1 Miiriyaamii fi Haaruun sababii Muusaan dubartii Itoophiyaa fuudheef isaan mormuudhaan dubbachuu jalqaban; inni dubartii Itoophiyaa fuudhee tureetii. 2 Isaanis, "Rabbii Allaahan karaa Muusaa qofaan dubbatee? Inni karaa keenyaanis dubbatee ture mitii?" jedhan. Rabbii Allaahanis dubbii kana dhagaʼe.
3 Muusaan namoota lafa irra jiraatan hunda caalaa nama akka malee gad of qabu ture.
4 Rabbii Allaahanis yommusuma Muusaan, Haaruunii fi Miiriyaamiin, "Isin sadanuu gara dunkaana wal gaʼiitti gad baʼaa" jedhe. Isaan sadanuus gad baʼan. 5 Ergasii Rabbii Allaahan utubaa duumessaa keessaan gad buʼee balbala dunkaanaa irra dhaabatee Haaruunii fi Miiriyaamin waame. Jarri lachuu isatti dhiʼaannaan, 6 inni akkana jedheen; "Dubbii koo dhagaʼaa:
"Yoo nabiiʼiyyiin Rabbii Allaah gidduu keessan jiraate,
ani mulʼata keessa isatti of nan mulʼisa;
abjuudhaanis isatti nan dubbadha.
7 Garuu garbichi koo Muusaan akkana miti;
inni mana koo hunda keessatti amanamaa dha.
8 Ani utuu dhoksaadhaan hin taʼin,
ifaan ifatti isatti nan dubbadha;
inni bifa Rabbii Allaah ni arga.
Yoos isin maaliif
garbicha koo Muusaadhaan mormuudhaan dubbachuu hin sodaanne ree?"
9 Aariin Rabbii Allaahanis isaan irratti bobaʼe; innis isaan dhiisee deeme.
10 Yommuu duumessi sun dunkaana gubbaadhaa ol kaʼetti kunoo, Miiriyaam lamxooftee akkuma cabbii addaattee turte. Haaruunis gara isheetti garagalee akka isheen lamxii qabdu arge; 11 innis Muusaadhaan akkana jedhe; "Maaloo yaa gooftaa ko, cubbuu nu gowwummaadhaan hojjenne sana nutti hin lakkaaʼin. 12 Akka gatata foon isaa gariin nyaatamee gadameessa haadha isaa keessaa baʼu tokkoo ishee hin godhin."
13 Muusaan Rabbii Allaahatti booʼee, "Rabbii Allaah, maaloo ishee fayyisi!" jedhe.
14 Rabbii Allaahan akkana jedhee Muusaadhaaf deebii kenne; "Utuu abbaan ishee fuula isheetti tufee silaa isheen bultii torba salphina keessa turti mitii ree? Isheen bultii torba qubataan ala haa turtu; ergasii deebitee dhufuu dandeessi." 15 Miiriyaam bultii torba qubataan ala turte; sabni sunis hamma isheen deebitutti deemsa itti hin fufne.
16 Ergasii sabni sun Haxerootii kaʼee Gammoojjii Phaaraan keessa qubate.