Publicidade

Deuteronômio 16

Faasiikaa

1 Sababii Rabbii Allaahan kee jiʼa Abiibii keessa halkaniin Gibxii si baaseef jiʼa Abiibii kabaji; Faasiikaa Rabbii Allaah keetiis ayyaaneffadhu. 2 Iddoo Rabbii Allaahan kee akka Maqaan isaa achi jiraatuuf filatutti bushaayee kee yookaan loon kee keessaa Faasiikaa godhii Rabbii Allaah keetiif qali. 3 Ati akka bara jireenya keetii guutuu guyyaa itti Gibxii baate sana yaadattuuf Faasiikaa sana buddeena raacitii qabu wajjin hin nyaatin; garuu ati sababii ariitiidhaan biyya Gibxiitii baateef bultii torba maxinoo jechuunis buddeena rakkinaa nyaadhu. 4 Guutummaa biyya keetii keessatti bultii torbaaf raacitiin hin argamin. Foon ati galgala guyyaa jalqabaatti aarsaa gootu hamma bariitti hin turin.

5 Ati magaalaa Rabbii Allaahan kee siif kennu kamitti iyyuu Faasiikaa hin dhiʼeessin; 6 garuu lafa inni iddoo jireenya Maqaa isaatiif filatutti galgala yeroo biiftuun gad buututti yaadannoo guyyaa itti biyya Gibxiitii baateetiif aarsaa Faasiikaa dhiʼeessi. 7 Aarsaa Faasiikaa sana waadiitii iddoo Rabbii Allaahan kee filatutti nyaadhu. Ergasiis ganama gara dunkaana keetiitti deebiʼi. 8 Bultii jaʼa maxinoo nyaadhu; bultii torbaffaatti immoo Rabbii Allaah keetiif wal gaʼii qulqulluu godhi; hojii illee hin hojjetin.

Ayyaana Torbanootaa

9 Gaafa midhaan kee haamuu jalqabdee kaasii torbanoota torba lakkaaʼi. 10 Ergasiis akkuma baayʼina eebba Rabbii Allaahan kee siif kenneetti kennaa fedhiidhaan kennitu dhiʼeessuudhaan Ayyaana Torbanootaa Rabbii Allaah keetiif ayyaaneffadhu. 11 Ati, ilmaanii fi intallan kee, hojjettoonni kee dhiironnii fi dubartiin, Lewwonni magaalaawwan kee keessa jiraatan, alagoonni, ijoolleen abbaa hin qabnee fi niitonni dhirsoonni isaanii irraa duʼan kanneen isin gidduu jiraatan achitti, iddoo Rabbii Allaahan kee iddoo jireenya Maqaa isaatiif filatutti fuula isaa duratti ni gammaddu. 12 Ati akka Gibxitti garba turte yaadadhu; seera kanas akka gaariitti eegi.

Ayyaana Daasii

13 Erga oobdii fi iddoo cuunfaa wayinii keetii irraa oomisha kee galfattee booddee guyyaa torbaaf Ayyaana Daasii ayyaaneffadhu. 14 Ati, ilmaanii fi intallan kee, tajaajiltoonni kee dhiironnii fi dubartoonni, Lewwonni, alagoonni, ijoolleen abbootii hin qabnee fi dubartoonni dhirsoonni isaanii irraa duʼan kanneen magaalaawwan kee keessa jiraatan ayyaana kee irratti gammadaa. 15 Ayyaana kanas iddoo Rabbii Allaahan filatutti bultii torbaaf Rabbii Allaah keetiif ayyaaneffadhu. Sababii Rabbii Allaahan kee oomisha keetii fi hojii harka keetii hundaan si eebbisuuf gammachuun kee guutuu taʼa.

16 Dhiirri kee hundi waggaatti yeroo sadii iddoo inni filatutti fuula Rabbii Allaah keetii duratti dhiʼaachuu qabu; kunis yeroo Ayyaana Maxinoo, yeroo Ayyaana Torbanootaatii fi yeroo Ayyaana Daasii ti. Namni tokko iyyuu harka duwwaa fuula Rabbii Allaah duratti hin dhiʼaatin: 17 Tokkoon tokkoon keessan akkuma baayʼina eebba Rabbii Allaahan keessan isiniif kenneetti kennaa fidaa.

Abbootii Murtii

18 Magaalaawwan Rabbii Allaahan kee siif kennu hundattuu gosoota kee hundaaf abbootii seeraatii fi qondaaltota muudi; isaanis dhugaadhaan namootaaf murtii kennu. 19 Ati murtii hin jalʼisin yookaan nama wal hin caalchisin. Mattaʼaa hin fudhatin; mattaʼaan ija ogeeyyii jaamsee dubbii qajeeltotaas jalʼisa. 20 Ati akka lubbuudhaan jiraattee lafa Rabbii Allaahan kee siif kennu dhaaltuuf murtii qajeelaa qofa duukaa buʼi.

Waaqeffatamtoota Biraa waaqeffachuu

21 Iddoo aarsaa kan Rabbii Allaah keetiif dhaabde bira siidaa Aasheeraa hin dhaabin. 22 Soodduu dhagaa kan Rabbii Allaahan kee jibbu ofii keetiif hin dhaabbatin.

Veja também

Publicidade
Bíblia Online Bíblia Online

Bíblia Online • Versão: 2026-06-15_21-32-39-