Publicidade

Números 36

Dhaala Intallan Zelofehaad

1 Abbootiin maatii ilmaan Giliʼaad ilma Maakiir, ilma Minaasee kanneen maatiiwwan ilmaan Yuusuf keessaa dhufan sun fuula Muusaatii fi fuula hooggantoota abbootii maatiiwwan saba Israaʼel duratti dhiʼaatanii dubbatan; 2 akkanas jedhan; "Akka ati biyyattii dhaala gootee ixaadhaan saba Israaʼeliif kennituuf Rabbii Allaahan Gooftaa koo ajajeera; akkasumas akka ati dhaala obboleessi keenya Zelofehaad intallan isaatiif kennitu inni si ajajeera. 3 Garuu yoo isaan ilmaan gosoota saba Israaʼel kaanitti heeruman dhaalli isaanii dhaala abbootii keenyaa keessaa fuudhamee dhaala gosa isaan itti heerumaniitti dabalama. Yoos dhaala ixaadhaan nuu qoodame irraa gariin isaa ni fuudhama. 4 Yommuu Waggaan Iyyoobeeliyyuu kan saba Israaʼel dhufutti dhaalli isaanii sun dhaala gosa isaan itti heerumaniitti dabalama; dhaalli isaaniis dhaala gosa abbootii keenyaa irraa fudhatama."

5 Kana irratti Muusaan akkuma Rabbii Allaahan dubbate sana akkana jedhee saba Israaʼel ajaje: "Wanni gosti ilmaan Yuusuf jedhu sirrii dha. 6 Wanni Rabbii Allaahan waaʼee intallan Zelofehaad ajaje kanaa dha: Isaan gosa abbaa isaanii qofa keessaa haa taʼu malee nama jaallatanitti haa heeruman. 7 Sababii tokkoon tokkoon ilmaan Israaʼel dhaala gosa abbaa isaa irraa argatu jabeessee qabatuuf, dhaalli ilmaan Israaʼel gosa tokko irraa gosa kaanitti hin darbin. 8 Akka tokkoon tokkoon ilmaan Israaʼel dhaala abbootii isaa argatuuf, gosa ilmaan Israaʼel keessaa intalli dhaala argattu kam iyyuu gosa abbaa ishee keessaa nama tokkotti heerumuu qabdi. 9 Sababii tokkoon tokkoon gosa ilmaan Israaʼel dhaala ofii isaa jabeessee qabatuuf, dhaalli tokko iyyuu gosa tokko irraa gosa kaanitti hin darbin."

10 Intallan Zelofehaad akkuma Rabbii Allaahan Muusaa ajaje sana godhan. 11 Intallan Zelofehaad Mahilaan, Tiirzaan, Hoglaan, Miilkaa fi Nuuhi ilmaan obboloota abbaa isaaniitti heeruman. 12 Isaanis maatiiwwan ilmaan Minaasee ilma Yuusuf keessatti waan heerumaniif dhaalli isaanii gosa maatii abbaa isaanii harkatti hafe.

13 Ajajawwanii fi murtiiwwan Rabbii Allaahan dirreewwan Moʼaab irratti, Yordaanos biratti, Yerikoo gamatti karaa Muusaatiin ilmaan Israaʼeliif kenne kanneenii dha.

Veja também

Publicidade
Bíblia Online Bíblia Online

Bíblia Online • Versão: 2026-06-15_21-32-39-