1 Rabbii Allaahan Muusaadhaan akkana jedhe; 2 "Akka isaan dhaqanii biyya Kanaʼaan ishee ani Israaʼelootaaf kennuuf jiru sana basaasaniif namoota ergi. Tokkoo tokkoo abbootii gosaa keessaa hoogganaa tokko ergi."
3 Muusaan ajaja Rabbii Allaahatiin Gammoojjii Phaaraan keessaa isaan erge. Hundi isaanii hooggantoota Israaʼelootaa turan.
4 Maqaan isaanii kanneenii dha:
Gosa Ruubeen keessaa Shamuuʼaa ilma Zakuur;
5 gosa Simiʼoon keessaa Shaafaaxi ilma Hoorii;
6 gosa Yihuudaa keessaa Kilaab ilma Yefunee;
7 gosa Yisaakor keessaa Yigiʼaal ilma Yuusuf;
8 gosa Efreem keessaa Hoosheeʼaa ilma Nuuni;
9 gosa Biniyaam keessaa Phaaltii ilma Raaphuu;
10 gosa Zebuuloon keessaa Gadiiʼeel ilma Soodii;
11 gosa Minaasee jechuunis gosa Yuusuf keessaa Gadii ilma Suus;
12 gosa Daan keessaa Amiiʼeel ilma Gemaal;
13 gosa Aasheer keessaa Sexuur ilma Miikaaʼiil;
14 gosa Niftaalem keessaa Naahibii ilma Wofsii;
15 gosa Gaad keessaa Geʼuuʼeel ilma Maakii ti.
16 Egaa maqaawwan kunneen maqaawwan namoota akka isaan biyya sana basaasaniif jedhee Muusaan ergee dha. Muusaanis Hoosheeʼaa ilma Nuuni sana, "Yushuʼaa" jedhee moggaase.
17 Muusaan yommuu akka isaan biyya Kanaʼaanii basaasaniif isaan ergetti akkana jedheen; "Karaa Negeeb darbaatii gara biyya gaaraatti ol baʼaa. 18 Biyyi sun maal akka fakkaattu, namoonni achi jiraatanis jajjaboo yookaan dadhaboo, muraasa yookaan hedduu taʼuu isaanii ilaalaa. 19 Isaan biyya akkamii keessa jiraatu? Gaarii yookaan gadhee? Magaalaawwan akkamii keessa jiraatu? Dallaa dhagaa hin qaban moo daʼoo jabaa qabu? 20 Lafti isaa gabbataa dha moo gabbataa miti? Muka qaba moo hin qabu. Jabaadhaatii ija biyyattii keessaa muraasa fidaa." Waqtiin sun yeroo iji wayinii kan jalqabaa itti bilchaatu ture.
21 Isaan ol baʼanii Gammoojjii Siin irraa jalqabanii hamma Rehoobitti gara Leeboo Hamaatitti biyyattii basaasan. 22 Isaanis karaa Negeeb ol baʼanii gara Kebroon lafa Ahiiman, Sheeshaayii fi Talmaayi ilmaan Anaaq sun jiraataniitti dhufan. Kebroon kunis utuu Zooʼaan isheen biyya Gibxi sun hin ijaaramin waggaa torbaan dura ijaaramte. 23 Isaanis yommuu Sulula Eshkool gaʼanitti hurbuu ija wayinii tokko kutan. Wayinii sanas roomaanii fi harbuu wajjin nama lama taʼanii danqaraadhaan baatan. 24 Iddoon sun sababii hurbuu ija wayinii kan warri Israaʼel kutan sanaatiif Sulula Eshkool jedhame. 25 Jarris dhuma bultii afurtamaatti biyya sana basaasanii deebiʼan.
26 Isaanis gara Qaadesh ishee Gammoojjii Phaaraan keessaa gara Muusaa fi Haaruun, gara waldaa Israaʼel guutuu deebiʼanii dhufan. Achittis gabaasa isaaniif dhiʼeessan; ija biyyattiis isaan argisiisan. 27 Isaanis akkana jedhanii Muusaatti himan: "Nu gara biyya ati itti nu ergite sanaa dhaqneerra; biyyattiin aannanii fi damma baafti! Iji ishees kunoo kana. 28 Garuu namoonni achi jiraatan jajjaboo dha; magaalaawwan ishee dallaa jabaa qabu; gurguddaa dhas. Nu sanyii Anaaq iyyuu achitti argineerra. 29 Amaaleqoonni Negeeb keessa jiraatu; Heetonni, Yebuusonnii fi Amooronni biyya gaaraa keessa jiraatu; Kanaʼaanonni immoo galaana biraa fi qarqara Yordaanos jiraatu."
30 Kilaabis fuula Muusaa duratti saba calʼisiisee, "Nu dafnee ol baanee biyyattii haa dhaallu; moʼachuu ni dandeenyaatii" jedhe.
31 Namoonni isa wajjin ol baʼanii turan garuu, "Nu warra sana dhaʼuu hin dandeenyu; isaan nurra jajjaboo dha" jedhan. 32 Isaanis waaʼee biyya basaasan sanaa saba Israaʼel gidduutti oduu gadhee tamsaasan. Akkanas jedhan; "Biyyi nu basaasne sun biyya warra ishee keessa jiraatu iyyuu nyaattuu dha. Namoonni nu achitti argine hundinuu dhedheeroo dha. 33 Achitti Nefiiliimota argine; ilmaan Anaaq Nefiiliimota irraa dhufan. Nu ofuma keenyatti iyyuu korophisa fakkaanne; fuula isaanii durattis akkasuma taane."