1 Ilmaan Ruubeenii fi ilmaan Gaad warri loonii fi bushaayee hedduu qaban akka biyyi Yaʼizeerii fi biyyi Giliʼaad horii isaaniitiif tolu argan. 2 Isaan gara Muusaa, gara Eleʼaazaar lubichaatii fi gara hooggantoota waldaa dhufanii akkana jedhan; 3 "Axaaroti, Diiboon, Yaʼizeer, Niimraa, Heshboon, Eleʼaalee, Sebaamaa, Neboo fi Beʼoon, 4 biyyi Rabbii Allaahan fuula waldaa Israaʼel duratti rukute sun horiif tolaa dha; nu tajaajiltoonni kees horii qabna. 5 Yoo nu fuula kee duratti fudhatama argannee jiraanne biyyi kun nu tajaajiltoota keetiif handhuuraa taʼee haa kennamu. Akka nu Yordaanos gama ceenus hin godhin."
6 Muusaanis ilmaan Gaadii fi ilmaan Ruubeeniin akkana jedhe; "Obboloonni keessan duula dhaqanii isin immoo as teessuu? 7 Isin maaliif akka Israaʼeloonni biyya Rabbii Allaahan isaanii kenne sanatti ceʼanii hin galleef abdii isaan kutachiiftuu? 8 Kun waanuma abbootiin keessan gaafa ani akka isaan biyyattii ilaalaniif jedhee Qaadesh Barnee irraa isaan erge sana hojjetanii dha. 9 Isaanis erga gara Sulula Eshkool dhaqanii biyya sana arganii booddee akka Israaʼeloonni biyya Rabbii Allaahan isaaniif kennetti hin galleef abdii isaan kutachiisan. 10 Dheekkamsi Rabbii Allaahas guyyuma sana bobaʼe; innis akkana jedhee kakate; 11 ‘Waan isaan garaa guutuudhaan na faana deemuu didaniif, namoota waggaa digdamaatii fi hammasii olii kanneen biyya Gibxiitii baʼanii dhufan keessaa namni tokko iyyuu biyya ani Ibraahimiif, Yisihaaqii fi Yaaʼikuubiif waadaa gale sana hin argu. 12 Kilaab ilma Yefunee kan gosa Qeneezii fi Yushuʼaa ilma Nuuni malee namni tokko iyyuu hin argu; isaan lamaan garaa guutuudhaan Rabbii Allaah duukaa buʼaniiruutii.’ 13 Dheekkamsi Rabbii Allaah Israaʼel irratti bobaʼe; innis hamma dhaloonni fuula isaa duratti waan hamaa hojjete sun hundi dhumutti akka isaan waggaa afurtama gammoojjii keessa jooran godhe.
14 "Yaa sanyii cubbamootaa nana, isin kunoo dheekkamsa Rabbii Allaah kan Israaʼel irratti bobaʼe sana ittuma caalchisuuf iddoo abbootii keessanii buutaniirtu. 15 Yoo isin isa duukaa buʼuu irraa garagaltan inni ammas gammoojjii kana keessatti saba kana hunda ni dhiisa; isinis uummata kana ni balleessitu."
16 Isaan gara isaa dhufanii akkana jedhaniin; "Nu asitti horii keenyaaf dallaa, dubartootaa fi ijoollee keenyaaf immoo magaalaawwan ijaarra. 17 Nu garuu hamma lafa isaaniitiin isaan geenyutti hidhannee Israaʼel dura deemuuf qophaaʼoo dha. Yeroo kanatti akka jiraattoonni biyyattii isaan hin tuqneef dubartoonnii fi ijoolleen keenya magaalaawwan dallaa jabaa qaban keessa haa jiraatan. 18 Hamma tokkoon tokkoon Israaʼelootaa dhaala ofii isaanii argatanitti nu mana keenyatti hin deebinu. 19 Sababii dhaalli keenya laga Yordaanos irraa gara baʼaatti nuuf kennameef nu Yordaanos irraa gama kaaniin isaan wajjin waan dhaallu hin qabnu."
20 Muusaanis akkana isaaniin jedhe; "Yoo isin waan kana gootan, yoo isin fuula Rabbii Allaah duratti hidhattanii duulaaf kaatan, 21 yoo isin hundinuu hamma inni diinota ofii isaa fuula ofii isaa duraa ariʼee baasutti hidhattanii fuula Rabbii Allaah dura Yordaanosin ceetan, 22 yeroo biyyattiin fuula Rabbii Allaah duratti moʼatamtutti isin itti gaafatama Rabbii Allaah fi saba Israaʼeliif qabdan irraa ni bilisoomtu. Biyyi sunis fuula Rabbii Allaah duratti dhaala keessan taʼa.
23 "Garuu isin yoo waan kana gochuu baattan, kunoo Rabbii Allaahatti cubbuu hojjechuu keessan; akka cubbuun keessan isin argatu illee beekkadhaa. 24 Dubartootaa fi ijoollee keessaniif magaalaawwan, bushaayee keessaniif immoo dallaa ijaaraa; isin garuu waan waadaa galtan sana guutaa."
25 Ilmaan Gaadii fi ilmaan Ruubeen Muusaadhaan akkana jedhan; "Nu garboonni kee akkuma gooftaan keenya nu ajaju goona. 26 Ijoolleen keenyaa fi niitonni keenya, bushaayeen keenyaa fi loon keenya, asuma magaalaawwan Giliʼaaditti haa hafan. 27 Nu garboonni kee garuu tokkoon tokkoon keenya akkuma gooftaan keenya jedhe sana duulaaf qophoofnee fuula Rabbii Allaah duratti duuluuf ni ceena."
28 Ergasiis Muusaan waaʼee isaanii Eleʼaazaar lubichaaf, Yushuʼaa ilma Nuunitii fi abbootii maatii gosoota Israaʼeliif ajaja kenne. 29 Innis akkana isaaniin jedhe; "Yoo ilmaan Gaadii fi ilmaan Ruubeen, namni waraanaaf hidhate hundi fuula Rabbii Allaah duratti isin wajjin Yordaanos ceʼe, yommuu biyyattiin isin harka galtutti biyya Giliʼaad sana kennaafii. 30 Garuu isaan yoo duulaaf hidhatanii isin wajjin ceʼuu baatan, Kanaʼaan keessatti isin wajjin lafa haa argatan."
31 Ilmaan Gaadii fi ilmaan Ruubeenis akkana jedhanii deebii kennan; "Nu garboonni kee waan Rabbii Allaahan jedhe ni goona. 32 Nu miʼa lolaa hidhannee fuula Rabbii Allaah dura ceenee Kanaʼaan seenna; garuu qabeenyi nu dhaallu Yordaanosiin gamatti nuuf haa hafu."
33 Muusaanis mootummaa Sihoon mootii Amoorotaa fi mootummaa Oogi mootii Baashaan jechuunis biyya sana guutuu magaalaawwan isaaniitii fi bulchiinsa naannoo isaanii jiru sana ilmaan Gaadiitiif, ilmaan Ruubeeniitii fi walakkaa gosa Minaasee ilma Yuusufiif kenne.
34 Ilmaan Gaadis magaalaawwan Diiboon, Axaaroti, Aroʼeer, 35 Atroot Shoofaan, Yaʼizeer, Yogbihaa, 36 Beet Niimraa fi Beet haaraan magaalaawwan jajjaboo godhanii ijaaran. Bushaayee isaaniitiifis dallaa ijaarratan. 37 Ilmaan Ruubeenis magaalaawwan Heshboon, Eleʼaaleenii fi Kiriyaataayim, 38 akkasumas Neboo fi Baʼaal Meʼoon jechuunis magaalaawwan maqaan isaanii geeddaramee fi Sibimaa deebisanii ijaaran. Isaanis magaalaawwan deebisanii ijaaran sanaaf maqaa baasan.
39 Ijoolleen Maakiir ilma Minaasees gara Giliʼaad dhaqanii biyyattii qabatanii Amoorota achi turan ariʼanii baasan. 40 Muusaanis Giliʼaadin ijoollee Maakiir sanyii Minaaseetiif kenne; isaanis achi qubatan. 41 Yaaʼiir ilmi Minaasees dhaqee gandoota isaanii fudhatee gandoota Yaaʼiirootaa jedhee moggaase. 42 Noobaan immoo Qeenaatii fi gandoota naannoo isaa jiran qabatee Noobaa jedhee maqaa ofii isaatiin waame.