Publicidade

Deuteronômio 1

Ajaja Akka Israaʼeloonni Koreebii Baʼaniif kenname

1 Dubbiin kun dubbii Muusaan yeroo isaan gammoojjii gama baʼa Yordaanositti, Arabbaa fuullee Suufitti argamu sana keessa, Phaaraanii fi Toofel, Laabaan, Haxerootii fi Diizaahaab gidduu turanitti Israaʼeloota hundatti dubbatee dha. 2 Kooreebii karaa Tulluu Seeʼiiriin Qaadesh Barnee gaʼuuf guyyoota kudha tokko fudhata.

3 Muusaanis waggaa afurtamaffaa keessa guyyaa tokkoffaa jiʼa kudha tokkoffaatti waan Rabbii Allaahan waaʼee isaanii isa ajaje hunda Israaʼelootatti hime. 4 Kunis erga inni Sihoon mootii Amoorotaa kan Heshboon bulchaa ture moʼatee Oogi mootii Baashaan kan Ashtaaroti bulchaa ture illee Edreyiitti moʼatee booddee dha.

5 Baʼa Yordaanositti biyya Moʼaab keessatti Muusaan akkana jedhee seera kana ibsuu jalqabe:

6 Rabbii Allaahan keenya Kooreebitti akkana nuun jedhe; "Isin tulluu kana bira yeroo dheeraa turtaniirtu. 7 Qubata buqqisaa kaʼaatii gara biyya gaaraa Amoorotaatti deemsa keessan itti fufaa; ergasiis saboota naannoo Arabbaatti argaman hunda keessa, biyya tulluuwwanii keessa, biyyoota gama dhiʼaatiin cina tulluuwwaniitti argaman keessa, Negeebii fi qarqara galaanaa, biyya Kanaʼaanotaatii fi Libaanoon keessa hamma laga Efraaxiis guddichaatti argaman keessa deemaa. 8 Kunoo, ani biyya kana isiniif kenneera. Biyya Rabbii Allaahan abbootii keessaniif jechuunis Ibraahimiif, Yisihaaqiif, Yaaʼikuubii fi sanyii isaanii warra isaaniin duubaatiif kennuuf kakate sanatti galaatii dhaalaa."

Muudamuu Hooggantootaa

9 Ani yeroo sanatti akkanan isiniin jedhe; "Ani kophaa koo isin baachuu hin dandaʼu. 10 Rabbii Allaahan keessan isin baayʼiseera; kunoo, isin harʼa akkuma urjiiwwan shamaayʼun baayʼattaniirtu. 11 Rabbii Allaahan abbootii keessanii yeroo kuma isin haa baayʼisu; akkuma abdii kenne sanattis isin haa eebbisu! 12 Ani garuu akkamitti kophaa koo rakkina keessan, baʼaa keessanii fi wal mormii keessan baachuu dandaʼaa? 13 Tokkoo tokkoo gosoota keessanii keessaa namoota ogeeyyii, hubattootaa fi kabajamoo filadhaa; anis isin irratti bulchitoota isaan nan taasisa."

14 Isinis, "Wanni ati dhiʼeessite gaarii dha" jettanii naaf deebiftan.

15 Ani hangafoota gosoota keessanii jechuunis namoota ogeeyyii fi kabajamoo fudhadhee akka isaan ajajjuuwwan kumaa, ajajjuuwwan dhibbaa, ajajjuuwwan shantamaatii fi ajajjuuwwan kudhanii taʼanii isin irratti aangoo qabaatan nan muude. 16 Anis yeroo sanatti akkana jedhee abbootii murtii keessan nan ajaje; "Mormii obboloota keessan gidduutti kaʼu dhagaʼaa; yoo wal mormiin kaʼu sun Israaʼeloota obboloota gidduutti yookaan nama Israaʼel tokkoo fi alagaa tokko gidduutti taʼe murtii qajeelaa kennaa. 17 Murtii kennuu keessatti nama wal hin caalchisinaa; guddaas xinnaas wal qixxee dhagaʼaa. Sababii murtiin kan Allaaha taʼeef eenyuun iyyuu hin sodaatinaa. Waan humna keessanii ol taʼe natti fidaa; anis nan ilaalaa." 18 Ani yeroo sanatti waan isin gochuu qabdan hunda isin ajajeera.

Basaastonni Ergamuu isaanii

19 Nus ergasii akkuma Rabbii Allaahan keenya nu ajajetti Kooreebii kaanee gammoojjii guddaa fi sodaachisaa isin argitan sana keessa dabarree gara biyya gaaraa Amoorotaa dhaqne; akkasiinis Qaadesh Barnee geenye. 20 Anis akkana isiniin jedhe; "Isin biyya gaaraa Amoorotaa kan Rabbii Allaahan keenya nuu kennu geessaniirtu. 21 Kunoo, Rabbii Allaahan keessan biyyattii isiniif kenneera. Dhaqaatii akkuma Rabbii Allaahan abbootii keessanii isinitti hime sanatti ishee dhaalaa; hin sodaatinaa; abdiis hin kutatinaa."

22 Ergasiis hundi keessan na bira dhuftanii, "Akka isaan biyyattii nuu basaasaniif duraan dursinee namoota erganna; isaanis waaʼee karaa achi nu geessuutii fi magaalaawwan nu itti dhufnuu oduu nuu fidu" jettan.

23 Yaadni sunis gaarii natti fakkaate; ani kudha lamaan keessan jechuunis tokkoo tokkoo gosaa keessaa nama tokko nan filadhe. 24 Isaanis kaʼanii biyya gaaraatti ol baʼanii Sulula Eshkool gaʼanii biyyattii basaasan. 25 Ija biyyattii keessaas waa fidanii dhufanii, "Biyyi Rabbii Allaahan keenya nuuf kennu kun gaarii dha" jedhanii nutti himan.

Rabbii Allaahatti Finciluu

26 Isin garuu dhaquu diddanii ajaja Rabbii Allaah keessaniitti finciltan. 27 Dunkaana keessan keessattis akkana jettanii guungumtan; "Rabbii Allaahan nu jibba; kanaafuu biyya Gibxiitii nu baasuun isaatuu akka isaan nu balleessaniif harka Amoorotaatti dabarsee nu kennuuf. 28 Egaa nu eessa dhaquu dandeenya? Obboloonni keenya, ‘Jarri nu caalaa jajjaboo fi hojjaan isaanii dhedheeraa dha; magaalaawwan isaaniis gurguddaa fi dallaawwan shamaayʼun gaʼaniin marfamaniiru; kana biratti immoo ilmaan Anaaq argineerra’ jedhanii nu sodaachisan."

29 Anis akkanan isiniin jedhe; "Hin rifatinaa; isaan hin sodaatinaa. 30 Rabbii Allaahan keessan kan fuula keessan dura deemu kun akkuma ija keessan duratti biyya Gibxi keessatti isinii godhe sana isiniif ni lola; 31 gammoojjii keessattis akkasuma. Hamma as geessanittis karaa deemtan hundatti akkamitti akka Rabbii Allaahan keessan akkuma abbaan ilma isaa baatutti isin baate argitaniirtu."

32 Taʼus isin Rabbii Allaah keessan 33 isa iddoo isin qubattan barbaaduu fi daandii isin deemuu qabdan isin argisiisuudhaaf jedhee halkan ibiddaan, guyyaa immoo duumessaan isin dura deemee isin qajeelchaa ture hin amananne.

34 Rabbii Allaahanis yommuu waan isin jettan dhagaʼetti dheekkamee akkana jedhee kakate: 35 "Dhaloota hamaa kana keessaa namni tokko iyyuu biyya gaarii ani akka abbootii keessaniif kennu kakuu gale sana hin argu; 36 Kilaab ilma Yefunee sana malee kan argu hin jiru. Inni biyya sana ni arga; sababii inni garaa guutuudhaan Rabbii Allaah duukaa buʼeef ani lafa inni miilla isaa irra dhaabbate sana isaa fi sanyii isaatiif nan kenna."

37 Sababii keessaniif Rabbii Allaahan natti illee dheekkamee akkana jedhe; "Ati iyyuu itti hin galtu. 38 Gargaaraan kee Yushuʼaan ilmi Nuuni garuu itti gala. Inni waan Israaʼeloota biyyattii dhaalchisuuf isa jajjabeessi. 39 Daaʼimman isin ni boojiʼaman jettan, ilmaan keessan kanneen waan tolaa fi hamaa gargar baasanii hin beekne biyya sanatti ni galu. Ani isaaniifan kenna; isaanis ni dhaalu. 40 Isin garuu duubatti deebiʼaatii daandii gara Galaana Diimaatti geessu qabadhaatii gammoojjiitti qajeelaa."

41 Isinis, "Nu Rabbii Allaahatti cubbuu hojjenneerra. Dhaqnee akkuma Rabbii Allaahan keenya nu ajajetti lolla" jettanii deebiftan. Biyya gaaraa dhaquun waan salphaa isinitti fakkaatee akkasiin tokkoon tokkoon keessan miʼa lolaa qabattanii kaatan.

42 Rabbii Allaahan garuu, " ‘Waan ani isin wajjin hin jirreef lolaaf hin baʼinaa. Isin diinota keessaniin ni moʼatamtu’ jedhii isaanitti himi" naan jedhe.

43 Anis akkasuman isinitti hime; isin garuu na hin dhageenye. Ajaja Rabbii Allaahatti finciltanii of tuulummaa keessaniin biyya gaaraatti duultan. 44 Amooronni gaarran irra jiraatan isinitti dhufan; isaanis akkuma tuuta kanniisaatti baʼanii isin gugsan; Seeʼiirii hamma Hormaatti isin dhaʼan. 45 Isin deebitanii dhuftanii fuula Rabbii Allaah duratti boossan; inni garuu booʼicha keessan hin dhageenye; gurra isaas isiniif hin kennine. 46 Akka yeroo isin achi jiraattaniitti, guyyoonni isin Qaadesh keessa jiraattan baayʼee dha.

Veja também

Publicidade
Bíblia Online Bíblia Online

Bíblia Online • Versão: 2026-06-18_06-35-37-