1 Jiʼa jalqabaatti waldaan Israaʼelootaa guutuun Gammoojjii Siin gaʼe; isaanis Qaadesh keessa turan. Miiriyaamis achitti duutee qabbaramte.
2 Waldaan sun bishaan hin qabu ture; kanaafuu waldaan sun Muusaa fi Haaruuniin mormuuf walitti qabame. 3 Isaanis akkana jedhanii Muusaa fi Haaruuniin lolan; "Maaloo utuu nus gaafuma obboloonni keenya fuula Rabbii Allaah duratti duʼan sana duunee jiraannee! 4 Isin maaliif waldaa Rabbii Allaah gammoojjii kanatti fiddan? Akka nuu fi horiin keenya asitti dhumnuufii? 5 Maaliif biyya Gibxiitii iddoo hamaa kanatti gad nu baaftan? Iddoon kun midhaan yookaan harbuu yookaan ija wayinii yookaan roomaanii hin qabu. Bishaan dhugaatiis hin jiru!"
6 Muusaa fi Haaruun waldaa biraa gara balbala dunkaana wal gaʼii deemanii addaan lafatti gombifaman; ulfinni Rabbii Allaahas isaanitti mulʼate. 7 Rabbii Allaahanis Muusaadhaan akkana jedhe; 8 "Ulee sana fuudhiitii, atii fi obboleessi kee Haaruunis waldaa walitti qabaa. Fuuluma isaanii durattis kattaa sanatti dubbadhaa; kattaan sunis bishaan baasa. Atis kattaa sana keessaa waldaadhaaf bishaan baafta; akkasiin isaanii fi horiin isaanii bishaan dhuguu dandaʼu."
9 Kanaafuu Muusaan akkuma inni isa ajaje sanatti ulee fuula Rabbii Allaah dura jiru sana fuudhe. 10 Muusaa fi Haaruun kattaa sana duratti waldaa walitti qaban; Muusaanis waldaa sanaan, "Finciltoota nana, mee dhagaʼaa; nu kattaa kana keessaa bishaan isinii baasuu qabnaa?" jedhe. 11 Muusaan harka ol fudhatee ulee isaa sanaan yeroo lama kattaa sana dhaʼe. Bishaan achi keessaa lolaanaan waldaa fi horiin isaanii dhugan.
12 Rabbii Allaahan garuu Muusaa fi Haaruuniin akkana jedhe; "Sababii isin fuula Israaʼelootaa duratti akka qulqullummaa kootiitti na kabajjanii natti amanuu diddaniif, isin biyya ani isaanii kenne sanatti waldaa kana hin galchitan."
13 Kun bishaan Mariibaa, lafa Israaʼeloonni itti Rabbii Allaahan wal dhabanii fi lafa inni itti akka qulqulluu taʼe gidduu isaaniitti of argisiisee ti.
14 Muusaan akkana jedhee Qaadesh irraa mootii Edoomiitti ergamoota erge:
"Obboleessi kee Israaʼel akkana jedha: Ati waaʼee rakkina nutti dhufe hundaa ni beekta. 15 Abbootiin keenya Gibxitti gad buʼan; nus waggaa hedduu achi jiraanne. Warri Gibxis nuu fi abbootii keenya cunqursan; 16 garuu nu Rabbii Allaahatti iyyaannaan, inni nu dhagaʼee malaʼikkaa isaa ergee biyya Gibxii nu baase.
"Nu amma as Qaadeshitti jechuunis magaalaa daarii biyya keetii irra jiru tokko keessa jirra. 17 Maaloo mee akka biyya kee keessa baanee dabarru nuu eeyyami. Nu lafa qotiisaa yookaan iddoo dhaabaa wayinii tokko keessa iyyuu hin yaanu yookaan bishaan boolla bishaanii tokkoo iyyuu si duraa hin dhugnu. Nu karaa mootichaa irra godaanna malee hamma daarii kee keessaa baanutti bitaa mirgatti hin gorru."
18 Edoom immoo akkana jedhee deebii kenne:
"Isin asiin darbuu hin dandeessan; yoo darbuu yaaltan immoo nu isinitti kaanee goraadeedhaan isin dhoofna."
19 Israaʼeloonnis akkana jedhanii deebii kennan:
"Nu karuma guddicha irra yaana; yoo nu yookaan horiin keenya bishaan keessan kam iyyuu dhuge, nu gatii isiniif kaffalla. Nu miilla qofaan yaanee darbuu feena; kana malee waan biraa hin feenu."
20 Isaan amma illee akkana jedhanii deebisan:
"Isin asiin hin dabartan."
Edoomis loltoota baayʼee fi jajjaboo fudhatee isaanitti gad baʼe. 21 Sababii Edoom biyya ofii isaa keessaan darbuu isaan dhowweef Israaʼeloonni isaan irraa deebiʼan.
22 Sabni Israaʼel hundinuu Qaadeshii kaʼee Tulluu Hoori gaʼe. 23 Rabbii Allaahanis Tulluu Hoori cinatti daangaa Edoom biratti Muusaa fi Haaruuniin akkana jedhe; 24 "Haaruun gara abbootii isaatti walitti qabama. Sababii isin lachuu bishaan Mariibaa biratti ajaja kootti finciltaniif, inni biyya ani Israaʼelootaaf kennutti hin galu. 25 Haaruunii fi ilma isaa Eleʼaazaar fuudhiitii Tulluu Hooritti ol baasi. 26 Haaruun irraa uffata isaa baasiitii ilma isaa Eleʼaazaaritti uffisi; Haaruun gara abbootii isaatti walitti qabamaatii. Inni achitti duʼa."
27 Muusaan akkuma Rabbii Allaahan isa ajaje sana godhe: Isaanis utuma waldaan Israaʼel guutuun ilaaluu Tulluu Hooritti ol baʼan. 28 Muusaanis uffata Haaruun irraa baasee ilma isaa Eleʼaazaaritti uffise. Haaruunis achuma tulluu sana gubbaatti duʼe. Muusaa fi Eleʼaazaaris tulluu sana irraa gad buʼan; 29 yommuu waldaan Israaʼel hundi akka Haaruun duʼe dhagaʼetti manni Israaʼel guutuun bultii soddoma booʼeef.