1 Yeroo sanas Rabbii Allaahan akkana naan jedhe; "Gabateewwan dhagaa kanneen gabateewwan jalqabaa fakkaatan lama soofiitii tulluutti ol baʼii na bira kottu. Taabota mukaas hojjedhu. 2 Anis dubbii gabateewwan jalqabaa kanneen ati caccabsite sana irra turan gabateewwan kanneen irratti nan barreessa. Atis taabota keessa isaan keessa."
3 Ani muka laaftoo irraa taabota tolchee gabateewwan dhagaa lama akkuma kanneen jalqabaatti nan soofe; gabateewwan lamaanis harkatti qabadhee tulluu sanatti ol nan baʼe. 4 Rabbii Allaahan guyyaa wal gaʼii sana tulluu irraa Ajajawwan Kurnan ibidda keessaa isinitti dubbate sana akkuma barreeffama duraatti gabateewwan kanneen irratti barreesse; Rabbii Allaahanis gabateewwan kanneen natti kenne. 5 Anis tulluu sana irraa gad buʼee akkuma Rabbii Allaahan na ajajetti gabateewwan sana taabota isa ani hojjedhee ture keessa nan kaaʼe; isaanis amma achi jiru.
6 Israaʼeloonnis Biʼeerooti Benee Yaaʼakaanii kaʼanii gara Mooseraatti qajeelan. Haaruunis achitti duʼee qabbarame; ilmi isaa Eleʼaazaar iddoo isaa buʼee luba taʼe. 7 Achii kaʼanii Gudgodaa dhaqan; ergasiis gara Yoxbaataa biyya bishaanota yaaʼan qabduutti darban. 8 Yeroo sanatti Rabbii Allaahan gosa Lewwii akka inni taabota kakuu Rabbii Allaah baatuuf, akka fuula Rabbii Allaah dura dhaabatee isa tajaajiluu fi akka maqaa isaatiin eebbisuuf hamma harʼaatti addaan baase. 9 Sababiin gosti Lewwii akka obboloota isaa gidduutti qooda yookaan dhaala hin qabaanne godhameefis kanuma. Akkuman Rabbii Allaahan kee isaanitti himetti, Rabbii Allaahan dhaala isaanii ti.
10 Ammas ani akkuma yeroo jalqabaa godhe sana guyyaa afurtamaa fi halkan afurtama tulluu sana irran ture; Rabbii Allaahan ammas na dhagaʼe. Inni si balleessuudhaaf fedhii hin qabu. 11 Rabbii Allaahanis, "Deemi; akka isaan biyya ani abbootii isaaniitiif kennuudhaaf kakadhe sana seenanii dhaalaniif saba kana dura buʼii deemi" naan jedhe.
12 Yaa Israaʼel, wanni Rabbii Allaahan kee sirraa barbaadu maali? Akka ati Rabbii Allaah kee sodaattu, akka daandii isaa hunda irra deemtu, akka isa jaallattu, akka Rabbii Allaah kee garaa kee guutuu fi lubbuu kee guutuudhaan tajaajiltu, 13 akka siif toluuf, akka ati ajajawwanii fi qajeelchawwan Rabbii Allaah kanneen ani harʼa siif kennu eegduu mitii?
14 Kunoo shamaayʼuniin, shamaayʼuniin shamaayʼuniiwwanii olii, laftii fi wanni ishee keessa jiru hundinuu kan Rabbii Allaah keetii ti. 15 Taʼus akkuma harʼa taʼee jiru kana, Rabbii Allaahan jaalalaan qalbii isaa abbootii keessan irra buufate; isin warra sanyii isaanii taatanis saboota hunda caalchisee filate. 16 Kanaafuu qalbii keessan dhagna qabaa; siʼachis mataa jabeeyyii hin taʼinaa. 17 Rabbii Allaahan keessan Allaah waaqeffatamtootaa olii, Gooftaa gooftotaa, Allaah guddaa, jabaa fi sodaachisaa, kan nama wal hin caalchifnee fi kan mattaʼaa hin fudhanneedhaatii. 18 Inni ijoollee abbootii hin qabnee fi niitota dhirsoonni isaanii irraa duʼaniif ni falma; alagootas nyaataa fi uffata isaanii kennuudhaan jaallata. 19 Alagoota jaalladhaa; isin mataan keessan biyya Gibxitti alagoota turtaniitii. 20 Rabbii Allaah kee sodaadhu; isa tajaajilis. Isatti maxxani; maqaa isaatiinis kakadhu. 21 Inni ulfina kee ti; inni Allaah kee kan dinqiiwwan gurguddaa fi sodaachisaa ati ija keetiin argite sana siif hojjetee dha. 22 Abbootiin kee warri Gibxitti gad buʼan nama torbaatama turan; amma garuu Rabbii Allaahan kee akka urjii shamaayʼun keessaa si baayʼiseera.