1 Rabbii Allaahan Muusaadhaan akkana jedhe; 2 "Haaruunitti akkana jedhii dubbadhu; ‘Yeroo ati ibsaawwan torban qabsiiftutti isaan iddoo baattuu ibsaa fuula dura jiru haa ibsan.’ "
3 Haaruunis akkasuma godhe; innis akkuma Rabbii Allaahan Muusaa ajajetti akka isaan fuula baattuu ibsaa duraan ifa kennaniif ibsaawwan sana qabsiise. 4 Akki itti baattuun ibsaa tolfame akkana: Miilla isaa irraa jalqabee hamma daraaraa isaatti warqee tumame irraa hojjetame. Baattuun ibsaa sun akkuma fakkeenya Rabbii Allaahan Muusaatti argisiise sanaatti hojjetame.
5 Rabbii Allaahan Muusaadhaan akkana jedhe: 6 "Saba Israaʼel keessaa Lewwota fuudhii qulqulleessi. 7 Isaan qulqulleessuufis waan kana godhi: bishaan qulqullaaʼummaa isaanitti facaasi; akka isaan dhagna isaanii guutuu haaddatanii akkasiin uffata ofii miiccatanii of qulqulleessan godhi. 8 Isaanis dibicha loonii tokko kennaa midhaanii kan daakuu bullaaʼaa zayitiidhaan sukkuumame wajjin haa fuudhan; atis dibicha loonii lammaffaa aarsaa cubbuutiif fuudhi. 9 Lewwota fuula dunkaana wal gaʼii duratti dhiʼeessiitii waldaa Israaʼelootaa guutuu walitti qabi. 10 Lewwotas fuula Rabbii Allaah duratti dhiʼeessi; sabni Israaʼel harka isaanii Lewwota irra haa kaaʼan. 11 Haaruunis akka Lewwonni Rabbii Allaah tajaajiluu dandaʼaniif saba Israaʼel keessaa aarsaa sochoofamu godhee fuula Rabbii Allaah duratti isaan haa dhiʼeessu.
12 "Erga Lewwonni harka isaanii mataa jiboota sanaa irra kaaʼanii booddee ati Lewwotaaf araaraa buusuudhaaf dibicha tokko aarsaa cubbuu, kaan immoo aarsaa gubamu godhiitii Rabbii Allaahaf dhiʼeessi. 13 Akka Lewwonni fuula Haaruunii fi fuula ilmaan isaa dura dhaabatan godhi; ergasiis aarsaa sochoofamu godhiitii Rabbii Allaahatti isaan dhiʼeessi. 14 Haala kanaan Israaʼeloota kaan keessaa Lewwota addaan baasi; Lewwonnis kan koo haa taʼan.
15 "Erga ati Lewwota qulqulleessitee aarsaa sochoofamu gootee isaan dhiʼeessitee booddees isaan hojii dunkaana wal gaʼii hojjechuuf haa dhufan. 16 Isaan Israaʼeloota keessaa guutumaan guutuutti naaf kennamuu qabu. Ani qooda hangafa saba Israaʼel kan gadameessa saaqu hundaa Lewwota ofii kootiif fudhadheera. 17 Israaʼel keessaa dhiirri hangafni hundi namas taʼu horiin kan koo ti. Ani yeroon biyya Gibxi keessatti hangafa hunda ajjeese sana ofii kootiifan addaan isaan baafadhe. 18 Ani qooda ilmaan Israaʼel hangafoota hundaa Lewwota fudhadheera. 19 Yommuu Israaʼeloonni iddoo qulqulluutti dhiʼaatanitti akka dhaʼichi isaan hin arganneef, akka isaan Israaʼelootaaf araara buusanii fi akka isaan tajaajila Israaʼelootaa dunkaana wal gaʼii keessatti raawwataniif ani Lewwota saba Israaʼel hunda keessaa Haaruunii fi ilmaan isaatiif kennaa godhee kenneera."
20 Muusaan, Haaruunii fi waldaan Israaʼel guutuun akkuma Rabbii Allaahan Muusaa ajaje sana Lewwotas godhan. 21 Lewwonnis of qulqulleessanii wayyaa ofii miiccatan. Haaruunis akkuma aarsaa sochoofamuutti fuula Rabbii Allaah duratti isaan dhiʼeesse; isaan qulqulleessuufis araara isaaniif buuse. 22 Ergasii Lewwonni qajeelcha Haaruunii fi ilmaan isaatiin hojii dunkaana wal gaʼii hojjechuudhaaf dhufan. Isaanis akkuma Rabbii Allaahan Muusaa ajaje sana Lewwotas godhan.
23 Rabbii Allaahan Muusaadhaan akkana jedhe; 24 "Kun seera Lewwotaaf kennamee dha: Dhiironni umuriin isaanii waggaa digdamii shanii fi hammasii olii hojii dunkaana wal gaʼii keessatti hirmaachuuf haa dhufan; 25 umurii waggaa shantamaatti garuu tajaajila isaanii haa dhaaban; deebiʼaniis hin tajaajilin. 26 Hojii dunkaana wal gaʼii irratti obboloota ofii gargaaruu ni dandaʼu; ofii isaaniitii garuu hojii sana hin hojjetin. Egaa kun haala itti ati itti gaafatama Lewwotaa ramadduu dha."