1 Sabni sun utuma Rabbii Allaahan isa dhagaʼuu waaʼee rakkina isaa guungume; innis yommuu waan kana dhagaʼetti ni aare. Kana irratti ibiddi Rabbii Allaah isaan gidduutti bobaʼee qarqara qubata isaanii gube. 2 Sabni Muusaatti iyye; Muusaan immoo Rabbii Allaah duratti duʼaa godhatee ibiddi sun dhaame. 3 Sababii ibiddi Rabbii Allaah biraa gad buʼee gidduu isaaniitti bobaʼeef, iddoon sun "Tabeeraa" jedhamee waamame.
4 Sabni wal makaan isaan wajjin tures nyaata biraa dharraʼe; Israaʼeloonni ammas akkana jedhanii booʼuu jalqaban; "Nu utuu foon nyaannu argannee! 5 Nu biyya Gibxi keessatti qurxummii toluma nyaanne; akkasumas dabaaqula, habaabii, goodarree, qullubbii diimaa fi qullubbii adii nyaanne sana ni yaadanna. 6 Amma garuu fedhiin nyaataa nurraa badeera; mannaa kana malees waan tokko illee hin arginu!"
7 Mannaan sun akka sanyii dinbilaalaa taʼee bifti isaa haphee fakkaata ture. 8 Namoonnis mannaa sana nanaannaʼanii walitti qabanii dhagaa daakuutti daakachaa yookaan mooyyeetti tumachaa turan. Isaanis mannaa sana okkoteetti affeelu yookaan maxinoo isaa tolfatu turan. Innis akka waan zayitii ejersaatiin qopheeffameetti miʼaawa ture. 9 Galgala yommuu fixeensi qubata irra buʼetti mannaan sunis gad buʼe.
10 Muusaan utuu namoonni maatii hundaa balbala dunkaana ofii isaa duratti booʼanuu dhagaʼe. Rabbii Allaahanis akka malee aare; Muusaan immoo ni dhiphate. 11 Innis akkana jedhee Rabbii Allaah gaafate; "Ati maaliif dhiphina kana garbicha keetti fidde? Ati kan baʼaa saba kanaa hunda narra keesse ani maal balleessee si gaddisiiseeti? 12 Saba kana hunda anatu ulfaaʼee? Anatu isaan daʼee? Ati maaliif akka ani akkuma guddiftuun daaʼima baattutti gara biyya ati abbootii isaaniitiif kakuudhaan waadaa galteetti irree kootti baadhee isaan geessuudhaaf na ajajja? 13 Ani saba kana hundaaf foon eessaan argadha? Isaan, ‘Foon nyaannu nuu kenni!’ jedhanii natti booʼu. 14 Ani kophaa koo saba kana hunda baachuu hin dandaʼu; baʼaan kun akka malee natti ulfaata. 15 Ati yoo akkana na goota taʼe, yoo ani fuula kee duratti fudhatama argadhee jiraadhe, maaloo ammuma na ajjeesi; akka ani gidiraa natti dhufu argus na hin godhin."
16 Rabbii Allaahanis Muusaadhaan akkana jedhe; "Maanguddoota Israaʼel keessaa nama torbaatama kanneen hooggantootaa fi qondaaltota sabaa taʼuu isaanii beektu naa fidi. Akka isaan gara dunkaana wal gaʼii dhufanii si wajjin achi dhadhaabatan godhi. 17 Ani gad buʼee achitti si wajjin nan dubbadha; Hafuura sirra jiru irraas fuudhee isaan irra nan kaaʼa; isaanis akka ati kophaa kee baʼaa sana hin baanneef baʼaa saba sanaa si wajjin baatu.
18 "Saba kanaan akkana jedhi: ‘Isin bori foon nyaattuutii of qulqulleessaa qophaaʼaa. Rabbii Allaahan yeroo isin, "Nu utuu foonuma nyaannu argannee! Yeroo nu biyya Gibxi keessa jirru nuu wayya ture!" jettanii boossan dhagaʼeeraatii. Rabbii Allaahan amma foon isinii kenna; isinis ni nyaattu. 19 Isin hamma guyyaa tokkoo, yookaan lamaa, yookaan shanii, kudhanii, yookaan digdamaa qofa hin nyaattan; 20 garuu jiʼa tokko guutuu hamma funyaaniin isin baʼutti, hamma nuffitanittis nyaattu; isin Rabbii Allaah gidduu keessan jiru sana diddanii, "Nu maaliif biyya Gibxi keessaa baane?" jettanii fuula isaa duratti boossanii turtaniitii.’ "
21 Muusaan garuu akkana jedhe; "Kunoo ani namoota lafoo kuma dhibba jaʼa gidduun jira; ati immoo, ‘Ani foon isaan jiʼa guutuu nyaatan kennaaf!’ jetta. 22 Utuma bushaayee fi karri loonii isaaniif qalamanii iyyuu gaʼaa laata? Utuma qurxummiin galaana keessaa hundi isaanii qabamee iyyuu gaʼaa laata?"
23 Rabbii Allaahan Muusaadhaan akkana jedhe; "Harki Rabbii Allaah gabaabaadhaa? Ati akka wanni ani siin jedhu siif guutamuu fi akka siif hin guutamne amma ni argita."
24 Muusaan dhaqee waan Rabbii Allaahan jedhe sana sabatti hime. Innis saba sana keessaa maanguddoota torbaatama walitti qabee akka isaan naannoo dunkaanaa dhadhaabatan godhe. 25 Ergasiis Rabbii Allaahan duumessaan gad buʼee isatti dubbate; Hafuura isa irra jirus fuudhee maanguddoota torbaatamman sana irra buuse. Isaanis yeroo Hafuurri sun isaan irra boqotetti raajii dubbatan; ergasii immoo deebiʼanii raajii sana hin dubbanne.
26 Taʼu illee namoonni lama kanneen maqaan isaanii Eldaadii fi Meedaad jedhaman qubata keessatti hafanii turan. Isaanis maanguddoota sana keessatti galmeeffamanii turan malee gad baʼanii gara dunkaanaa hin dhaqne ture. Hafuurri immoo isaan irra illee buʼe; isaanis qubata keessatti raajii dubbatan. 27 Dargaggeessi tokko fiigee dhaqee, "Eldaadii fi Meedaad raajii dubbachuutti jiru" jedhee Muusaatti hime.
28 Yushuʼaan ilmi Nuuni kan ijoollummaa ofiitii jalqabee gargaartuu Muusaa ture sun kaʼee, "Yaa Muusaa, yaa gooftaa ko, isaan dhowwi!" jedhee dubbate.
29 Muusaan garuu akkana jedhee deebise; "Ati anaaf hinaaftaa? Ani utuu sabni Rabbii Allaah hundinuu nabiiʼiyyoota taʼanii Rabbii Allaahanis Hafuura isaa isaan irra kaaʼee nan hawwa!" 30 Ergasiis Muusaa fi maanguddoonni Israaʼel gara qubataatti deebiʼan.
31 Bubbeen tokkos Rabbii Allaah biraa baʼee galaana keessaa dimbiriqqee gara qubataatti oofe. Bubbeen sunis dimbiriqqee sana naannoo qubata sanaatti gama hundaan hamma deemsa guyyaa tokkoo fagaatu harcaasee hamma dhundhuma lamaa oli tuule. 32 Guyyaa sana guutuu fi halkan sana guutuu, guyyaa itti aanu guutuus sabni sun gad baʼee dimbiriqqee sana walitti qabate; isaan keessaas namni homeerii kudhanii gad walitti qabate hin turre. Ergasii dimbiriqqee sana naannoo qubata sanaa afatan. 33 Garuu utuma foon sun amma illee gidduu ilkaan isaanii jiruu, utuu hin alanfatin Rabbii Allaahan isaanitti aaree dhaʼicha hamaadhaan isaan dhaʼe. 34 Sababii isaan namoota nyaata biraa dharraʼan achitti qabbaraniif maqaan iddoo sanaa, "Qiibrooti Haataaʼabaa" jedhame.
35 Sabni sunis Qiibrooti Haataaʼabaadhaa kaʼee gara Haxerooti dhaqee achi jiraate.