1 Rabbii Allaahan Muusaadhaan akkana jedhe; 2 "Israaʼelootatti dubbadhuutii hooggantoota gosa abbootii isaanii harkaa ulee tokko tokko, walumaa galatti uleewwan kudha lama fuudhi. Maqaa tokkoo tokkoo namaas ulee isaa irratti barreessi. 3 Sababii tokkoo tokkoo hoogganaa gosa abbootiitiif uleen tokko jiraachuu qabuuf maqaa Haaruun ulee Lewwii irratti barreessi. 4 Uleewwan kanneenis dunkaana wal gaʼii keessa fuula taabota kakuu seeraa dura iddoo ani itti isiniin wal argu sana kaaʼi. 5 Uleen nama ani filadhuu ni lata; anis guungummii Israaʼeloonni yeroo hunda isinitti guunguman of irraa nan kuta."
6 Muusaan Israaʼelootatti dubbate; hooggantoonni isaaniis uleewwan kudha lama jechuunis hooggantoota tokkoo tokkoo gosa abbootii isaaniitiif ulee tokko tokko isatti kennan; uleen Haaruunis uleewwan sana keessa ture. 7 Muusaanis uleewwan sana dunkaana dhuga baʼumsaa keessa fuula Rabbii Allaah dura kaaʼe.
8 Guyyaa itti aanutti Muusaan dunkaana dhuga baʼumsaa seenee uleen Haaruun kan gosa Lewwii iddoo buʼu sun isaa latu qofa utuu hin taʼin hudhee daraaree lawuzii naqate arge. 9 Muusaan ulee sana hunda fuula Rabbii Allaah duraa alatti gad baasee Israaʼeloota hundatti fide. Isaanis ilaalanii tokkoon tokkoon namaa ulee ofii isaa fudhate.
10 Rabbii Allaahan Muusaadhaan akkana jedhe; "Ulee Haaruun fuudhiitii akka inni finciltootaaf mallattoo taʼuuf fuula taabota kakuu seeraa dura deebisii kaaʼi. Kun akka isaan hin dhumneef natti guungumuu isaanii sana dhaabachiisa." 11 Muusaanis akkuma Rabbii Allaahan isa ajaje sana godhe.
12 Israaʼeloonni Muusaadhaan akkana jedhan; "Nu ni duuna! Nu badneerra; nu hundinuu badneerra! 13 Namni dunkaana qulqulluu Rabbii Allaahatti dhiʼaatu kam iyyuu ni duʼa. Nu amma duʼuuf jirraa?"