Publicidade

Deuteronômio 28

Eebba Ajajamuudhaan Argamu

1 Yoo ati guutumaan guutuutti Rabbii Allaah keetiif ajajamtee ajajawwan isaa kanneen ani harʼa siif kennu of eeggannaadhaan duukaa buute, Rabbii Allaahan kee saboota lafa irra jiraatan hundaa olitti ol si qaba. 2 Yoo ati Rabbii Allaah keetiif ajajamte eebbi kun hundi siif taʼa; si faana deemas:

3 Ati magaalaatti ni eebbifamta; baadiyyaattis ni eebbifamta.

4 Iji gadameessa keetii, iji lafa keetii, iji horii keetii, jabbiin loon keetiitii fi korbeeyyiin bushaayee keetii ni eebbifamu.

5 Guuboon keetii fi miʼi bukoo keetii ni eebbifamu.

6 Ati yommuu galtu ni eebbifamta; yommuu baatus ni eebbifamta.

7 Rabbii Allaahan akka diinonni kee kanneen sitti kaʼan fuula kee duratti moʼataman ni godha. Isaan karaa tokkoon sitti dhufu, garuu karaa torbaan si baqatu.

8 Rabbii Allaahan gombisaa keetii fi waan harki kee qabate hundatti eebba isaa ni erga. Rabbii Allaahan kee biyya siif kennu keessatti si eebbisa.

9 Yoo ati ajaja Rabbii Allaah keetii eegdee karaa isaa irra deddeebite, Rabbii Allaahan akkuma kakuudhaan si abdachiisetti saba isaa qulqulluu godhee si dhaaba. 10 Ergasii saboonni lafa irra jiraatan hundi akka ati maqaa Rabbii Allaahatiin waamamtu arganii si sodaatu. 11 Rabbii Allaahan biyya siif kennuuf abbootii keetiif kakate keessatti ijoolleedhaan, jabbootaa fi midhaan lafaatiin sooruma irra dhangalaʼaa siif kenna.

12 Rabbii Allaahan yeroodhaan lafa keetti bokkaa ergee hojii harka keetii hunda eebbisuuf gombisaa badhaadhummaa isaa jechuunis shamaayʼuniiwwan ni bana. Ati saboota hedduudhaaf ni liqeessita malee tokkoo isaanii irraa iyyuu hin liqeeffattu. 13 Rabbii Allaahan mataa si godha malee eegee si hin godhu. Ati yoo ajajawwan Rabbii Allaah keetii kanneen ani harʼa siif kennu of eeggannaadhaan eegdee duukaa buute, yeroo hunda irra aanta malee jala hin aantu. 14 Ati waaqeffatamtoota biraa duukaa buʼuu fi tajaajiluudhaan ajajawwan ani harʼa siif kennu kanneen irraa mirgattis bitaattis hin gorin.

Abaarsa Ajajamuu Diduun Fidu

15 Garuu yoo ati Rabbii Allaah keetiif ajajamuu baattee ajajawwan isaatii fi qajeelchawwan isaa kanneen ani harʼa siif kennu hunda of eeggannaadhaan eeguu didde, abaarsawwan kunneen hundi si qaqqabu; si liqimsus:

16 Ati magaalaatti ni abaaramta; baadiyyaattis ni abaaramta.

17 Guuboon kee ni abaarama; miʼi bukoo keetiis ni abaarama.

18 Iji gadameessa keetii, iji lafa keetii, jabbiin loon keetiitii fi korbeeyyiin bushaayee keetii ni abaaramu.

19 Ati yommuu galtu ni abaaramta; yommuu baatu illee ni abaaramta.

20 Ati sababii isa dhiiftee waan hamaa hojjetteef Rabbii Allaahan hamma ati barbadooftee daftees lafa irraa dhabamtutti waan harki kee hojjetu hundaan abaarsa, joonjaʼuu fi dheekkamsa sitti erga. 21 Rabbii Allaahan hamma biyya ati dhaaluuf itti galtu irraa si balleessutti dhukkubaan si dhaʼa. 22 Rabbii Allaahan hamma ati lafa irraa dhabamtutti, dhukkuba nama huqqisuun, dhagna gubaa fi dhullaadhaan, hoʼa aduutii fi bona hamaadhaan, coollaguu fi waagiidhaan si dhaʼa. 23 Shamaayʼuniin mataa keetii olii naasii, lafti miilla kee jalaa sibiila taʼa. 24 Rabbii Allaahan bokkaa lafa keetii awwaaraa fi daaraatti geeddara; kunis hamma ati baddutti shamaayʼuniidhaa sitti gad harcaʼa.

25 Rabbii Allaahan akka ati diina kee duratti moʼatamtu godha. Ati karaa tokkoon isaanitti dhufta; garuu karaa torbaan isaan duraa baqatta; mootummoota lafa irra jiran hundaaf waan kolfaa taata. 26 Reeffi kee simbirroota shamaayʼun hundaa fi bineensota lafaatiif nyaata taʼa; namni sodaachisee isaan ariʼus hin jiraatu. 27 Rabbii Allaahanis dhukkuba ati hin fayyine jechuunis dhullaa biyya Gibxiitiin, iitaan, madaa malaʼuu fi cittoodhaan si dhiphisa. 28 Rabbii Allaahan maraatummaadhaan, jaamummaa fi burjaajaʼuu sammuutiin si dhiphisa. 29 Ati guyyaa saafaa akka jaamaa dukkana keessa waa qaqqabatuutti deemta; wanni ati hojjettu hundinuu siif hin milkaaʼu; guyyuma guyyaan cunqurfamtee saamamta; kan si oolchus hin jiru.

30 Ati niitii kaadhimatta; garuu nama biraatu ishee wajjin ciisa. Mana ijaarratta; garuu keessa hin jiraattu. Wayinii dhaabbatta, garuu ija isaa hin nyaattu. 31 Sangaan kee fuula kee duratti qalama; garuu ati foon isaa irraa homaa hin nyaattu. Harreen kee humnaan sirraa fudhatama; siif hin deebifamus. Hoolonni kee diinota keetiif kennamu; namni isaan harkaa buusus hin jiru. 32 Ilmaanii fi intallan kee namoota ormaatiif kennamu; iji kees guyyuma guyyaan isaan eeguudhaan fajaja; ati harka ol fudhachuuf humna hin qabaattu. 33 Oomisha lafa keetiitii fi humna keetii hunda namoonni ati hin beekne ni nyaatu; ati bara jireenya keetii guutuu cunqurfamtee jiraachuu malee homaa hin qabaattu. 34 Wanni ati argitu hundi si maraacha. 35 Rabbii Allaahan faana miilla keetiitii jalqabee hamma gubbaa mataa keetii gaʼutti madaa hin fayyine kan nama dhiphisuun jilbaa fi miilla kee ni dhaʼa.

36 Rabbii Allaahan siʼii fi mootii ati of irratti moosifte saboota ati yookaan abbootiin kee hin beekinitti ni kenna. Atis achitti waaqeffatamtoota biraa, waaqeffatamtoota mukaatii fi kan dhagaa ni waaqeffatta. 37 Saboota Rabbii Allaahan itti si geessu hunda keessatti waan qaanii, kan kolfaatii fi kan quba itti qaban ni taata.

38 Lafa qotiisaa kee keessa sanyii baayʼee facaafatta; garuu sababii hawwaannisni nyaatee fixuuf xinnoo walitti qabatta. 39 Atis wayinii dhaabdee kunuunsita; garuu waan raammoon nyaatuuf daadhii isaa hin dhugdu yookaan ija isaa hin cirattu. 40 Biyya kee guutuu keessaa muka ejersaa qabaatta; garuu waan iji isaa lafatti harcaʼuuf ati zayitii isaatti hin fayyadamtu. 41 Ati ilmaanii fi intallan qabaatta; garuu isaan waan boojiʼamaniif kan kee hin taʼan. 42 Mukaa fi oomisha lafa qotiisaa keetii hunda tuuta hawwaannisaatu fixa.

43 Alagaan gidduu kee jiraatu si caalaa guddata; ati garuu gad deemta. 44 Isatu siif liqeessa malee ati isaaf hin liqeessitu. Inni mataa taʼa; ati garuu eegee taata.

45 Abaarsi kun hundinuu si qaqqaba. Ati waan Rabbii Allaah keetiif hin ajajamnee fi waan ajajawwanii fi qajeelchawwan inni siif kenne hin eeginiif hamma ati baddutti abaarsi kun si biraa hin hafu; si fudhatas. 46 Isaan bara baraan siʼii fi sanyii keetti mallattoo fi dinqii taʼu. 47 Ati waan yeroo sooromaatti galataa fi gammachuudhaan Rabbii Allaah kee hin tajaajiliniif, 48 beelaa fi dheebuudhaan, daaraa fi hiyyummaa hamaadhaan diinota Rabbii Allaahan sitti kaasu ni tajaajilta. Inni hamma si balleessutti waanjoo sibiilaa morma keetti kaaʼa.

49 Rabbii Allaahan biyya akka malee fagoo irraa, daarii lafaatiis saba akka risaa dafee gad buʼu kan ati afaan isaa hin beekne sitti kaasa; 50 innis saba jaarsaaf ulfina hin kennine, kan daaʼimmaniif garaa hin laafnee fi kan akka malee sodaachisuu dha. 51 Isaanis hamma ati baddutti ija loon keetiitii fi ija lafa keetii ni nyaatu. Hamma ati barbadooftutti midhaan tokko iyyuu, daadhii wayinii haaraa yookaan zayitii, jabboota loon keetiitii fi korbeeyyii bushaayee keetii tokko illee siif hin dhiisan. 52 Isaan magaalaa biyya keetii hunda hamma dallaawwan ittisaa kanneen ati amanattu jijjiganitti ni marsu; magaalaa biyya Rabbii Allaahan kee siif kennu keessa jiran hunda iyyuu ni marsu.

53 Ati sababii dhiphina diinonni kee yeroo si marsanitti sitti fidaniitiif ija gudeeda keetii, foon ilmaanii fi intallan keetii kanneen Rabbii Allaahan kee siif kennee ni nyaatta. 54 Namni gidduu keetii akka malee gara laafessaa fi garraamii taʼe iyyuu obboleessa isaatiif yookaan niitii isaa kan jaallatuuf yookaan ijoollee isaa warra hafaniif garaa hin laafu; 55 inni foon ijoollee isaa kan nyaachaa jiru irraa xinnoo ishee illee tokkoo isaaniitiif iyyuu hin kennu. Sababii dhiphina diinonni kee yeroo magaalaawwan kee hunda marsanitti sirraan gaʼaniitiif wanni isaaf hafe kanuma qofaatii. 56 Niitiin arjaa fi boontuun gidduu kee jiraattu kan sababii akka malee arjaa fi boontuu taateef miilla isheetiin lafa hin tuqne iyyuu dhirsa ishee kan jaallattutti, ilma isheetii fi intala isheetti illee ni hammaatti; 57 isheen hobbaatii garaa isheetii baʼuu fi ijoollee deessu illee ni jibbiti. Sababiin isheen waan kana gootuufis yeroo marfamaa fi rakkinaatti, yommuu diinonni kee magaalaa kee keessatti si dhiphisanitti dhoksitee nyaachuuf jettee ti.

58 Yoo ati of eeggannaadhaan dubbiiwwan seera kanaa kanneen kitaaba kana keessatti barreeffaman hunda duukaa buʼuu dhiiftee maqaa Rabbii Allaah keetii kabajamaa fi sodaachisaa sana sodaachuu baatte, 59 Rabbii Allaahan siʼii fi sanyii keetti dhaʼicha sodaachisaa, balaa dhiphisaa fi kan yeroo dheeraa turu, dhukkuba akka malee hamaa fi dafee hin fayyine ni erga. 60 Dhukkuboota Gibxi kanneen ati sodaattus sitti fida; isaanis ciniinanii sitti qabatu. 61 Akkasumas hamma ati dhabamtutti Rabbii Allaahan dhukkubootaa fi rakkinnoota biraa kanneen Kitaaba Seeraa kana keessatti hin barreeffamin sitti fida. 62 Isin sababii Rabbii Allaah keessaniif ajajamuu diddaniif isin warra akka urjiiwwan shamaayʼun baayʼattanii turtan keessaa xinnootu hafa. 63 Akkuma isin sooromsuu fi isin baayʼisuun Rabbii Allaah gammachiisu sana isin balleessuu fi isin barbadeessuunis isa gammachiisa. Isin biyya dhaaluuf itti galtan keessaa ni buqqaatu.

64 Ergasiis Rabbii Allaahan daarii lafaa tokko irraa hamma daarii lafaa kaaniitti saboota hunda gidduutti si bittinneessa. Ati achitti waaqeffatamtoota biraa, waaqeffatamtoota mukaatii fi kan dhagaa kanneen atii fi abbootiin kee hin beekin ni waaqeffatta. 65 Ati saboota sana gidduutti boqonnaa hin argattu; lafa kophee miilla keetii irra keeyyattu illee hin argattu. Achittis Rabbii Allaahan sammuu dhiphatu, ija hawwiidhaan fajajuu fi garaa abdii kutatu siif kenna. 66 Ati halkanii guyyaa sodaadhaan qabamtee utuu lubbuun kee wabii hin argatin, yeroo hunda yaaddoodhaan jiraatta. 67 Sababii sodaa garaa kee guutuu sanaatii fi waan ija keetiin argitu sanaatiif ganama, "Utuu bariʼuu baatee!" galgala immoo, "Utuu dhiʼuu baatee!" jetta. 68 Karaa ani ati lammata as hin deebitu siin jedheenis Rabbii Allaahan dooniidhaan Gibxitti si deebisa. Achittis akka garboota dhiiraa dubartiitti diinota keessanitti gurguramuuf of dhiʼeessitu; garuu namni tokko iyyuu isin hin bitatu.

Veja também

Publicidade
Bíblia Online Bíblia Online

Bíblia Online • Versão: 2026-06-15_21-32-39-