaanii ibiddaan gubaa; fakkii waaqeffatamtoota isaanii kukkutaa gataa; maqaa isaanii illee iddoo sanaa balleessaa.
4 Isin haala isaan waaqeffataniin Rabbii Allaah keessan hin waaqeffatinaa. 5 Garuu iddoo Rabbii Allaahan keessan Maqaa isaa achi dhaabuuf jedhee iddoo jireenya isaatiif gosoota keessan hunda keessaa filatu barbaadaa. Achis dhaqaa; 6 achittis aarsaa gubamuu fi qalma keessan, kennaa keessan kudhan keessaa tokko, kennaa addaa, waan kennuuf wareegdanii fi kennaa fedhiidhaan kennitan, loonii fi bushaayee keessan keessaa hangafa dhiʼeessaa. 7 Achittis atii fi warri mana kee jiraatan fuula Rabbii Allaah keessanii duratti ni nyaattu; sababii Rabbii Allaahan keessan hojii harka keessanii hundaan isin eebbiseefis ni gammaddu.
8 Akka nu harʼa godhaa jirru kana, akka tokkoon tokkoon namaa waanuma tolaa itti fakkaate godhu kana hin godhinaa; 9 isin amma iyyuu boqonnaa fi dhaala Rabbii Allaahan keessan isiniif kennu hin geenyeetii. 10 Garuu Yordaanos ceetanii biyya Rabbii Allaahan keessan dhaala godhee isiniif kennu keessa ni qubattu; innis akka isin nagaan jiraattaniif diinota naannoo keessanii hunda jalaa boqonnaa isinii kenna. 11 Ergasiis gara Rabbii Allaahan keessan iddoo jireenya Maqaa isaatiif filatuutti waan ani isin ajaje hunda fiduu qabdu; kunis aarsaa gubamuu fi qalma keessan, kennaa keessan kudhan keessaa tokko, kennaa addaa, akkasumas wareega filatamaa Rabbii Allaahaf kennuuf wareegdan hundaa dha. 12 Achittis isin, ilmaanii fi intallan keessan, hojjetaa fi xomboreen keessan, akkasumas Lewwonni magaalaawwan keessan keessa jiraatan kanneen qooda yookaan dhaala mataa isaanii hin qabnes fuula Rabbii Allaah keessanii duratti gammadaa. 13 Akka aarsaa keessan kan gubamu idduma argitan hundatti hin dhiʼeessine of eeggadhaa. 14 Iddoo Rabbii Allaahan gosoota kee keessaa filatu tokko qofatti aarsaawwan gubaman dhiʼeessi; achittis waan ani si ajaju hunda eegi.
15 Taʼus akkuma eebba Rabbii Allaahan kee siif kennuutti, magaalaawwan kee kam iyyuu keessatti kuruphee yookaan gadamsa qaladhuutii hamma feete nyaadhu; warri akka seeraatti hin qulqullaaʼinii fi warri qulqullaaʼanis foon kana nyaachuu ni dandaʼu. 16 Isin garuu dhiiga sana hin nyaatinaa; akkuma bishaaniitti lafatti dhangalaasaa. 17 Ati midhaan kee yookaan daadhii wayinii keetii yookaan zayitii kee harka kudhan keessaa harka tokko yookaan kennaa hangafa loon keetii yookaan kan bushaayee keetii yookaan waan kennuuf wareega gootu kam iyyuu yookaan kennaa fedhii keetiin kennitu yookaan kennaa addaa magaalaawwan kee keessatti hin nyaatin. 18 Qooda kanaa iddoo Rabbii Allaahan kee filatuutti ati, ilmaan kee, intallan kee, hojjettoonni kee dhiiraa dubartiin, Lewwonni magaalaawwan kee keessa jiraatan fuula Rabbii Allaah keetii duratti nyaadhaa; atis waan harki kee hojjetu hundaan fuula Rabbii Allaah keetii duratti gammadi. 19 Bara biyya kee keessa jiraattu guutuu akka Lewwota hin daganne of eeggadhu.
20 Yommuu Rabbii Allaahan kee akkuma si abdachiisetti biyya kee siif balʼisutti, ati yoo foon dharraatee, "Ani foon nyaachuu fedha" jette, hamma feete nyaachuu dandeessa. 21 Yoo iddoon Rabbii Allaahan kee Maqaa isaa achi dhaabbachuuf filatu akka malee sirraa fagoo taʼe, akkuma ani si ajajetti loonii fi bushaayee Rabbii Allaahan kee siif kenne keessaa qalachuu, magaalaawwan kee keessattis hamma feete nyaachuu dandeessa. 22 Akkuma kurupheen yookaan gadamsi nyaatamu sana isaan nyaadhu; warri akka seeraatti hin qulqullaaʼinii fi warri qulqullaaʼan hundi nyaachuu ni dandaʼu. 23 Garuu akka dhiiga hin nyaanne of eeggadhu; sababiin isaa dhiigni waan lubbuu taʼeef ati foon wajjin lubbuu hin nyaatin. 24 Ati dhiiga hin nyaatin; akkuma bishaanii lafatti dhangalaasi. 25 Akka siʼii fi ijoollee kee kanneen si duubaan dhalataniif toluuf ati dhiiga hin nyaatin; ati fuula Rabbii Allaah duratti waan qajeelaa hojjechaa jirtaatii.
26 Garuu wantoota kee qulqulluu fi waan kennuuf wareegde fudhadhuu iddoo Rabbii Allaahan filatu dhaqi. 27 Foonii fi dhiiga aarsaa kee kan gubamuu iddoo aarsaa Rabbii Allaah keetii irratti dhiʼeessi. Dhiigni aarsaa keetii iddoo aarsaa Rabbii Allaah keetii biratti dhangalaafamuu qaba; foon isaa garuu nyaachuu dandeessa. 28 Akka siʼii fi ijoollee kee kanneen si duuba dhalataniif yeroo hunda toluuf qajeelchawwan ani siif kennu kanneen hunda of eeggannaadhaan eegi; sababiin isaa ati ija Rabbii Allaah keetii duratti waan gaarii fi qajeelaa hojjechaa jirtaatii.
29 Rabbii Allaahan kee saboota ati weerartee biyyaa baasuuf jirtu fuula kee duraa ni balleessa. Ati garuu yommuu ariitee isaan baaftee lafa isaanii irra qubattutti, 30 erga isaan fuula kee duraa balleeffamanii booddees, "Saboonni kunneen akkamitti waaqeffatamtoota isaanii tajaajilu? Anis akkasuman godha" jettee waaʼee waaqeffatamtoota isaanii gaafachuudhaan kiyyoo keessa akka hin galle of eeggadhu. 31 Isaan sababii waaqeffatamtoota isaanii waaqeffachuudhaan hojii jibbisiisaa Rabbii Allaahan jibbu hedduu hojjetaniif, ati haala isaaniitiin Rabbii Allaah kee hin waaqeffatin. Isaan ilmaan isaaniitii fi intallan isaanii illee waaqeffatamtoota isaaniitiif aarsaa godhanii ibiddaan gubu.
32 Ati waan ani si ajaju hunda eegi; itti hin dabalin; irraas hin hirʼisin.