1 Halkan sana namoonni waldaa sanaa hundinuu sagalee isaanii ol fudhatanii booʼan. 2 Israaʼeloonni hundinuu Muusaa fi Haaruunitti guunguman; waldaan guutuunis akkana isaaniin jedhe; "Nu utuu biyyuma Gibxitti dhumnee jiraannee! Yookaan utuu gammoojjii kana keessatti dhumnee jiraannee! 3 Rabbii Allaahan maaliif akka nu goraadeedhaan dhumnuuf jedhee biyya kanatti nu fida? Niitonni keenyaa fi ijoolleen keenya ni boojiʼamu. Biyya Gibxitti deebiʼuun nuu hin wayyuu?" 4 Isaanis, "Amma hoogganaa filannee biyya Gibxitti haa deebinu" waliin jedhan.
5 Kana irratti Muusaa fi Haaruun fuula guutummaa yaaʼii Israaʼel kanneen achitti walitti qabamanii duratti addaan lafatti gombifaman. 6 Jarreen biyyattii keessa deemanii basaasan keessaa Yushuʼaan ilmi Nuuniitii fi Kilaab ilmi Yefunee uffata ofii tarsaasanii, 7 guutummaa yaaʼii Israaʼelootaatiin akkana jedhan; "Biyyi nu keessa deemnee basaasne sun akka malee gaarii dha. 8 Rabbii Allaahan yoo nutti gammade biyya sanatti nu galchee biyyattii aannanii fi damma baaftu sana nuu kenna. 9 Isin garuu Rabbii Allaahatti hin fincilinaa. Waan nu isaan lilliqimsinuuf namoota biyya sanaa hin sodaatinaa. Gaaddisni isaan irraa kaʼeera; Rabbii Allaahan nu wajjin jira. Isaan hin sodaatinaa."
10 Waldaan guutuun garuu dhagaan isaan tumuudhaaf mariʼate. Ulfinni Rabbii Allaahas fuula dunkaana wal gaʼii duratti Israaʼeloota hundatti mulʼate. 11 Rabbii Allaahanis Muusaadhaan akkana jedhe; "Sabni kun hamma yoomiitti akkana na tuffata? Utuma ani mallattoowwan kanneen hunda gidduu isaaniitti hojjedhuu isaan hamma yoomiitti na amanuu didu? 12 Ani golfaadhaan dhaʼee isaan nan balleessa; siʼi garuu saba isaan caalaa guddaa fi jabaa sin godha."
13 Muusaan Rabbii Allaahan akkana jedhe; "Warri Gibxi waaʼee waan kanaa ni dhagaʼu! Ati humna keetiin saba kana gidduu isaaniitii baaftee fiddeertaatii. 14 Isaanis waaʼee waan kanaa saba biyya sana keessa jiraatutti ni odeessu. Rabbii Allaah, isaan akka ati saba kana gidduu jirtu dhagaʼaniiru; yaa Rabbii Allaah isaan akka ati fuuluma isaaniitti mulʼatu, akka duumassi kee isaaniin ol jiruu fi akka ati guyyaa utubaa duumessaatiin, halkan immoo utubaa ibiddaatiin isaan dura deemtu dhagaʼanii jiru. 15 Yoo ati saba kana yeruma tokkotti barbadeessite, saboonni oduu waaʼee keetii dhagaʼan, 16 ‘Rabbii Allaahan biyya kakuudhaan waadaa isaaniif gale sanatti saba kana galchuu hin dandeenye; inni kanumaaf gammoojjii keessatti isaan gogorraʼe’ jedhu.
17 "Egaa akkuma ati akkana jettee dubbatte sanatti jabinni Gooftaa haa argisiifamu: 18 ‘Rabbii Allaahan dafee hin aaru; jaalalli isaa immoo guddaa dha; inni cubbuu fi fincila namaaf dhiisa. Taʼu illee inni nama yakka hojjetu adabu malee hin dhiisu; inni hamma dhaloota sadaffaa fi afuraffaatti sababii cubbuu abbootii isaaniitiif jedhee ijoollee ni adaba.’ 19 Akkuma yeroo isaan biyya Gibxii baʼanii jalqabdee hamma ammaatti dhiifama isaaniif goote sana akkuma jaalala kee guddaa sanaatti cubbuu saba kanaa dhiisiif."
20 Rabbii Allaahan akkana jedhee deebiseef; "Ani akkuma ati kadhatte sana isaaniif dhiiseera. 21 Taʼu illee akkuma ani dhugumaan jiraataa taʼee fi akkuma ulfinni Rabbii Allaah dhugumaan lafa hunda guute sana, 22 namoota ulfina koo arganii, mallattoowwan ani biyya Gibxiitii fi gammoojjii keessatti hojjedhe arganii garuu naa ajajamuu didanii yeroo kudhan na qoran sana keessaa namni tokko iyyuu, 23 tokkoon isaanii biyya ani kakuudhaan abbootii isaaniitiif waadaa gale sana hin argan. Namni na tuffate tokko biyya sana hin argu. 24 Garbicha koo Kilaab garuu sababii inni hafuura addaa qabuu fi sababii garaa guutuudhaan na duukaa buʼaa jiruuf, ani biyya inni dhaqe sanatti isa galcha; sanyiin isaas biyya sana ni dhaala. 25 Sababii Amaaleqoonnii fi Kanaʼaanonni Sululoota keessa jiraataniif, isin bor deebiʼaatii karaa Galaana Diimaatiin gammoojjiitti qajeelaa."
26 Rabbii Allaahan Muusaa fi Haaruuniin akkana jedhe: 27 "Waldaan hamaan kun hamma yoomiitti natti guunguma? Ani guungummii Israaʼeloota guungumtoota sanaa dhagaʼeera. 28 Akkana jedhii isaanitti himi; ‘Rabbii Allaahan akkana jedha; ani jiraataadhaatii, akkuma isin gurra kootti dubbattan sana anis isinitti godha: 29 Reeffi keessan jechuunis reeffi warra umuriin isaanii waggaa digdamaa fi digdamaa olii kanneen lakkoobsa uummataa keessatti lakkaaʼamanii natti guunguman hundaa gammoojjii kana keessatti harcaʼee hafa. 30 Kilaab ilma Yefuneetii fi Yushuʼaa ilma Nuuni malee tokkoon keessan iyyuu biyya ani keessa isin qubachiisuuf kakadhe sanatti hin galtan. 31 Ani garuu ijoollee keessan warra isin ni boojiʼamu jettan sana itti nan galcha; isaanis biyya isin tuffattan sana ni beeku. 32 Isin garuu, reeffi keessan gammoojjuma kana keessatti harcaʼa. 33 Ijoolleen keessan waggaa afurtama gammoojjii kana keessa ni jooru; hamma isin hundi gammoojjii keessatti dhumtanitti isaan sababii amanamummaa dhabuu keessaniitiif achitti rakkatu. 34 Isin akkuma bultii afurtama biyya sana basaastan, akkasuma bultiin tokko akka waggaa tokkootti lakkaaʼamee waggaa afurtama cubbuu keessaniif dhiphattu; yeroo sana isin akka ani isiniin mormu ni beektu.’ 35 Ani Rabbii Allaahan waan kana dubbadheen jira; ani dhugumaan waan kana waldaa hamaa naan mormuuf walitti gurmaaʼe kana guutuutti nan fida. Isaan gammoojjii kana keessatti dhumu; asumattis ni duʼu."
36 Namoonni Muusaan akka isaan biyyattii basaasaniif erge yommuu achii deebiʼanitti waaʼee biyya sanaa gabaasa hamaa waldaatti gabaasanii akka waldaan Muusaatti guungumu godhan jechuunis 37 namoonni waaʼee biyyattii gabaasa hamaa gabaasuutti gaafataman sun dhaʼichaan fuula Rabbii Allaah duratti dhuman. 38 Namoota biyyattii basaasuu dhaqan keessaa Yushuʼaa ilma Nuunitii fi Kilaab ilma Yefunee qofatu duʼa oole.
39 Muusaan waan kana hunda Israaʼelootatti himnaan isaan akka malee booʼan. 40 Isaanis guyyaa itti aanu ganamaan fiixee biyya gaaraatti ol baʼanii, "Nu cubbuu hojjenneerra; nu amma gara lafa Rabbii Allaahan waadaa nuu gale sanaa dhaqna" jedhan.
41 Muusaan garuu akkana jedhe; "Isin maaliif ajaja Rabbii Allaah cabsitu? Wanni kun isiniif hin milkaaʼu! 42 Akka diinota keessaniin hin moʼatamneef ol hin baʼinaa; Rabbii Allaahan isin wajjin hin jiruutii; 43 Amaaleqoonnii fi Kanaʼaanonni achitti isinitti dhufuutii. Sababii isin Rabbii Allaah irraa garagaltaniif inni isin wajjin hin jiraatu; goraadeedhaan barbadeeffamtu."
44 Isaan garuu utuu Muusaa fi taabonni kakuu Rabbii Allaah qubata keessaa gad hin baʼin yaaduma isaaniitiin kaʼanii fiixee biyya gaaraatti ol baʼan. 45 Yommus Amaaleqoonnii fi Kanaʼaanonni gaara sana irra jiraatan gad buʼanii isaan dhaʼanii hamma Hormaatti isaan ariʼan.